Balaa xiyyaaraa: Daarfur Dhihaatti qaqabeen namoonni 18 du'an

Daarfuur

Xiyyaarrii loltuu biyya Sudaan Daarfur Dhihaatti kufuun yoo xiqqaate namoonni 18 du'an. Kanneen keessaa afur daa'imman jedhameera.

Xiyyaarichi buufata xiyyaaraa Eel Janaayinaa kan magaalaa guddoo biyyattitti argamurraa ka'uun erga daqiiqaa shan balali'etiin booda ture kan kufee caccabe.

Naannoo wal-waraansi sabaa jirutti gargaarsa dhaqachuuf otoo deemuuti balaan kuni kan qaqqabe.

Dubbii himaan loltuu Amiir Mohaammad al-Hassan warra du'an keessaa torba hojjettoota xiyyaarichaa, ogeessota seeraa sadii fi namoota nagaa saddeet, isaan keessa afura ijoollee tahuu himan.

Xiyyaarrri Antoonii 12 jedhamu sababii maaliin kufee akka caccabe waan barame hin jiru, adda baafachuuf qorachaa jirra jedhan Hassan.

Torbee kana qofa wal-waraansa Sudaan naannoo Dhiha Daarfuritti adeemsifameen yoo xiqqaate namoon 48 yoo du'an, 241 immoo madaa'aniiru jechuun Waldaan Fannoo Diimaa gabaaseera.

Wal-dhabeen kun Arabootaa fi garewwaa Afrikaa gidduutti naannoo Eljenaayinaa Dilbata dhalata hanga guyyaa itti aanuttii hin dhaabbanne ture.