Balaa xiyyaaraa Yukreen Iraanitti qaqqabeen 'namoonni 170 ol du'an'

Madda suuraa, AFP
Xiyyaarri booying 737 imaltoota 170 oli qabate Iraaan keessatti kufee caccabee keessa namni lubbuun oolee hin jiru jechuun mootummaan Yukireen dubbateera.
Xiyyaarri qabeenyummaansaa kan Daandii Xiyyaaraa Yukireen tahe buufata xiyyaaraa Imaam Koohomeeni, Teraan irraa akkuma ka'eeni kan kufe jedha ageensiin oduu Faars.
Imaaltoonni xiyyaara kanaa lammiilee biyyooti adda addaa torbaadha.
Namoota lubbuun isaani darbee keessaa lammileen Iraan 82, Kaanadaa 63, hojjeetoota dabalatee lammileen Yuukireen 11, Iswiidin 10, lammilee Afgaanistaan afuur, lammilee Biriteen sadiifi lammileen Jaramanii sadii akka argaman ministirri alaa Yukireen ibseera.
Ministrii haajaa alaa Yukireen Vasil Kiyrich "Akka odeeffannoon qulqullaa'e nuti qabnutti, lubbuun imaaltoota fi hojjetoota xiyyaarichaa hundi darbeera," jechuun midiyaalee biyyattitti himaniiru.
Gabaasonni dursanii bahan akka mul'isanitti xiyyaarichi gara magaalaa guddoo Yukireen Kaayiv imaluuf ka'e.
Waanti mudate muuddama Iraaniif fi Ameerikaa jidduu jiru waliin wal qabachuusaa hin mirkanoofne.
Akka imbaasiin Yuukireen Iraan jiru beeksiseetti garuu balaan kun kan uumame raakkoo mootaraatiin malee shororkeessummaatiin miti.
Gareen lubbuu baraartoota gara iddoo xiyyaarri kufee caccabee ergamaniiru.
''Xiyyaarichi boba'aa jira garee keenya garuu gamasitti ergineerra, kanaanis imaltoota muraasa lubbuudhaan ni hambisna taha,'' jechuun hogganaan tajaajila yeroo balaa Pirhoseen Koolvindaa TV biyyalessaatti himuu Rooyitars, gabaaseera.
Oduun kana ilaalchisuun waanti haaraa yeroo dhufu isin beeksisna.













