Kuusaan yuraaniyemii gabbate Iraan 'daangaa kaa'ame dachaa 12 darbeera'

Madda suuraa, EPA
Yuraaniyemiin gabbate Iraan amma qabdu kan waliigaltee idil-addunyaan heeyyamame dachaa 12n kan caalu tahuu, dhaabbati dhimma kana to'atu beeksise.
Ejensiin Humna Atoomikii Idil-addunyaa (IAEA) akka jedhetti, kuusaan yuuranitemii gabbate Iraan qabdu amma kg2,442.9 gaheera.
Iraan sagantaan nukileeraa ishee kaayyee nageenyaaf akka oolu irra deddeebiin himti.
IAEA'n dabaluunis, meeshaalee nukileeraa bakka hin ibsamnetti qaba jechuun ibsi kennitees ''hin amanamu'' jedha.
Twitter gubbaa, Ejensii kanaaf ambaasaaddarri biyyattii Gharib Abadi waan barreessan: ''dhimma kanarratti yaadni arifannaan kennamu haa dhaabbatu,'' jedhan.
Dhimma kana furuuf mariin gaggeeffamaa jiras jedhan.
Gabaasa dhiyeenyatti biyyoota miseensota tahaniif ergameen, Ejensichi bakka meeshaaleen nukileeraa itti argaman jedhe ifa hin goone.
Maddi maqaan hin dhawamne AFPtti akka himetti, iddoon jedhame yuraaniyemii gabbisuuf akka oolaa jiru wanti mul'isu jiraachuu baatus, tarii meeshaalee kuusuuf itti fayyadamuu danda'u.
IAEN'n dabaluun, Iraan yuraaniyemii gabbisuu itti fufuun, qulqullina %4.5n geesseetti jedha. Waliigaltee ALA 2015tti irra gahame - %3.67 kan darbedha jedha.
Ejensiin dhimmoota akkasii to'atu kun saamuda ji'a Fulbaanaa, iddoowwan nukileeraa duraanii lamarraa fudhatame qorachaa jira. Iddoon jedhaman kunniinis qorattootaaf bara kanatti kan banaa taasifamanidha.

Madda suuraa, Getty Images
Bara dabre, Iraan waliigaltee nukileeraa Chaayinaa, Firaans, Jarmanii, Raashiyaa, UK fi Ameerikaa waliin mallatteessite ifatti daddarbiteetti.
Kana kan gootes erga Pireezidantiin US Donaald Tiraamp, waliigaltee nukileeraa kana keessaa bahuun, qoqqobbii diinagdee ciccimoo erga irraa kaahan boodadha.
Waliigaltee kanaanis, Iraan yuraaniyemii gabbate kg300 olitti oomishuu akka hin dandeenye lafa kaa'meera.

















