US fi Iraan marii niiwukilaraa dhaabbatee ture eegaluuf

Pirezidantii IRaan Ibiraahim Raayiisii yeroo bakka Yuraaniyeemi daawwatanitti

Madda suuraa, Reuters

Mariin dhimma niiwukilaraa Iraaniifi biyyoota gama lixaa gidduutti adda citee ture baatiiwwan shaniin booda Veenaa keessatti deebi'ee eegalamuuf.

OJalqaba waliigaltee bara Gadaa Obaamaa keessa bara 2015 turetti Ameerikaan haala itti deebiyuu dandeessurratti ni mariyatu. Kun ammoo sochii Iraan niiwukilara gabbisuudhaaf taasisaa jirtu kan daangessuufi qoqqobbiin biyyattiirra kaa'amee ture akka ka'uuf gargaara.

Erga pirezidantiin duraanii Ameerikaa Doonaald Tiraamp bara 2018 keessa Ameerikaatiin waliigaltee sana keessaa baasuun qoqqobbiin sunis akka itti deebiyu taasiftee Iraan gochawwan waliigaltee ture cabsan raawwachaa turteetti.

Iraan waliigaltee ture kan kabajju yoo taate Joo Baayidan qoqqobbii kaasuuf hayyamamoodha. Ameerikaan tarkaafii isa jalqabaa akka fudhattu Iraan ni barbaaddi.

Dippilomaatonni biyyoota gama lixaa sagantaa gabbisa Yuraaniyeemii itti fufuudhaaf gara boombii niiwukilaraa omishuutti ce'aa wan jirtuuf mariidhaaf yeroon dhumeera jechuun akeekkachiisaa jiru.

Iraan garuu sagantaan Niiwukilaraa ishee guutummaan guutuutti tajaajila naga qabeessa ta'eef akka oolu himti.

Mariin Iraaniifi biyyoota shanaan (Chaayinaa, Firaans, Jarman, Raashiyaafi Yunaayitid Kindam) gidduutti taasifame wayita magaalaa guddoo Ostiriyaatti jalqabametti bakka buutonni Ameerikaas karaa kallattiin ala ta'een hirmaataniiru.

Aanga'aan olaanaa Ameerikaa tokko Niiwu Yoork Taayimsitti akka dubbatanitti Waashingiteeniifi Tehraanitti tarkaanfiin akkamii akka fudhatammufi yoom kan jedhu irratti "walumaagalatti waliigalteen kan xumurame" filannoo pireziaantummaa Iraan Waxabajji gaggeeffame dura ture.

Bulchiinsa Baaraak Obaamaa waliin marii waliigalee taasisaa kan turan Hasan Ruhaanii bakka bu'uudhaaf dorgommii taasifameen warra Lixaa qeequudhaan kan beekamu Ibiraahim Raayisii mo'ateera.

Raayisiin baatii Hagayyaaa osoo gara aangootti hin dhufiin dura mariin akka dheeratuuf akka hin hayyamne waadaa galeera. Ta'us, hanga jalqaba ji'a kanaatti gara Veenaatti deebiyuudhaaf tole hin jenne ture.

Gama Iraaniin namoonni marii waliigalteef taasifamurratti hirmaatan haala kamiiniyyu faayidaa biyyattii eegsisuuf duubatti akka hin jenne ibsaniiru.

Ministirri Dhimma Alaa Iraan Ameerikaan "balleessaa qabaachuushee akka amantu" akka fedhan dubbataniiru.

Dabalataanis qoqqobbiiwwan Ameerikaan Iraanirra keessa hundumtuu atattamaan akka ka'aniifi pirezidaantonni Ameerikaa itti aansee dhufan waliigaltee jiru dhiisanii akka hin baane "wabii" akka barbaadan ibsaniiru.

Iraaniif ergamaan addaa Baayidan Roobert Maaley gama isaaniitiin qoqqobbii dinagdee Iraan miidha kan Tiraamp irra kaa'ee ture kaasuu dabalatee gara waliigaltee sanaatti deebiyuudhaaf tarkaanfiiwwan barbaachisoo ta'an hunda fudhachuudhaaf qophii ta'uusaanii dubbataniiru.

Maaley itti dabaluun Iraan waliin "ulaan marii ... yeroo hunda banaa ta'uu dhiisuu mala," jechuun akeekkachiisaniiru.

Iraan meeshaalee hanga kuufamuu qabu murteessuudhaaf waliigalteetti. Kun ammoo sadarkaa itti gabbifamu, gabbisuudhaaf lakkoofsa maashinoota hojiirra oolfamaniifi gosa isaanii, akkasumas bakkawwan itti raawwatamuu dabalata.

Haata'umalee, Iraan Yuraaniyeemii gabbate hanga hayyamameen ol dachaa meeqa kuufatteetti.

Ejensiin To'annoo Atoomik Inarjii Idil-addunyaa bakkeewwan niiwukilara Iraan akka hin daawwanneef dhorkamaniiru.