Israa’el pirezidantii Iraan haaraa filataman irraa ''yaaddoo hamaa'' akka qabdu ibsite

Ibraahim Rahiisii

Qondaalli siyaasaa gameessi Ibraahim Rahisii filannoo Pirezedantummaa Iraan injifachun Sambata himame.

Dorgommiin gaggeeffame Rahisiin akka filatamu addatti akka loogetti ilaalama.

Ibraahim Rahisiin filatamuu garuu Israa’el hin jaalanne.

Israa’el filatamuun Pirezedantii haaraa Iraan Ibraahim Rahisiin hawaasa idil-addunyaa yaaddeessuu qaba jetti.

Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Israa’el Liyoor Hayat, Rahisiin pirezedantota biyyattii hunda caala finxaalessa jedhan.

Itti dabaluun, hogganaa haaraan kun sagantaa gabbisa niwukira biyyattii ni dabalaa jedhan.

Aab Rahisiin abbaa seeraa olaanaa biyyattifi ilaalcha siyaasa gartuu tokkootti cichuun beekaman yoo ta’u, Hagayya dhuftu sirna kakuu raawwachuuf jiru.

Rahisiin qondaala Iraan Ameerikaan qoqqobdefi hiidhamtoota siyaasa kana dura ajjeesisuutti hidhata qabudha.

Pirezedantiin Iraan haaraa filataman kun filannoo injifachuu isaanii ibsamuu hordofee, amantaa hawaasni mootummaarratti qabu‘’nan cimsa’’,guutummaa biyyattiin hogganaan ta’a jedhaniiru.

‘’Mootummaa warraaqsaafi cimee hojjatu,farra-malaammaltummaa qabu nan hundeessa’’jechuusaanii miidiyaan biyyattii gabaase.

Haata’u malee, Dubbihimaan Ministeera Dhimma Alaa Israa’el Liyoor Hayat qeeqa tiwitara gubbaatti barreessaniin’’finxaalessa beeekamadha, sagantaa gabbisa niwukilara Iraan meeshaa waraanaaf akka oolutti kutannoon hojjatu’’ jedhan.

Iraan fi Israa’el ‘waraana dhoksaa’ ganna dheeraaf itti ture keessa jiraachuun isaanii kunimmoo biyyoonni lameenu dabareen haaloo akka wal bahaniif taasise.

Taatulle waraana humna guutuu qabaniin waliirratti hin labsine.

Tibbana garuu dinummaa biyyoota lamaan giddu jiru daranuu deebi’ee hammaatera.

Haalli waldhabbii isaanii hedduu walxaxaadha, garuu maddi waldhabbii isaani tokko sagantaa gabbisa niwukilaraa Iraani.

Iraan immoo ajjeeffamu saayintistii dhimma niwukiraa Iraan bara darbeefi haleella iddoo gabbisa yuraaniyeemii biyyattierra qaqqabeef Israa’el balaaleffatti.

Kun otoo haala kanaan jiru, Israa’el sagantaan gabbisa niwukilara Iraan nageenyaaf qofaa miti gara boombii niwukiraatti guddisuu barbaaddi jetti.

Waligaltee gabbiisa niwukira Iraan bara 2015 qoqqobbiin jajjaabaan biyyattirra akka ka’uuf ka’umsa ta’ee ture.

Biyyattiin immoo eega kanaaf hojiiwwan gabbisa niwukiraaan wal qabatan dhaabdee turte.Waliigalteen sun garuu pirezedantiin duraanii Ameerikaa Doonald Tiraamp aangootti qabachuu hordofee bara 2018 jige. Sana booda qoqqobbii dinagdee biyyattii laamshessuu biyyattiirratti irra deebiin dabarfame.

Bulchiinsi Joo Baayideen garuu yeroo ammatti akkaataa waliigaltee dhimma niwukilaraatti deebi’uf yaalaa jiru.

Qoqqobbiin wayitaa Iraanirratti jabaatu garuu biyyattiin gabbisa niwukilara olguddisuun deebii kennite.

Amma gabbisni niwukiraa yuuraniyeemii biyyattiin qabdu sadarkaa yeroo kamiyyuu caala olaanaarra qaqqabeera.

Taatullee ammas sadarkaa boombii nuwkilaraatti guddachuurra hin qaqqabne.

Ameerikaan firii filannoo biyyattiirratti qeeqa wayita dhiyeessitu’’lammileen Iraan hogganaa isaanii adeemsa filannoo haqaa qabeessaafi bilisaan filachuu dhorkaman’’jette.

Filannoo kanarratti kanneen filannoof sagalee kennan hira’ataniiru, kanneen galma’aan keessaa %50 gaditu sagalee kenne.

Bara 2017 garuu kanneen galmaa’an keessaa %70tu sagalee kenne.

Namoonni hedduun filannoo Rahisiin akka filatamuuf wixineeffame ta’uu kaasuun filachuu dhiisan.

Rahisiin garee hogganaa olaanaa biyyattii Ayatolaa Alii Kamehinii amanaadha.

Marii waliigaltee gabbisa niwukilaraa

Aab Rahisiin filannoo injifachuun isaanii kan ibsame torban Veenaatti waliigaltee gabbisa niwukiraa biyyattii wajjin mallatteeffame deebisuuf yaaliin taasifamaa jirutti dha.

Gamtaan Awurooppaa akka jedhutti, mariin biraa Dilbata kana Iraanifi biyyoota jajjaboo addunyaa jahan waliigaltee dhimma niwukilaraa biyyatti keessatti qooda qaban wajjin taa’ama.

Kunis marii al-kallattii marroo jahaaffaaf Ameerikaafi Iraan giddutti taa’amu, taatullee gartuun lamaanu dhimmoota ijoorratti garaa gartee qabatanii turuusaanii Rooyitars gabaasera.

Dubbihimaan Dippaartimentii Ameerikaa akka himanitti yoo ta’e, mariin alkallattii Aab Rahisiin erga muudamanii/ aangoo qabatanii boodas ittifufa.

‘’Namticha Teheeranitti nama qalchiise’

Dubbihimaan Ministeera Dhimma Alaa Israa’el Liyoor Hayat Aab Rahisii wayita jechoota butan "butcher of Tehran" jedhaniin wayita ajjeechaa jumlaan hidhamtoota siyaasaa bara 1988 raawwatame kaasan.

Aab Rahisiin abbooti seera afur’’koree adabbii du’aa’’ keessaa turan keessaas tokko yoo ta’u, bara sanatti namootni 5,000 ta’aan ajjeefamusaanii Amansti Intarnaashinaal himeera.

Liyoor Hayat barreeffama Tiwitara gubbaatti maxxansan keessatti namoonni 30,000 ol ajjeefamuusaanii ajjeefamuusaanii gartuu mirga namoomaa Iraan wabeeffachuun barreeessan.

Filatamuu Rahisii hordofee deebii sadarkaa idiladdunyaa

Pirezedantiin Raashiyaa Vilaadimir Puutin Rahisiin filatamuusaatiin saffisaan’’baga gammadde’’ jedhaniiru. Hoggantoonni biyyoota Siriyaa, Iraaq,Tarkii fi UAE dhaamsa baga gammaddeefi deeggarsaa mul’isaniiru.

Dubbi himaan Hamaas, gartuu hidhattoota Gaazaa bulchanii‘’Iraaniif badhaadhinaafi guddina hawwina’’jedhaniiru.

Haa ta’u malee, gartuuleen mirga namoof falmu‘Human Rights Watch’ Aab Rahisiin yakka sukkanneessa biyyatti keessatti raawwatameef qoratamuu qabu jedha.