Keeviin Istiriiklaand: Namticha dogoggooraan ganna 42 hidhameef $mil. 1.5 sassaabame

Madda suuraa, MIDWEST INNOCENCE PROJECT
Lammii Ameerikaa Mizuuriitti sobaan namoota sadii ajjeeseera jedhamuun himatamee waggoota 42 erga hidhamee booda tibbana gadhiifame Keeviin Istiriiklaand jedhamu deeggaruuf namoonni dolaara Ameerikaa miliyoona 1.5 walitti qaban.
Keeviin amma maanguddoo umuriin isaa ganna 62 guute yoo ta'u, Kibxata darbe ture kan hidhaarraa gadhiifame.
Keeviin yeroo umriin isaa ganna 18 jiru erga qabamee hidhamee kaasee yakka sana hin raawwanne jechuun nama nagaa akka ta'e falmataa tureera.
Seenaa Mizuurii keessatti nama hunda caala dogoggoraan waggoota dheeraaf hidhame ta'us, akkaataa seera bulchiinsa Mizuuriin beenyaa maallaqaa kamiyyuu hin argatu.
Sababa kanarraa ka’uun ogeeyyin seeraa maallaqa ittiin jiraatu deeggaruuf fuula ‘GoFundMe’ jedhurratti deeggarsa walitti qabuu eegalan.
Dilbata kaleessaa hanga 16:00 GMT gahutti maallaqni $1,511,440 walitti qabameera.
Ogeeyyiin seeraa ‘Midwest Innocence Project’ akka Istiriiklaand hidhaarraa hiikamuuf ji'ootaaf hojjechaa turan, namoota 27,000 maallaqa deeggarsaa kana gumaachan galateeffatan.
Bulchiinsi Mizuuri hidhamtootaaf beenyaa kan kaffalu hidhamtoota ragaa qaccee sanyii (DNA)tiin deeggarame qabaniif malee ragaa nama ijaan argeen miti jedhu ogeeyyiin seeraasaa.
‘’Amma sirni kufaa ta’e kun geeddaramutti, hawaasni giddu seenuudhaan hanqina kana guutuuf hojjata jira,’’ jedhan Tirisihaa Rojoo Bushnel.
Abbaan Murtii Kibxata darbe Istiriiklaand guyyoota 15,487 erga hidhaa turee booda atattamaan akka hidhaarra gadhiifamu ajaje.
Istiriiklaand akka dhiifamaan hidhaarraa hin hiikamneef hidhaa umrii guutuun kan adabame yoo ta’u, ajjeechaa mana namaa magaalaa Kanasaas bara 1978tti hidhata qabda jechuun himatamee ture.
Halkan sana namoonni dhukaasa banan namoota sadii raasasan kan rukutan yoo ta’u, maqaan namoota halleellaa sanaan miidhamanii: Shirii Bilaak nama ganna 22, Laarii Ingiraam nama ganna 22 fi Joon Wooker nama ganna 20 turan.
Miidhamaa arfaffaan Siintiyaa Doogilaas namni ganna 20 madaa’ee akka nama du’ee fakkaachuun booda miliqxe.
Poolisiin hiriyaa obboleetti ishee shakkiidhaan otoo barbaaduu, yeroo sanatti dargaggoo kan ture Istiriiklaand qabee hidhe.
Sana booda Aadde Siintiyaa Doogilaas hiriira keessaa nama kam akka ta’e akka filattu dirqisifamuutu himame.
Istiriiklaand yeroo sana mana taa’ee TV daawwataa akka ture poolisiitti himee ture.
Raqaan qabatamaan yakka sana raawwachuu isaa akeeku hin argamne.
Dhaddacha jalqabaa bara 1979 irratti abbootii murtii 12 keessa namni gurraachi tokko erga yakkarraa bilisa jedheen booda waliigaluu dadhabuun goolabamee ture.
Dhaddacha marsaa lammaffaarratti abbootiin murtii 12n warreen adii kan turan yoo ta’u, Istiriiklaand balleessaa du’aan nama adabsiisu tokkoofi ajjeecha gara jabummaa lama biroo raawwachuun balleessaan itti muramee ture.
Waggaa tokko booda Aadde Doogilaas ragaa addatti ijaan argite jedhamte deebitee haalte, sagantaa ‘Midwest Innocence Project’ jedhamuuf akkas jechuun barressite: ’’Yeroo sanarraa kaasee ifa hin turre, amma garuu waa danuun beeka, yoon danda’e nama kana gargaaruun fedha," jette.
Aadde Doogilaas otoo seera duratti ragaa Istiriiklaand irratti baate deebitee hin kaasiin duute.
Haata’u malee, haati, obboleettiifi intalli ishee mana murtiitti ‘’nama sirrii hin taane filte’’ jedhanii hundi isaanii dhugaa bahan.
Abbaan Alangaa godina Jaaksan murtoo baleessaa irratti darbe sana Sadaasa darbe kanarraa kaasee ilaalaa turuun saffisaan akka gadhiifamu ajaje.














