'Maatiinkoo akkan jiru hin beekani, anis akka isaan jiran hin beeku' - Baqataan waggaa 20f Somaaliilaanditti hidhame

Namni dargaggeessa umurii ganna 21 yeroo jiru miilla hin taaneen biyyaa bahee waggaa 20f biyyaa Soomaaliilaand keessatti hidhamee ture kun, biyyaattii deebi'uu fedhullee maatiin isaa lubbuun jiraachuu hin beeku; innis akka isaan jiran quba hin qabu.
Maqaan isaa Zaakiir Muusaa Gamteesaa jedhama. Aanaa Saxxammaa, Godina Jimmaa keessatti dhalate guddate. Hojii barbaachaaf bara 2001 gara Somalilaand imale.
"Akkuma nami biyyaa bahee dalagee qabeenya horatee mana dhaabbatu, anilleen jireenya kiyyaa foyyeeffachuufan biyyaa bahee," jedha
Ji'a jaha erga biyya itti imale tureen boodaa garuu nama hojjetee qabeennaa horatu osoo hin taane, akka waan nama nama ajjeesuuf deemeettan fudhatame.
Faallaa hawwii jiruu ofii foyyeeffachuu, Somaaliilaad keessatti hidhaan isa mudate. Kun ammoo qoor-qalbiisaallee akka miidhe dubbii isaarraa ni hubatama.
"Ani, nama du'ee ka'edha," jechuun Zaakiir waan isa mudate imimmaaniin BBCtti dubbata.
Turtii mana hidhaa waggaa 20n boodaa guyyaa muraasa dura mana hidhaa Somaaliilaand keessaa akka bahe kan dubbatu Zaakiir, maatiin isaa Itoophiyaa akka jiran waan hin beekneef garamitti akka deebiyu hibboo itti ta'uu hima.
Maaliif hidhame?
Ji'a muraasaa erga Somaaliilaand magaalaa Hargeesaa tureen boodaa, maallaqii jala dhumee waan hojjatuu dhabee nama shaniin mana tokkootti galuu ibsa.
Namooti shanan inni waliin jiraachaa tures hojii barbaachaaf biyya sana akka deeman dubbata.
Guyyaa tokko akka tasaa, waldhabdeen gidduu isaanitti umame inni billaan waraanamee, tokkoo ammoo lubbuun darbe. Nama du'e sana isaatuu ajjjeesee jedhamee poolisiin akka too'atame dubbata Zaakiir.
Waldhabdee dhalatee lubbuu namaa galaafate sana keessatti eenyu akka eenyuun miidhe hin beekun ture kan jedhu namni kun, dabaan yakkamaa ta'uu dubbata.
"Ani waraanutti hin beekuu...gaafa wal-lollee kana. Ani waraanamee gaggabee of hin beekuun ture;, hospitaala na geessanii achiin boodaa gurbaan du'ee jennaan, poolisiin nu qabe," jedha.
Isaan booda akka inni ajjeesee jarrii isa waliin turan ragaa waan irratti bahaniif, manni murtiis yeroo lama murtee du'aa isarratti murteessuu hima Zaakiir.
"Yeroo lama manni murtii du'a natti [faradee]; yeroo saddaffaa ammoo gumaa akkan baasu ajaje. Garuu maallaqaa waan hin qabneef gumaa jedhame sanas baasuu waanan hin dandeenyeef waggaa 20 hidhame."
Mana hidhaa keessatti hedduu akka miidhame kan dubbatu Zakiir, duraan yeroo poolisiin isa to'ate afaan Soomalii hin beekuu ture jedha.
'Inni jiraachuu maatiisaa hin beeku, maatiin isaas inni jiraachuu hin beekan'
"Umriin kiyya mana hidhaa keessatti dhume; wanti darbe dabree jiruu mana hidhaa namuu ni beekaa irraa dubbachuu hin danda'u," kan jedhu Zaakiir, namni jiruun bakka hin beekne waan isa geessituuf osoo namuu haala akkasii kana keessatti waliif birmatee hawwa.
Nama tokkoo kan isa gargaaruu waan hin qabneef guyyaa tokko mana hidhaatii bahee jedhee yaadee hin beeku jedha.
Mana hidhaa keessatti gazexessaa Soomaliiyaa tokkoon wal-baree gazexxessan kun gaafa hidhaa bahee gumaa siif kaffalee biyyaatti akka galtuu sin gargaara jedhe waadaa galuufiif dubbata.
Abdimaalik Muusee, waadaa isa guutun Guraandhala 27, 2021 gumaa doolaa Ameerikaa 7,000 kaffalee, mana hidhaatii isa akka baasee hima.
"Erga bahees amma guyya sadii magaala kana keessan jira; ofii tiyyaa bakkan beekuu hin qabu, isaatuu na gargaaraa ture," jedha.
Maatii isaa
Namni kun waggaa 21f maatii isaa waliin waan hin dubbatiiniif, isaan lubbuun jirachuu akka hin beeknee dubbata.
"Abbaan koo, osoo ani biyya hin bahini du'e; harmeefi obboleessii kiyyaa Jimmaatti hafan. Isaan garuu akka ani lubbuun jiru hin beekaan," jedha Zakiir. Obboleessii inni maqaa dha'uu Qaasim Muusaa Gamteesaa jedhama.
"Obboleesii kiyyaa yoo anaa lubbuun jiru dhaga'ee asi ni dhufa, ummanni tiyyaa na gargaaraa biyya tiyyatti na deebisaa," jechuun maatii iyyaafachuunillee akka isa gargaaran dhaammata.
Hidhamtootaa mana hidhaatti hafan
Lammileen Itoophiyaa mana hidhaa Hargeessaa, Somaaliilaand keessa jiran waggaa hedduuf hidhamanii akka jiran dubbata Zaakiir.
"Kan nu mana hidhaa waliin turre, namni saddeti waggaa 20 ol hidhaan itti murtaa'ee rakkoo guddaa keessa jiru," jedha.
Oromoonni hedduu Soomaaliilaand keessa jiraatu garuu waan quba wal hin qabneef mulatanii wal-gargaaruu hin dandeenyes jedha.
Lammiileen bakka jiranitti yoo wal-hin beekne, yoo wal iyyaafannee wal bira hin dhaabbanne akkamiin rakkoo waloo qabnu keessaa bahuu dandeenna, jechuun barbaachisummaa namni biyya baqattummaan jirutti wal yaa iyyaafatullee jedha.
Lammileen Itoophiyaa biyyoota Giddu-galeessaafi biyyoota ollaaa keessa jiran, akkasumas baqattummaan yeroo biyyoota gara garaa keessa qaxxaamuran karaa seeraan alaa waan deemaniif rakkoon walxaxaa akka isaan mudata.
Akkuma Zaakiir Gammteessaa kana yakkaan shakkamaniis ta'e sababa gara garaan lammileen yeroo biyya biraatti hidhaman, karaa seeraan alaa waan imalaniif ykn waraqaa seeraa waan hin qabneef qaamni mootummaa karaa imbaasiiwwaniifi qoontsilaawwan jiraniin gargaaruunillee rakkisaa akka ta'u hima.














