Israa'el VS Iraan: Ministirri Muummee Israa'eel haaraan Iraan akeekkachiisan

Madda suuraa, Reuters
Mariin akkaataa sagantaa gabbisa niwukilaraa Iraan ittisuu irratti wayita gaggeeffamaa jirutti, Ministirri Muummee Israa'el haaraa filataman Iraan akeekkachiisan. Ameerikaa fi michuuwwan ishee miira sodaa keessaa dammaquu qabu jechuunis dhaaman.
Naaftaalii Beeneet ''bulchiinsi mootummaa haala suukanneessaan nama fannisu'' ammammoo darbee meeshaa waraanaa niwukilaraa qabaachuu fedha jedhanii balaaleffatan.
Iraan garuu gabbisa niwukilaraa meeshaa waraanaaf osoo hin taane anniisaa elektirikaaf akka fayyadamtu irra deddeebiin ibsiti.
Mariin waliigaltee dhimma gabbisa niwukilaraa Iraan kan Doonaald Tiraamp dhiisanii keessaa ba'an amma deebisanii itti fufuuf yaadi jiraatus, garuu waliigaltechi hanqina akka qabu himu dippiloomaatonni.
Israa'el waliigaltee sana cimsitee balaaleffatti.
Iraan nama duudhaa durii biyyattiitti cichan, abbaa seeraa olaanaa biyyattii Ibraahim Ra'iis pirezidaantiishee godhachuun Jimaata darbe filatte.
Filannoo sanarratti Ra'iisiif loogameera jedhamuun himamaa ture.
Pirezidaantii haaraan Hagayya dhufu keessa kakuu seenuun hojii eegalan kun qondaaltota Ameerikaan qoqqobbii irra keesse keessa jiru.
Kanaan dura hidhamtoota siyaasaa hiraarsanii ajjeesuudhaan maqaansaanii irra deddeebiin ka'a.
Biyyoota dhimma gabbisa niwukilaraa Iraan irratti dubbachaa turan (Ameerikaa, Uk, Firaansi, Chaayinaa, Raashiyaa fi Jarmanii)fi Iraan gidduutti Ebla darberraa eegalee bifa haaraan mariin akka itti fufuuf dubbatamaa ture.
Iraan qoqqobbii irra deddeebiin irratti walga'aa ture jalaa dandamachuuf jecha gabbisa niwukilaraa ishee hanga tokko hir'isuuf hojjechaa akka jirtu himteeti.
Erga US bara bulchiinsa Doonaald Tiraamp marii kana keessaa baatee as Iraan waliigaltee irra ga'amee ture irra deddeebiin sarbaa jirti.
Marii alkallattii Dilbata darbe Ameerikaa fi Iraan gidduutti gaggeeffamerratti biyyoonni ja'anuu Viyeenaatti argamanii kan turan yoo ta'u, boodarra garuu jilli marii kanarratti argame gara biyyasaanii akka deebi'anii fi walga'iin kunis akka yeroof adda citu murtaa'eera.
Iraan akka jettutti yeroo ammaa dhimma niwukilaraa isheerratti biyyoota mariirra jiran gidduutti walta'iinsatti dhiyaatamus, hanqinoota mul'atan guutuun garuu ammallee hojii guddaa barbaada.















