Xiyyaarri loltuu Ameerikaa xiyyaara imaltootaa Iraanirraan balaa gahuuf oole

Madda suuraa, AFP
Jeettiin loltuu Ameerikaa xiyyaara imaltootaa Iraanitti haala balaa qaqqabsiisuu danda'uun itti bu'ee oole jedhe miidiyaan Iraan.
Kun kan tahe daangaa qilleensaa Siiriyaa keessattidha, Ameerikaan immoo himannicha ni haalti.
Ejansiin Oduu Iraan Iriib balaliisaan xiyyaara imaltootaa Mahaan ol ka'insa balalii xiyyaarichaa geeddaruuf dirqamee ture kunimmoo imaltoota baayyee madeesse jedha.
Viidiyoon ejensichaan maxxanfame jeettii karaa foddaa xiyyaaraa mul'attuufi nama fuularra dhiigni jiru agarsiisa.
Raayyaan Ameerikaa garuu jeettiin F-15 jedhamtu fageenya ishee eeggatteetu balali'aa turte jedheera.
''Jeettiin Ameerikaa F-15 akkuma ergama ishee yeroo kaanii Siiriyaa keessaatti xiyyaara imaltootaa Iraan fageenya meetira 1000 irraati sakatta'aa turte,'' jechuun Dubbii himaan Komaandii Gidduugala Ameerikaa Kaapiteen Biil Arbaan dubbatan.
Sakatta'insi xiyyaarotaa kan taasifamu nagaa loltoota Ameerikaa daangaa Iraaqiifi Joordaan naannoo Al-Taanf jiran eeguufi jedhaniiru.
''Akkuma xiyyaarichi kan imaltootaa tahuun barameen jeettiin irraa fagaachuu jalqabdee,'' jedhan dubbii himaan kun.
Daandiin xiyyaaraa Mahaan Teeraan irraa ka'ee gara Beeruut deemaa ture Liibaanositti nagaan qubateera.
Xiyyaaricharra imaltootaafi hojjettoonni meeqa akka turan waan barame hin jiru. Erga boba'aa guuttateen booda xiyyaarichi Jimaata har'aa Iraanitti deebi'eera.
Gabaasa Iriib kana dura baaseen jeettiiwwan loltuu kunneen kan Israa'el illee tahuu malu jedheera. Mahaan daandii xiyyaaraa dhuunfaa Iraan bara 1991tti hundaa'e dha.
Bara 2011tti Ameerikaan humnoota daandii xiyyaaraa kun garee hidhataa Islaamaa 'Revolutionary Guards,' jedhamaniif deeggarsa maallaqaa fi teekinolojii taasisa jechuun qoqqobbii irra keessee turte.
Bara 2019tti immoo biyyooti Awurooppaa baayyee akka biyya isaanii hin galle dhorkaniiru.














