Iraan: Sirna addaa Iraan keessatti aangoon ittiin qabatamuufi biyyattiin ittiin gaggeeffamtu

Anga'oota olaanoo Iraan

Madda suuraa, ANADOLU AGENCY

Ibsa waa'ee suuraa, Anga'oota olaanoo Iraan

Sirni siyaasaa Iraan waxaxaafi adda yoo ta’u, qabiyyee barsiisa Islaamummaa jabanaafi dimokiraasii hammayyaa of keessatti hammate qaba.

Neetiworkiin jaarmiyaalee filannoo kanneen hojiilee Hogganaa Olaanaa biyyattii, kan Pirezidantiifi paarlaamaa uummataan filatameen to’atamu.

Akkaataan sirni siyaasa Iraan hojjjatuufi eenyu akka aangoo qabatummoo asii argattu.

Hogganaa Olaanaa Iraan

Hogganaa Olaanaa Iraan

Madda suuraa, Rooyitars

Ibsa waa'ee suuraa, Hogganaa Olaanaa Iraan

Hogganaan Olaanaan Iraan, nama biyyattii keessatti aangoo hundaa ol cimaa of harkaa qabudha.

Erga warraaqsa Islaamummaa (Islamic Revolution) gaggeeffamuun bara 1979 aangoo qabatee asitti Iraan Hoggantoota Olaanoo lama qofa horatte.

Isaaniis Aayatollah Ruhollaah Komahinii fi hogganaa Ayatollaa Alii Kameniidha.

Bulchiinsa Shah Mohaammed Reza Pahlavi aangoorra buufamuu hordofuun Komahiniin caasseffama siyaasaa olaanaarra taa’aan.

Hogganaan Olaanaan Iraan ajajaa olaanaa waraanaa biyyattii fi tikaas ni to’atu.

Hogganaan Olaanaatu nama mana murtii biyyatti hoogganu, gartokkee miseensota koree eegumsaa (Guardian Council), hooggantoota kadhannaa Juma’aa dursan, akkasumallee hooggantoota buufatalee TV fi raadiyoo mootummaa biyyattii kanneen hogganaan muuda.

Kana malees, faawundeeshiniin gargaarsaa maqaa Hoggaanaa Olaanaa biyyattiin hundaa’e dinagdee Iraan harka caalu to’ata.

Hogganaa olaanaan Iraan Komehiniin bara 1989 du’uu isaanii hordofuudhaan ture Ayatolaah Kamenihiin kan muudaman.

Aangootti cichuun isaanii maddiitti rakkoolee sirna bulchiinsa biyyattii humnaan ukkaamsuun beekamu.

Pirezidantii Iraan

Pirezidaantii Iraan Hassan Rouhani walgahii kaabiinee irrratti Teehraaniitti haasaa wayita taasisan Caamsaa 26, 2021

Madda suuraa, EPA

Pirezidantiin Iraan ganna afur, afuriin filatama. Taatulleen marroo lamaa ol walitti aansuun tajaajiluun hin eeyyamamuufi.

Heerrii biyyattii pirezidantin, nama biyyattii keessatti aangoo olaanaa qabachuun sadarkaa lamaffaarra jiru ta’udha ibsa.

Pirezidantiin damee hojii raawwachiftuu mootummaa kan dursu wayita ta’u, heerri biyyattii akka hojiirra ooluf itti gaafatamummaa qaba.

Kana malees imaammata biyya keessaaf alaarratti dhiibbaa uumuu qooda dandeessissu qaba.

Taatullee dhimma Iraan ilaallatu kamirrattu murtoo xumuraa kan dabarsuu hogganaa olaanaa biyyattiiti. Ji’a kana keessa lammileen Iraan nama pirezedanti Hasan Rohaanii bakka bu’u filataniiru.

Haaluma kanaanis qondaalli siyaasaa gameessi Ibraahim Rahisii filannoo Pirezedantummaa Iraan injifachun Sambata himame.

Rohaaniin, hogganaa amantaa filannoorratti sagalee wayya'a argachuun marroo lamaaf pirezedantummaan Iraan bulchaniidha.

Marroo lachuu filannoo marsaa jalqabaarratti sagalee% 50 caalu argachuun morkii marsaa itti aanu akka hin gaggeeffamne hambiseera.

Kaadhimamoota pirezidantii ta’uun kan danda’amu garuu yoo Koreen eegduu biyyatti(Guardian Council) kan barsiistota amantaa 12 fi ogeeyyii seeraa of keessa qabu mirkaneesse qofaadha.

Filannoo ji’a kana keessa filatamuuf kadhiimatoota pirezedantummaaf galma’aan 590 keessaa 7 qofaaf dorgomuu eeyyaman. Jara torban kana keessa garuu dubartiin tokkollee hin jirtu.

Paarlaamaa Iraan

Pirezeaantii Iraan Hasan Ruhaanii yeroo paarlmaatti dubbatan

Madda suuraa, EPA

Paarlamaa Iraan miseensota 290 kan qabu yoo ta’u, Majilisa jedhanii waamu. Majilisni ganna afur afuriin hawaasaan filatamu.

Paarlaamaan seera baasa (tuma), baajata biyyattii mirkaneessuuf dhiisu ni danda’a. Kana malees, pirezidantiifi ministeerota biyyattii waamanii gaaffii dhiyeessuu hanga aangoorra buusuullee ni danda’u.

Haata’u malee, seerri paarlamaan biyyattii tume hundi Koree eegduu biyyattiin mirkaneeffamu qaba. Filannoo paarlamaa biyyattiin bara 2020 gaggeessite booda paartileen ilaalcha fiixe tokkicha qofatti cichan infannoo guddaa gonfatan.

Koreen eegduu biyyatti kaadhimamtoota jijjiramni biyyatti keessatti akka jiraatu barbaadanifi ilaalcha giddugaleessa qaban wajjiin kaadhimatoota ta’u kanneen danda’an 7,000 filannoorraa haqe ture.

Mana marree Eegduu Iraan (Guardian Council)

Ahmad Jannati speaks in Tehran, Iran (12 March 2019)

Madda suuraa, AFP

Mana maree Eegduu Iraan qaama biyyatti keessatti dhiibbaa uumuu danda’u. Seera Paarlaamaa biyyattiin baaste raggaasisuufi jijjiruuf aangoo qaba.

Kana malees, kaadhimtoonni paarlaamaa keessatti akka hin dorgomne dhorkus ni danda’a.

Koreen kun barsiisota amantii hogganaa olaanaa biyyattiin mudaman qaba. Kana malee, ogeeyyii seeraa jaha qaamni seera hiiku muudee paarlaamaan mirkaneesse qaba.

Miseensonni Koree kanaa ganna jahaaf kan filaman yoo ta’u, miseensonni walakkaan isaanii waggaa sadi sadiin geeddaramu.

Amma Koree kun namoota ejjannoo siyaasa tokkichatti cichaniin guutameera, isaan keessa walitti qabaan Koree kanaa Ayatolla Ahimad Jannatii jedhamu.

Yaa’ii Ogeeyyii (Assembly of Experts)

Meeting of the Assembly of Experts in Tehran, Iran (4 March 2014)

Madda suuraa, Anadolu Agency

Yaa’iin Ogeeyyii qaama beektoota amantii Islaamaa 88 qabudha.

Yaa’iin kun hogganaa olaanaa biyyattii muuduufi ga’uumsa isaa to’achuuf aangoo qaba. Yoo dirqama isaarraa eegamu bahuu dadhabe aangoorraa buusuu ni danda’a.

Amma yoonaatti murtoo hogganaa olaanaa biyyattii garuu danquu dhabanis, hogganaan olaanaa Iraan Ayatollah Kamenii, maanguddoon ganna 82 dhukkubsatan kanatti Yaa’iin Ogeeyyii qaama biyyattiif murteessaadha.

Hogganaa olaanaan biyyatti tarii ni du’umoo aangoorraa buufamu dhimma jedhu filannoo iccitiin gaggeeffamuun namni bakka bu’u muudama.

Miseensa yaa’ichaa filannoon ganna saddet, saddeetiin gaggeefamuun filatamu. Filannoo dhiyootti kan gaggeeffame bara 2016 ture.

Yeroo sanatti warreen jijjiramni biyyattii keessatti akka jiraatu barbaadan fi ilaalcha siyaasaa giddugaleessa qabu jedhaman teessoo %60 injifatti dhiyaatu injifata. Yaa’ii sana dura turerratti garuu %25 gadi injifatanii turan.

Kaawunsilii Mijannaa (Expediency Council)

Kawunsiliin kun hogganaa olaanaa biyyattii kan gorsu wayita ta’u, wayita seerarratti waldhabbiin paarlaamafi Koree Eeegdota biyyattii gidduutti dhalatu aangoo murteessuu qaba.

Hogganaa olaanaan biyyattii miseensota 45 kan muudu wayita ta’u, abbootii amantaa bebbeekamoo, hawaasa keessaafi namoota siyaasaa bebbekamoo keessaa filatamu.

Yeroo amma walitti qabaan isaanii Ayatollah Saadiq Alii Larijani, nama hogganaa qaama seera baastuu biyyattii turan.

Hogganaa Olaanaa qaama haqaa

Ibraahim Raasi erga 2019 hogganaa olaanaa haqaa ta'un tajaajilaa turan amma filannoo mo'atan

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Ibraahim Raasi erga 2019 hogganaa olaanaa haqaa ta'un tajaajilaa turan

Hogganaan haqaa biyyatti kun hogganaa olaanaa Iraaniin muudaman.

Hogganaaa damee haqaa biyyattii qaama seera hiiktu kan hogganu wayita ta’u, abbaan seeraa seerri Islaamummaa hojiirra hojiirraa oluusa mirkaneessa.

Hogganaa Haqaa biyyatti abbaa amantii , Ibiraahim Ra’isii jedhamuun hogganama.

Qaamni seera hiiku qaamolee tikaa fi basaasa wajjin qondoomee kan hojjatu wayita ta’u, mormitoorratti tarkaanfii jajjabaa fudhachuusaatiin rogeeyyii mirga namoomaaf falmaniin himatama.

Filattoota

Women cast their votes at a polling station in Tehran, Iran, during parliamentary elections (20 February 2020)

Madda suuraa, AFP

Lammilee Iraan miliyoona 83 keessaa miliyoona 58tti kanneen dhiyaatan umriin isaanii ganna 18 oli kan ta’aniifi filachuu danda’aniidha.

Namoota sagalee filannoo kennuu danda’an keessaa harki caalan isaanii dargaggoota yoo ta’an, gartokkeen uummata biyyattii umriin isaanii ganna 30 gadidha.

Humnoota hidhatan

Iranian President Hassan Rouhani attends military parade on National Army Day in Tehran, Iran (18 April 2019)

Madda suuraa, Anadolu Agency

Humni hidhatan gartuu Islamic Revolution Guard Corps (IRGC) fi waranaa idilee of keessaa qabudha.

Gartuun eegdota IRGC warraaqsa biyyattii keessa ture booda kan hundaa’e yoo ta’u, sirna Islaamummaa biyyattii eeguuf kan hundaa’e fi humna waraana biyyattiin wal madaalu qaba.

Gartuun kun hogganaa olaanaa biyyattii wajjin hidhata cimaa kan qabu yoo ta’u, qaama hidhannoon cimaa qabu, siyaasafi dinagdee biyyattii keessatti qooda olaanaa taphatu ta’eera.

Gartuun IRGC jedhamuu kun loltoota lafoo , galanaarraafi humna qilleensa ofiisaatii kan qabu yoo ta’u, meeshaalee waraanaa tarsimoof biyyattiin itti gargaramtu ni to’ata.

Kana malees, hidhattoota mormitoota ukkamsan‘Basij 'Resistance Force’ jedhaman gartuu IRGC jedhamutu to’ata.

Qondaaltonni olaanoo IRGC fi gaggeessitoonni waraaana biyyattii hundisaanii hogganaa olaanaa biyyattiin muudamu.

Kaabinee

Iranian President Hassan Rouhani chairs a cabinet meeting in Tehran, Iran (8 January 2020)

Madda suuraa, Anadolu Agency

Miseensonni Kaabinee immoo pirezdantii Iraaniin filatamu. Sana booda immoo paarlamaan biyyattii muudama isaanii mirkaneessa.

Kaabinee biyyattii kan walitti qabu pirezedantii ykn pirezedantii ittaanaa biyyattiitu walitti qaba.