Poopi Firaansiis 'Sudaan Kibbaa daawwachuuf yaada qaba' jedhan

Ibsa waa'ee viidiyoo, Poopi Firaansiis hoggantoota Sudaan Kibbaa miila dhungatan

Poopi Firaansis hogganooti Sudaan Kibbaa wal qooduu dhiisanii egeree biyya isaaniif jecha waliigaluu akka qaban waamicha dhiyeessan.

Sagantaa eebbaa kan torbanii Vatikaan keessatti raawwatu irratti bara faranjootaa dhufu kanatti 'Sudaan Kibbaa daawwachuuf yaada qaba' jechuunis dubbatan.

Abbaan amantaa ganna 82 Poopi Firaansiis Eebla darbe hogganota lamaan, Salvaa Kiir fi Riik Mashaar Vaatikaanitti aferanii miila irratti kufanii nagaa akka buusan kadhatanii ture.

Poopiin miila namaarratti kufee kadhachuun waan ammaan dura hin baramne.

Lolli pireezidantii Sudaan Kibbaa Salvaa Kiir fi itti aanaa isaanii kan turan Riik Mashaar jidduutti bara 2013 eegale lubbuu namoota 400,000 galaafateera.

Hogganoonni lamaan Fulbaana bara 2018 waliigaltee waraana dhaabuufi nagaa buusuu walii mallateessanii turan.

Haa ta'u malee Kamisa darbe, karoora waliin ta'uun mootummaa tokko dhaabuuf qaban hanga Guraandhala bara dhufuutti tursiisuuf waliigalaniiru.

Ammatti garee hogganoota lamaanii jidduutti lolli dhaabatullee, waliigalteen nagaa buusuu garuu bu'ura jaba hin gdhanne jedhe gulaalaan 'BBC Africa' Wiil Roos.