Kitaaba seenaa baqataa Oromoo himu kana barreessan Aabba Sheekoo Nagawoo eenyu?

Madda suuraa, Sheiko Nagawo
Tibbana kitaabni matadureen isaa 'By the Light of the Night: An Oromo Immigrant Story' jedhuufi waa'ee imala baqattummaa lammilee Itoophiyaa himu, Afaan Ingiliziin maxxanfamee gabaarra ooleera.
Kitaabni Seenaa Baqataa Oromoo kun fakkiiwwan seenicha wajjin walqabatuufi suuraa sammuu namaa keessatti uumaniin dabaalamee ka dhiyaatedha.
Barreessaa kitaaba kanaa keessaa tokko kan tahan Aabba Sheekoo Nagawoo, amma biyya Ameerikaa keessa kan jiraatan oggaa tahu, waa'ee kitaaba kanaafi imalasaanii BBCtti akka ittaanutti himaniiru.
Sheekoo Nagawoon biyya Ameerikaa magaalaa Siyaatilitti barsiisaa seenaati.

Sheekoo Nagawoo eenyu?
Maqaan kiyya Sheekoo Nagawooti, Arsii keessa dhaladhee guddadhe. Magaalaa Asallaatti mana barnootaa sadarkaa lammaffaa baradhe.
Wayita Asallaatti barachaa jirruutti mootummaan Mooticha Haayilasillaaseen hoogganamu kufee, Dargiin jijjiirame.
Erga Dargiin biyya bulchuu eegalee booda, abbaafi ilmillee bara ittiin walshakkanii wal amanuu dadhaban ture.
Mootummaan Itoophiyaas wayita sana gama garagaraan lolarra waan tureef, loltoota barbaada ture.
Anis asitti takkaa du'uu takkaa hidhamuurra, carraa kiyya laalee biyyaa baha jedheeti Dirree Dhawaatti baqadhe. Achi nama tokkollee hin beekun ture. Boodarra garuu waahilakoo imalaa Umar wajjin walbarre.

Madda suuraa, Sheiko Negewo
Waa'ee kitaabichaa
Kitaabni kun seenaa dhugaa kan koofi saahiba kiyya kan waliin biyyaa baanee tokkooti. Karaan qaxxaamurree dhufne fagoo.
Dirreedhawaarraa kaanee Jabuutii wayita seennu rakkoo akkamiitu nurra dhaqqabe kan jedhus keessa jira.
Eenyummaa keenyafaa jijjiirruutu nurra ture. Bakka Somaaleen jirutti Somaalee fakkaanna, eega Jibuutii seenneettiin jennemmoo, Affaar taanee Jabuutii seenne.
Wayita baqattummaan galmoofnu garuu baqattoota Oromoo, Itoophiyaarraa jechuun nu deebisan.
Jabuutitti wanti nu dhageenye, ''Ijoolleen Oromoo ofiin jettu, namni baqateetiin karaa kana dabre hinjiru''.
Kanaafuu akka Oromootti nutti karaa saniin Oromoo jennee dabruun nama duraati jechuudha.
Ergasii waraqaa sana fudhannee Yaman seenne. Kunis kan tahe ALA 1977 keessa ture. Yamanitti amata lamaafi walakkaa nutti fudhatee achi keessaa bahuuf.
Achi boodas biyya Jarmanii seennee ji'oota kudhaniif achi turre. Turtii ji'oota kudhaniin booda gara Ameerikaa dhufuu dandeenne.
Kitaaba kana kan barreesseef, yeroo karaa gubbaa jirru; karaa kana hunda qaxxaamurree Ameerikaatti baanee jiraanna jennee yaaduun nama dhiba.
Karaan keessa dabarre akka malee hamaa, shiftaatu jira - takkaa si saamu, takkaa si ajjeesu.
Yeroo sanatti akka nama kakuu ofii seeneetti, yeroo lubbuun sitti dhuftu Rabbi kadhatta. Yoo na jiraachifte akkana godha jettee himatta.
Nutis yeroo sanatti waanti nu jenne, ''yoo karaa kana dabarree bakka takka geenne, seenaa kana himachuu qabna''.
Egaa amma Ameerikaa dhufnee yeroo dheeraaf jiraannee, ijoollee horannee, hojii argannee jiruu gaarii jiraanna.
Kanaafuu kadhaa wayita sana Rabbi kadhanneetti deebinee, seenaa sana barreessinee, namni keenyallee karaa nuti keessa dabarree dhufne haa beeku, ijoolleen biyya kanatti dhalattes seenaa kana beekuu qabdi jenneetu.
Kitaabni ammaa kun ka jalqabaa miti. Kanaan durallee ijoollummaarratti mudannoo afaan wajjin isaan mudateen walqabatee kitaaba tokko barreessee maxxansiiseera.
Yoo Rabbi jedhe ammoo kitaaba koo sadaffaa waa'ee jiruu Ameerikaa ilaallatu barreessuufin jira.
'Dhaloota ammaa kanaaf ergaan qaba'
Warri kiyya qonnaan bultootaafi horsiisee bultootadha. Anin suni bakka sanii bahee bakka kanaa waan gahu taate, isinillee bakka ani gahe kana bira dabartanii bakka biraa gahuu dandeettu.
Of gad-hinqabinaa, jabaadhaa baradhaa. Seenaa keessanis bakka jirtanitti himaa. Seenaa keenna nuti yoo hin himne, namni seenaa keenna jal'isanii waan himaniif - nutu seenaa keenna himachuu qaba.


















