Raashiyaan Yuukireen irratti ' haleellaa bal'aa gaggeessuu' akka dandeessu US akeekkachiifte

Vilaadmiir Putiin fi Joo Baayidan

Madda suuraa, Reuters

Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan fi Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin muddama cimaa dhimma Yukireen ilaalchisuun Kibxata viidiyoodhaan akka waliin dubbatan Waayit Haawus beeksiseera.

Tibba kana Ministirri Dhimma Alaa US Antoonii Bilinkan Raashiyaan Yukireen irratti "haleellaa bal'aa raawwachuuf" karoora baafachuushee ragaa agarsiisu Ameerikaan akka argatte ibsaniiru.

Haata'u malee, Pirezidant Putiin Yukireeniin weeraruudhaaf murtee isa dhumaarra gahuun isaa ifa miti jechuun itti dabaluun ibsaniiru.

Raashiyaan gamasheetiin yaada haleeluufi weeraruu jedhu fudhatama dhabsiisuun Yukireen raayyaashee baayyistee jabeeffachaa jirti jechuun himatteetti.

Pirees Sekreetaariin Waayit Haawus ibsa Sambata galgala kenniteen pirezidant Joo Baayidan "Bakka Raashiyaafi Yukireen wal daangessan irratti sochii loltummaa Raashiyaan taasisaa jirtuun yaaddoo Ameerikaan qabdu, akkasumas deeggarsa Ameerikaan birmadummaafi tokkummaa daangaa Yukireeniif qabdu" ilaalchisuun pirezidantii Raashiyaa waliin marii karaa bilbilaatiin taasisan irratti ni kaasu jedhameera.

Yukireen gamasheetiin Raashiyaan bakka biyyoonni lamaan wal daangessan irratti kokolaatonni meeshaa hidhatan, meeshaalee waraanaa elektirooniksiifi loltoota kuma 94 ta'an bobbaasuushee ibsiteetti.

Erga kutaa bulchiinsa Yukireen kan taate Kireemiyaa bara 2014 fudhatteen booda daangaa waloo kanarratti meeshaa waraanaa gurguddaafi loltoota bobbaasuun Raashiyaa kun kan jalqabaati.

Ministirri Ittisaa Yukireen Oleksiyiis Reevinikov gabaasaaleen dhimmoota nageenyaa eeruun akka himanitti, Raashiyaan dhuma ji'a Amajjiitti haleellaa loltummaa raawwachuu dandeessi.

Sochiin waraanaa Raashiyaa yeroo ammaa kana taasisaa jirtu ammoo hariiroo Ameerikaafi Raashiyaa duraanuu gaarii hin turre daran akka hammaatu taasiseera.

Gaafa Mudde 03, 2021 Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan, "wanta namoota hedduu yaddesseefi raawwatamuu danda'a jedhamee eegamaa jiruu," kanaan "rakkisaa, baayyee qormaata kan qabu akka ta'u," jechuun Putiiniin akeekkachiiseera.

Raashiyaan tarkaanfii jabaataa yoo fudhatte Ameerikaafi michiinnishee Awurooppaa qoqqobbii kaa'uudhaaf mariyataniiru.

Yukireen miseensa miseensa Waliigaltee Humna Waraanaa Kaaba Atilantikii (NATO) ta'uu baattus, dhaabbaticha waliin hariiraa cimaa kan qabduufi misaa'eloota farra taankii Javiliin Ameerikaa dabalatee biyyoota gama Lixaa irraa meeshaaleen waraanaa deeggarsaan ni argatti.