Chaayinaan lammii Kooriyaa Kaabaa mana hidhaatii miliqee ture deebiifte to'atte

Lammii Koriyaa Kaabaa mana hidhaa Chaayinaa keessaa miliqee ture

Madda suuraa, Jilin Police

Lammiin Kooriyaa Kaabaa mana hidhaa Chaayinaa keessaa miliqee ture barbaacha guyyoota 40n booda poolisiin to'atame.

Namtichi miidiyaa Chaayinaatiin Shuu Shiyaanjiin jedhamuun waamameefi umuriin isaa waggaa 39 ta'uun himame kun, haala hinbaramneen mana hidhaa Chaayinaa keessaa miliquu danda'ee ture.

Shuu bara 2013tti erga Koriyaa Kaabaatii baqachuun Chaayinaa seeneen booda yakka raawwateera jedhamuun hidhaan akka adabamu itti murtaa'e.

Lammii Kooriyaa Kaabaa miliqee kana deebiisanii to'achuuf poolisiin hordoffii cimaa taasiseen, nama bakka inni jiruu eeruu kenneef badhaasa maallaqaa akka kennan aanga'oonni beeksiisanii turan.

Miidiyaan mootummaa Chaayinaa tokko akka agariiseetti, Shuu mana hidhaa keessaa miliquuf wayita jedhutti dallaa irratti rarra'uun yeroo mana gubbaan bahu argameera.

Warraabbiiwwan viidiyoos eegdoon mana sirreessaa shakkamaa to'achuuf wayita yaalan mul'iseera.

Namni kun mana hidhaatii miliquunsaa ijoo dubbii ta'ee ture. Aanga'oonnis bakka shakkamaan kun jiru nama himees badhaasa doolaara Ameerikaa kuma 100 ni kennin jedhan.

Shuu murteen hidhaa kun kan itti murtaa'e seeraan ala gara Chaayinaa seenuufi hanna raawwachuun ture.

Galmeewwan mana murtichaa akka agarsiisanitti, Shuu bara 2013 karaa laga Chaayinaafi Kooriyaan Kaabaa irratti wal lolaniin qaxxaamuruun erga Chaayinaa seeneen booda manadaroota dhiheenyatti argaman keessatti hanna maallaqaa, uffataa fi mobaayilii raawwateera.

Kanaan alattis dubartii maanguddoo wayita inni hatu argan meeshaa qara qabuun waraanee miliquuf jedhu poolisiin to'atameera jedha galmeensaa.

Namni kun hidhaa waggaa sagalii itti murtaa'ee xumuruuf waggaa lama qofti kan isa hafee yoo ta'u, wayita hidhaa xumureetti deebiifamee gara biyyasaatti waan kennamuuf kana jalaa bahuu jecha mana hidhaatii miliquu akka hinoollee hedduun ni tilmaamu.

Chaayinaan waliigaltee baqattoota UN bara 1951 kan mallatteessite taatulleen, baqattoota Kooriyaa Kaabaa humnaan gara biyyasaaniitti deebiifti.

Haala waliigaltee UNtti garuu namoonni gara biyyasaaniitti deebiifamuun kan miidhaafi dararama biraatiif isaan saaxilu yoo ta'e, biyyoonni baqattootaa humnaan gara biyyaasaaniitti hindeebiifneef ni dhorka.

Chaayinaan garuu lammiilee Kooriyaa Kaabaa kanneen jireenya gaarii barbaacha baqatan malee baqattoota seera gochuun kan yaaddoo nageenyaa qaban gootee hin ilaaltuun.