Mohaammad Adaam sababii siyaasaan Itoophiyaa baqachu hima

Madda suuraa, Times of Malta
"Bidiiruu irraa namoota 15 taanee turre kan imala eegallee. Garuu lubbuun kan bahe ana qofaadha,'' jechuu ture Mohaammad Adam Ogaa erga lubuun baraaramee of bareen booda siree hospitaala Maaltaa irraa kan dubbate.
Tokkoon tokkoo baqattootaas doolaara 700 kanfaluun ture imalasaanii Libiyaarraa gara Awuurooppaatti kan eegalanii wallakkaa galaanaa Meditiraaniyaaniitti dhuman.
Isaan boda bidiruun galaana walakkaa osoo jirtuu boba'aa fixatte. Itti aansee ammoo nyaanniifi bishaa dhume. Kanaafuu, dubartii ulfaa waliin turan dabalatee namoonni 14 biroo yoo du'an qofaasaa wallakkaa galaanaatti hafe.

Madda suuraa, Frontex/Armed Forces of Malta
"Galaanaa walakkaa guyyoota 11f turre. Bishaan galaanaa dhuguu eegalle. Guyoota shaniin booda namoonni lama du'an. Isaan boodas guyyaan namoonni lama lama na biraa dua'a turan."
Innis erga Ejansiin Eegdoota qarqara bishaaniifi daangaa Awuroppaa doonii dorgommii xiqqoo galaana jidduutti arganiin booda guyyaa Wiixataa bishaan keessaa lubbuun baafame.
Waraabbiin baraartoota humnoota waraanaa Maaltaa akka mulliseetti, Mohaammad reeffa namaa irratti gonbiifamee ture osoo xiyyaaraan gara hospitaalaatti hingeeffamiin dura.
"Akka na baraaraniif Waaqatu warra Maaltaa naaf erge,'' jechuun ture Times of Malta' kan hime. Wayita sanattis hospitaala keessatti qoricha fudhataa kan jiru yoo ta'u, dhaabbatee adeemuu hindandeenye ture.
Imalli du'aa kun attamiin dhaabbata?
Mohaammad, gaheessaa umuriin isaa ganna 38 ta'e kun, akka ofii ibseetti, baqataa siyaasaa miseensa Adda Bilisummaa Oromooti.
Innis erga hiriyyoota isaa biyya Jarmaniitti argamaniin wal qunnamee booda imala taasisuuf murteessuu dubbata.
Libiyaa keessattis lammii Somaalee kan maqaansaa Ismaa'il jedhamu wal arguun waliin karaa fadaaltootaan imalasaanii qindeessuu dubbata.
Imalasaaniis magaalaa Libiyaa Zaawiyaa kan magaalaa gudditti Tirippooliirraa fageenya 45km irratti argamturraa Hagayya 1 eegalan. ''Fadaalichi GPS nuuf kennuun akka Maaltaa deemnu nutti hime,'' jedha.
Namoonni bidiruu sanarra turanis: Dubartii garaatti baattuufi dhiirota lammii Gaanaa, dhiirota lammii Itoophiyaa lamaafi lammilee Somaalii 11 turan, jedha.
Erga boba'aan, nyaanniifi bishaa dhumeen booda, bidiruuwwaniifi helikoptaroota karaa sana darban irraa gargaarsa argachuuf yaalii taasisaa akka turan dubbata Mohaammad.
''Bidiruuwwan hedduu agarre, 'Gargaarsa, Gargaarsa' jennees iyyaa turre. Harka keenyas afarsaa turre garuu callisanii nu bira darbu turan. Helikoptarriis dhufee deeme."

Madda suuraa, AFP
Mohaammad haala sukkanneessa hiriyyoonnisaa ittiin du'an wayita himu ijasaa dunuunfateeti.
"Hunduu bidiruudhuma keessatti du'an. Qilleensisaas baayyee ho'aafi aduu ture. Nyaanniifi bishaan hinjiru. Ismaa'il reeffa galaana keessa buusuu qabna naan jedhe. Isaan booda reeffa namootaa bidiruurraa bishaan galaanaa keessa buufne. Reeffichis ajjaa'aa ture.''
Dhumarratti lamaan isaanii qofaa bidiruu sanarratti hafuu hima. ''Ismaa'il akkas jedhe, 'amma hunduu du'eera. Nuti maaliif jiraannaa?''
Kanaafuu hiriyaansaa kunis waliin du'uu akka qabaatan akka itti hime yaadata.
''Waan qabu hunda bilbilaafi GPS hundaa gara galaanaatti darbate. Anis yoo ofiin of ajjeessuu barbaadde ofi ajjeessi. Ani garuu ofii of ajjeessuu hin barbaadun jedheen. Booda Ismaa'ilis na biraa du'e."
Sarara godaantoota Awurooppaatti qabamuu
Mohaammad goodaantoota 40,000 bara kana keessaa osoo galaana Meditiraaniyaan qaxxaamuranuu baraaraman keessaa tokko.
Akka UN jedhuutti, godaantoonni imala balaa guddaa qabu galaana Meditiraaniyaa qaxxaamuruuf taasifamu warra taasisan keessaa namoonni 839 lubusaanii dhabaniiru.

Madda suuraa, Reuters
Galaana qaxxamuruun kan itti fufee yoo ta'u, gama biyyoota Awurroppaatiin yeroo amma daangaa cufataniiru.
Minisitirri dhimmoota fayya godaantoota biyyaa keessa Xaaliyaanii, Maattel Salvini yeroo hedduu bidiruuwwan tola-oltootaa akka hin baraarreef dhorkuuf yaalii taasisaa turan.
Akkasumas, dhimma baqattoota 147 doonii Waraana Open tiin Kamisa Lampedusa qaqaban irrattis ministira mummee biyyattii waliin kan walitti bu'an turan.
Bidiruun lammaffaan ammoo godaantoota 356 imala baraarsuu afuriin dhiheenya Libiyaatti baraarte.
Biyyi olllaan Xaaliyaanii xiqqoon, Maaltaa, dhimmicha Xaaliyaanitti ta'aa jiru hordofaa jirti. Humnootiin waraanaa isaas galaanaarraa baqattoota kan baraaran yoo ta'u, garuu ammoo bidiruu tola-oltootaa deegaruu dide sababii namoota Libiyaarra nama dadabarsan jajajbeessa jechuun shakkiteef.
Carraan Mohaammad maal ta'a?
Guyyaa Wiixataa yoo lubbuu baraarsuun raawwatamu, Ministirri Dhimmoota biyyattii Mikaa'eel Faarugi'aa ''kana gochuu hin qabnu jechuun akkeekachisaniiru.''
Mohaammad Adaam Ogaa amma seenaa isaa poolisoota Godaansa Maaltaafi Komishiinii Kolugaltoota biyyattiitti ni hima jedhamee eegama.

Madda suuraa, Times of Malta
Guyyaa imala isaa dhumaa akka abjuutti yaadata. Waayita baraaramuutti waan of wallaalee tureefuu attamiin akka baraarameefi du'aatii hirriyaasaa Ismaa'il waan yaadatu hin jiru.
Yoo gara biyyaatti deebii'e akka hidhamu amana. Sababiinsaas garee inni dura miseensa waliin ture ammas motummaa waliin nagaa waan hin qabneef jedha.
Erga biyyaa bahee waggoota 15 guutuu kan dubbatu Mohaammad, jalqaba gara Ertiraatti isaan booda Sudaan dhaquun Uk gahuuf barbaade ture.
"Jarman deemta yoo ta'e afaan Jarmanii beekuu qabaatta. Ani garuu Afan Ingiliizii muraasan beeka,'' jedha.
Tarii Mahaammad waa'ee imalasaarratti gaabbii ni qabaataa laata jedhamee gaafatame, ''Lakki'' jedheera.
"Waanan lubbuun ooleef baayyeen gamada, garuu biyyaa bahukootti hingaabu,'' jedheera.














