Baayidan hogganooti Chaayinaa fi Raashiyaan kora jijjiirama qilleensaarraa hafuu qeeqan

Joo Baayidan wayita haasaa COP26 irratti taasisan

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidaantii Ameerikaa Joo Baayidan

Pireezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan hogganooti Chaayinaa fi Raashiyaa kora jijjiirama haala qilleensaa COP26 irratti argamuu dhiisuu isaanii qeeqan.

Haasaa Kibxata kaleessaa taasisaniin, ‘’jijjiiramni haala qilleensaa dhimma guddaa tahee otoo jiruu Chaayinaan irraa hafte Raashiyaan illee akkasuma,’’ jedhan.

Hogganaan Raashiyaa Pireezidant Vilaadmir Puutiinsi tahe, hogganaan Chaayinaa Zyii Jiinpiing kora kanarratti hin argamne.

Kora torbee lamaaf taa’ama jedhame kanarratti biyyooti lameen bakka buutota isaanii erganiiru.

Chaayinaan gaasii kaarboon daayoksaayidii gadhiisuun akka addunyaatti sadarkaa tokkoffaarra kan jirtu yoo tahu, Ameerikaan itti aanti. Raashiyaan Indiyaa fi Gamtaa Awurooppaatti aanuun sadarkaa shanaffaarra jirti.

Kora Iskootilaand Gilaasgow’tti taa’amaa jiru kanarratti hogganooti biyyoota 120 argamaniiru.

Biyyooti kunneenis bara 2030tti hamma gaasii naannoo faalu hir’isuufi mancaatii bosonaa xiqqeessuuf waliigaluu beeksisaniiru.

Mancaatii bosonaa hir’isuuf waadaa seenamee keessatti Chaayinaa fi Raashiyaan hirmaataniiru.

Baayidan haasaa osoo hin taasisiin dura hogganaan Raashiyaa Puutiin gama onlaayiniin kora kanarratti haasa’aniiru, kanaanis biyyii isaanii ‘’bosona biyyattii eeguudhaaf tarkaanfii guddaa ni fudhatti,’’ jedhaniiru.

Joo Baayidan haasaa isaanii keessatti, ‘’Chaayinaan addunyaa hogganuun qooda haaraa fudhachaan jira jechaa jirtu kora kanarraa hafuun dogoggora guddaa dha,’’ jedhan.

Waa’ee Puutiinillee waanuma wal-fakkaataa jedhan, Raashiyaan bosonnishee ibiddaan gubachaa ture, pireezidantiin biyyattii garuu waa’ee kanaa ‘’ni callisee’ jedhan.

Dubbii himaan Puutiin Dimtrii Peekoov Onkololeessa keessa jijjiiramni haala qilleensaa Raashiyaaf dhimma ‘murteessaafi dursi kennamuufi’ jechuun himus pireezidantichi maaliif kora kanarratti akka hin hirmaanne hin ibsine ture.

Pireezidantiin Chaayinaas hafuu akka malaniifi jalqaba bara 2020 irraa qabee Chaayinaatii bahanii akka hin beekne qondaaloti ministira mummee UKtti himanii turan.

Fulbaanatti pireezidantiin Chaayinaa biyya isaanii bara 2060tti kaarbonii irraa bilisa gochuuf akka karoorfatan himanii turan. Raashiyaanis karoora wal-fakkaataa akka qabdu ni himti.

Kaarboonii irraa bilisa jechuun gara qilleensa naannootti gaasii faalu gadhiisuu dhiisuu dha.