Haasaa Baayidan booda Raashiyaan Ambaasaaddara ishee Ameerikaa biyyatti waamte

US'tti Ambaasaaddara Raashiyaa Anatooliiy Antonoov

Madda suuraa, Getty Images

Hariiroo US waliin ''hammaachuun isaa hin oolle'' irratti mariyachuuf Raashiyaan Ambaasaaddara ishee Waashingitan jiru biyyattii waamte.

Mootummaan Raashiyaa akka jedhetti Amb. Anatooliiy Anatonoov Mooskootti kan waamaman hariiroon US waliin biyyattiin qabaachaa jirtu sadarkaa ''fala hin qabnerra'' gaheera yaada jedhurraayi.

Pireezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan gitni isaanii kan Raashiyaa filannoo Ameerikaa keessatti ''giddu-seentummaa qabataaniif gatii ni baasu'' jechuun dubbachuu isaanii hordofeeti Mootummaan Raashiyaa Ambaasaaddara isaa US jiru biyyatti kan waame.

Gaaffiifi deebii ABC News waliin godhaniin pireezidant Baayidan ilaalcha pireezidantiin Raashiyaa ''ajjeesaadha'' jedhu akka qaban mirkaneessaniiru.

Baayidan gabaasa tika Ameerikaa Kibxata bahee fi Putiin filannoo US Sadaasa darbeerratti gidduu seentumma akka jiraatu ajaja dabarsaniiru jedhe ilaalchisee dubbatan.

Gabaasichi Raashiyaan kaadhimamaa warra Rippaablikaanotaa kan ta'an Pireezidantii duraanii Doonaald Tiraampiif looguun duulaa turtee jedha.

Dubbii himaan Puutiin Dimiitirii Peeskoov garuu himannaan kun rgaan kan deeggarame miti , hariiroo biyyoota lamaanis ni ittuu miidha jedhan.

Ameerikaan gabaasichi torbee dhuftu keessa akkuma xumurameen Ameerikaan Raashiyaarra qoqqobbii keessi jedhamee eegama.

Ministeerri Haajaa Alaa Raahiyaa maal Jedhan?

''US'tti ambaasaaddarri Raashiyaa Anatooliiy Antonoov hariiroo US waliin jiru ilaalchisee maal godhamuu akka qabu xiinxaluuf mariif Mooskootti deebifamaniiru'' jedha ibsi Ministeera Haajaa Alaa Raashiyaa.

Itti daaluunis hariiroo ''laffaachaa deemuun isaa hin oolle'' eeguuf fedha qabna jedha.

Hariiroo Raashiyaa fi US danqaalee hedduu keessa darbaa jiruufi Raashiyaan Ameerikaatu sadarkaa fala hin qabnerra akka gahu godhe jettu rakkoo keessaa baasuun barbaachisa jedha ibsi mootummaa Raashiyaa.

Pireezidant Baayidan maal jedhan?

Pireezidan Baayidan ABC waliin waayee filannoorratti gidduu seentummaa Raashiyaa yoo haasa'an Puutiin ''gocha isaa kanaaf gatii ni baasa'' jedhan.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

1px transparent line

Gatii isaan baasuu malan maalii jedhamanii gaafatamanaan Baayidan ''dhiyootti argituu'' jedhan.

Putiin ''ajjeesaa'' turee jettanii yaadduu jedhamanii gaafatamnaaniis ''eyyen'' jedhan.

Sanaan boodas dubbii Himtuun Waayit Haawus Jeen Saakii Hariiroon Raashiyaafi US jidduu jiru kan bara pireezidant Tiraamp tureen adda ta'a jedhan.

''Mirkanatti Raashiyaan godha gooteef ni gaafatamatti ni dhiyaatti'' jedhan Saakiin.

Pireezidant Putiiniifi pireezidant Tiraamp

Madda suuraa, Reuters

Gabaasni Tika Ameerikaa fuula 15 qabu kan Tika biyyaalessaan qophaaye Raashiyaa fi Iraan dhiibbaa uumuuf duulaniiru jedha.

Namootni Raashiyaa waliin hidhata qaban filannoo Sadaasaan dura waayee Baayidan ragaalee hin mirkaneeffamiin raabsaa turan jedha gabaasichi.

Deemsa filannoorratti amantaan akka hin jiraanne duulli amantaa dhabsiisuu gaggeefameera jedha.