Dhiyeenya Jibuutiitti godaantota galaanatti darbaman keessaa 20 kan ta'an du'an

Qarqara galaanaa Jibuutii

Madda suuraa, AFP

Dhiyeenya Jibuutiitti daddabarsitootni seeraan alaa godaantota dooniirraa galaanatti darbatanii godaantotni 20 ta'an du'uu Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii ibse.

Dhaabbatni dhimma godaantotaarratti hojjetu, IOM, akka jedhutti dallaalonni wayita dooniin isaanii humnaa ol fe'uu hubatanitti godaantota 80 ta'an galaanatti gad darbani.

Doonii sanirra daa'imman fi dubartoota dabalatee godaantotni 200 ta'an akka turanillee ibseera dhaabbatichi.

Godaantotni harka hedduun Itoophiyaafi Somaaliyaarraa akka ta'an amanamu kun Saawud Arabiyaatti hojii fooyyee argachuuf Yamanitti imalaa turan.

Hoogganaan IOM Antooniyoo Vitoriinoo dhaamsa tiwiitara isaanii gubbaatti maxxansaniin ''daddabarsitootaan galaanatti erga darbamanii yoo xiqqaate godaantotni 20 ta'an du'anii 60 kan ta'an haala rakkisaa keessa jiru'' jedhan.

''Daddabarsitoota kadhannaan isaanii saaxilamummaa godaantotaa ta'e kana seera dura dhaabuun wanta dursi kennamuuf ta'uu qaba'' jedhan.

Balaan kun bakka godaantotni naannolee Itoophiyaa garaagaraa irraa Jibuutii seenaniin gara Yamanitti ce'uuf dabaree itti eeggatan kan qarqara galaanaa taate Obook jedhamutti dhiyootti qaqqabe.

Irra hedduun godaantotaa ulaa kanaan gara Yaman imalanii lammiileee Itoophiyaa ta'uu isaaniirraa kan ka'ee kanneen balaa kanaan miidhaman hunduu ykn ammoo harkii hedduun lammiilee Itoophiyaa akka ta'u malan IOM irraa odeeffanneerra.

Hoogganaan dhaabbatcihaa damee Bahaafi Gaanfa Afrikaa Mohaammad Abdiiker ji'oota jahan darban balaan walfakkaataan sadii qaqqabee godaantotni yoo xiqqaate 70 ta'an lubbuu dhabuu ibsaniiru.