Waliigaltee Sudaan Kibbaa: Ameerikaan qondaaltota Sudaan Kibbaa akeekkachiifte

Madda suuraa, Getty Images
Mootummaan Yunaayitid Isteet nama adeemsa waliigaltee nagaa Sudaan Kibbaa faallaatti dalage gara Ameerikaa akka hin seenne nan dhowwa jette.
Ibsa Waajjirri Ministira Dhimma Alaa Yunaayitid Isteet baasen waliigalteen nagaa hoggantootaan waan lafarra harkifateef ummanni rakkateera jedha.
''Ummata Sudaan Kibbaaf hoggantoota garaagarummaa jiru dhiphisuun waan caalu hojjechuuf fedhii qaban qabaachuutu malaaf,' jedheera ibsichi.
Akkaataa waligaltee nagaa Pirezidantii Sudaan Kibbaa Salvaa Kiir fi morkataan isaanii Riik Machaar bara darbe waliigalanitti taanaan bara darbe motummaa waloo hundeessu qabu ture.
Ta'us, kuni osoo hin ta'in hafeera.
Sababa kanaaf, Ameerikaan walitti dhufeenya Sudaan Kibbaa waliin qabu keessa deebitee ilaalaa jirti.
Qondaaltonni siyaasaa lamaan akka jedhanitti baatii Guraandhala keessa motummaa waloo noi hundeessu.
''Namoonni kallattiinis ta'e kallattii malee araarri nagaa akka hoijiirra hin oolle dhorkan 'visa' ni dhorkamu,'' jedheera Ministeerri dhimma alaa.
Kunneenis kannene asin gadi tarraa'an dabalata:
- Waliigaltee waraana dhaabu diiguu yookiin waligaltee nagaa booressuu
- Qoqqobbii waraanaa Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomani kaa'e diigu
- Malaammaltummaa waldhabdee hammeessuu keessa harka seensisu
- Mirga ofin of ibsuu, gurmaa'u, akkasumas kaan hacuucu
- Waliigaltee nagaa mallatteessanif bitamuu dhabu













