Ragaan miliqee bahe aangawooti olaanoo Chaayinaa hacuuccaa Muslimoota Uyigooriin hidhata qabu jedhe

Madda suuraa, Getty Images
Ragaan haaraa ifa bahe hacuuccaa muslimoota Uyigoor keessatti aangawoonni olaanoo Chaayinaa Pirezidantii biyyattii Shi Jinping dabalatee akka qooda qaban akeeke.
Dokimantiin kuni dubbii aangawoonni mootummaa olaanoo warri Uyigoor bakka tokkotti akka hidhamaniifi hojii dirqamaa akka dalagan akka taasifamu kallattii kennuu isaanii mirkaneessa jedhu xiinxaltoonni.
Chaayinaan garuu irra deddebbiin warra Uyigoor irratti duguuggaa sanyii raawwachuu ni waakkatti.
Dokimantiin haaraa gadhiifame odeeffannoo kana dura ifa hin baane qabateera.
Dokimantiin kuni dhaddacha walabaa Uyigoor jedhamuufi UK keessa argamuutti baatii Fulbaana keessa kan dabarfame kenname yoo ta'u hanga yoonaa ummanni akka beeku ifatti hin maxxanfamne ture.
Dookimantiin kuni maqaa ''waraqaawwan Shinjiyaang' jedhu kennameeraaf. Kunis Shinjiyaang bakka jireenyaa dhalattoota Uyigoor waan taateefi.
Ragaan kuni hoogganoonni Paartii Koministii Chaayinaa Shi Jinping fi Ministira Muummee Chaayinaa Li Keqiang dabalatee imaammata warra Uyigoor fi muslimoota kaan irratti dhibbaa qabu dubbatuu isaanii ibsa.
Kunis, dirqamaan baay'inaan bakka tokkotti hidhamuu, eenyummaa isaanii akka jijjiiran taasifamuu, akka dhala hin godhanne taasifamuu, dirqiin warshaa keessa akka dalagan taasisuufi kaanis dabalata.
Gabaasa kana keessatti dubbiin aangawoota olaanoon taasifameefi imaammatawwan bahan warreen Uyigoor irratti raawwachuu Dr Adriyaan Zeenz himu.
Sababa saba Uyigoorin Chaayinaan dhiibbaa idil-addunyaa jala seenteetti.
Erga yoomiiti?
Chaayinaan naannoo bulchiinsa Uyigoor kan taate Shinjiyaang irratti kan xiyyeeffachuu eegalte haleellaa bara 2013 Beejing keessa imaltoota irratti raawwate hordofeeti.
Bara 2014 immoo Kunmiing keessatti haleellaan biraa raawwate. Eegasii Chaayinaan badii kanaaf Islmaamistoota Uyigoor fi fottoqsitoota himatti.
Bara 2016 eegales dhalattoota Uygoor fi muslimoota kaan kaampii ''barnootaa'' galchite.
Biyyoonni hedduu Ameerikaa, Kaanaadaa fi Nezarlaandis dabalatee Chaayinaan duguuggaa sanyiifi yakka dhala namaarratti raawwatuu hin malle raawwatte jechuun himatu.
Chaayinaan garuu himannaa kana hunda ni balaaleeffatti.
Tarkaanfiin Shinjiyaangitti taasifame shororkeessummaa to'achuufi finxaalesummaa Islaamummaa to'achuf akka ta'e himti.
Dhalattoonni Uyigoor kaampii keessa akka seenan kan taasifame immoo akka isaan shororkeessummaa lolan ''lammata barsiisuudha'' jechuun deebisti.













