Balaa xiyyaaraa Iraan: Kufaatii xiyyaara Yukireeniif sababni 'dogongora namaati' jette

Madda suuraa, EPA
Iraan meeshaan humna ittisa qileensaa dogongora qabaachuu isaatiin Amajjii keessaa xiyyaara imaltoota Yukureen irra balaan qaqqabe jette.
Gabaasa Dhaabbanni Aviyeeshinii Iraan (CAOI) guyyaa Sanbataa baaseen, balaa xiyyaara Yukreen irratti raawwatameef 'dogongora namaa' fi waraanni walqunnamtii gahaa dhabuu balaaleeffateera.
Xiyyaarri imaltootaa qabeenyummaansaa kan Yukreen ta'e battaluma Buufata Xiyyaaraa Tehraanii ka'ee erga miisaa'ela lamaan rukutamee booda kufee caccabuun imaltoonni keessa turan 176 du'aniiru.
Jalqabarratti garuu Iraan balaa qaqqabeef itti gaafatamummaa fudhachuu diddee turte.
Haa ta'u malee, erga qondaaltonni qorattoota warra Lixaa balaa qaqqabe keessatti Iraan harka qabaachuuf ragaan argasiisu argameera jedhanii booda biyyattiin dogongora kan fudhatte.
Pirezidaantiin biyyattii Hasan Rohaaniin xiyyaarichi dogongoraan misaa'eelaan rukutamuu himanii, haalichaanis ''dogongora dhiifama hinqabne' jedhanii turan.
Xiyyaarri qabeenyummaansaa kan Daandii Qilleensaa Yukreen ta'es Amajjii 8 irratti rukutamee kan kufee caccabe.
Sababii tibba sana Iraaniifi Ameerikaa jirruutti wal-dhabdeen cimaan tureef humni ittisa qilleensaa Iraan of eeggannoo cimaarra ture.
Osoo xiyyaarri kun hinrukutamiin sa'aatiiwwan muraasaan duras, haaloo ajjeechaa Ameerikaan qondaalaa olaanoo Iraan Qaasem Solemaanii irratti Baagdaadiitti raawwateef, biyyattiin kaampii waraanaa Ameerikaa kan Iraan keessatti argaman lama misaa'eelaan haleeltee turte.
Gabaasichi maal jedhe?
Gabaasni guutuun Dhaabbata Aviyeeshinii Iraaniin dhimmicha irratti dhiyaatees ummataaf ifa hintaasifamne. Haa ta'u malees cuunfaan gabaasichaa ejansii oduu motummaatiin maxxanfameera.
Dhaabbatichi akka jedheettis bu'aa argannoo isaatiin xiyyaarri imaltootaa daangaadhuma balaliinsaa isaa sirriin keessa imalaa ture.
Garuu kutaan ittisa qilleensaa irratti xiyyeeffate haalli itti meeshaa isaa dhaabbatee sirriitti hinture. Sababii kanaatiinis xiyyaara imaltootaa akka kan ergama hamaatiif dhufeetti adda baasuun rukute.
Akkasumas baatiriin misaa'eelichaa jidduu gala ajjajaa waliin wal hinqunnamu ture jedheera. Kanaafu osoo mirkanneeffanaa jiddugalicha irraa hinargatiin xiyyaarichatti dhokaafame jedheera. .
"Osoo rakkooleen kunneen hinturree ta'e, xiyyaarichi ilaamaa keessa hingalu ture,'' dhajeedha dhaabbatichi gabaasa isaa kanaan.
Baatii darbee keessa aanga'oonni Iraan balaa kanaan wal qabatee naoommi jaha to'atamaniiru jedhee ture.

Iraan irra deddeebiin saanduqa gurraacha xiyyaarichaa (black box) kan odeeffannoo haasaa ture qabatu, gadi dhiisuuf baayyee harkifataa jirti.
Saanduqichis qorannoodhaaf Adooleessa 20'tti gara Faransaayiitti ergamu akka qabu Ejansiin Oduu IRNA gabaaseera.
Iraan tibba xiyyaaricha rukuttee sana maaliif samii bilisa akka hintaasisiin ilaalchisee waan hedduutu dubbatamaa jira.
Waraabbiin raadiyoo dhiheenya CBC Kaanaadaatiin argame tokko akka yaada keneetti, fedhii Iraan bu'uuraalee qilleensa Ameerikaa kan Iraan keessaa irratti haleellaa raawwachuuf qabduu akka hinbarmneef ta'u mulliseera.
Waraabbiin sagalee sunis haasaan maatii balichaan miidhaman keessaa tokko ta'eefi Haasan Reza'eefaar kan yeroo sanatti qorannoo balaa sanaa ogganaa turee jidduutti taasifamee qabateera.
Itti aanaan Minisitira Haajaa Alaa Mohseen Baahaavaandii garuu akka ragaatti dhiyaachu hindanda'u jechuu waraabbii sagalee sana kufiisaniiru.













