Dursaan basaasaa UK 'Kiyyoo idaafi odeeffannoo' Chaayinaan diriirsaa jirtu akeekkachiisan

Richaard Muur

Dursaan dhaabbata Basaasaa Yunaayitid Kingdom (UK) maqaa MI6 jedhamuun beekamu, Richaard Muur, gaaffiifi deebii yeroo jalqabaatiif kallattiin taasisaniin sirna ''debt and data traps ykn kiyyoo idaafi odeeffannoo" Chaayinaan diriirsite haalaan qeeqan.

Maqaa 'C' jedhuun kan beekamu hogganaan MI6 kun turtii BBC Radio 4 waliin taasisaniin, kiyyoowwan Chaayinaan diriirsiteefi diriirsaa jirtu kun walabummaa biyyootaa balaarra kan buusu ta'uu ibsuun, tarkaanfiiwwan of eeggannoo fudhatamuu akka qaban hubachiisaniiru.

Hogganaan kun itti dabaluun sababii sirni loltummaa Afgaanistaan odeeffannoo ittiin wal jijjiiruu dadhabaa ta'eef Kaabul to'annoo Taalibaan jala galteetti yaada jedhu dhara jedhan.

Innumaattuu dhaabbileen tekinooloojii gurguddoo waliin hojjechaa akka jiran eeraniiru.

Namni basaasaa duraanii tureefi amma ammoo itti-gaafatamaa dhaabbata basaasaa MI6 kan ta'e ifatti ba'anii dubbachuu sirna dimokiraasii amayyaa keessatti baayyee barbaachisaa ta'uu isaa dubbataniiru.

Hogganaan MI6 kun gaaffifi deebii isaanii dhimmoota hedduu ilaaleen wantonni ijoo inni kaase keessaa:

• Chaayinaan guutummaa addunyaarraa odeeffannoo walitti sassabbachuudhaaf dandeettiisaa akka qabdu ibsuun namoota to'annoo jala oolchuudhaaf ammoo maallaqa fayyadamti jechuun akeekkachiisaniiru.

• Afgaanistaan imala Taalibaan sirriitti gamaggamuu dadhabuu isaa amananii haata'u malee garuu Kaabul to'annoo Taalibaan jala galuun qaawwa gama odeeffannoo loltummaa wal jijjiiruu irraa kan ka'e jedhu akka hin taane himaniiru.

• Rakkoo yaaddessa Raashiyaafi Yuukireen jirus kan kaasan yoo ta'u, Raashiyaan yaaddoo guddoo UK ta'uushees ibsaniiru.

Hogganaan kun yaadoo Chaayinaan biyya isaaniirraan geessistu yeroo dubbatan Chaayinaan kiyyoo idaafi odeeffannoo akka fayyadamtu ibsaniiru.

"Chaayinaan imaammata dinagdeeshee fayyadamuun dhiibbaa cimaa taasisuuf carraaqxi, yeroo tokko tokko ammoo namoonni akka kiyyoo maallaqaa keessa akka galan taasifti," jedhaniiru.

Hogganaan kun waa'ee kiyyoo odeeffannoo yeroo ibsan akkas jedhan: "Biyyoonni tokko tokko waa'ee biyyoota biroo odeeffannoo murteessaa ta'e akka sassaabaniifi waa'ee hawaasaa akka beeksisaniif biyyoota hayyamameef sanaan gaaffii walabummaa keessa galu," jedhan.

Itti dabaluunis, "Yunaayitid Kingom keessatti wantota kana fakkaatan dursinee ittisuudhaaf, akkasumas hambisuudhaaf tarkaanfii akka fudhanne nan amana," jedhan.

Gama biraan ammoo saffisa loltoonni Ingliziifi Ameerikaa Afgaanistaan gadhiisanii itti bahaniifi akkaataa wantota jiran itti hubatan dogogora akka ture kan amanan yoo ta'u, qaamni kamiyyu Taalibaan saffisa kanaan ni socho'u jedhee akka hin eegne ibsaniiru.

Injifannoon Taalibaan kan hin eegamneefi galagaltoo akka ta'e kan amananan hogganaan kun, gama biraan ammoo Chaayinaa, Raashiyaafi Iraan keessa leellisoota jiraniif kan hamilee cimsu akka ta'e nan amana jedhan.