Namtichi himata dogongoraan ganna 38 hidhame, beenyaa $ miiliyoona 21 argate

Madda suuraa, Reuters
Dhugaafi aduun bulaniitu mul'atu jedhama.
Namtichi Kaalifoorniyaa himannaa sobaatiin waggoota 38'f erga hidhamee booda beenyaa $ Miliyoona 21 kaffalameef.
Kireeg Koolii, maanguddoon ganna 71 yoo ta'an, Ameerikaa bulchiinsa Kaaliforniyaatti bara 1978 hiriyaasaa duraaniifi ilmasaanii ajjeesan jedhamuun itti murteeffame.
Kireeg hanga ammaatti yakka kanarraa an bilisa jechuun daran mormu.
Ragaa qo'annoo qaccee sanyii ykn DNA gaggeeffameen bara 2017tti mana hidhaatii bahe.
Seenaa mana hidhaa kutaa biyyaa Kaaliforniyaa keessatti nama ragaa dogongoraan yeroo dheeraa hidhame ta'eera.
Beenyaan Abba Kireegif kanfalamu kunis korojoo maallaqaa magaalaa Simii Vaalii jedhamturraa baha.
''Maallaqni waan Mr. Kolii irra gahe bakka hin bu'u. Garuu dhimmichi akka xumuramu gochuun hawaasa keenyaafis ta'ee Mr. Koliif sirri ture,'' jedhan bulchaan magaalattii Erik Leevit
'Mana hidhaa keessa warra kaaniif fakkeenya ture'
Mr. Kolii duula Veetanamitti hirmaatanii lubbuun nama hafan yoo ta'an, dubartii Rondaa Winch jedhamtu fi daa'ima ishii ganna 4 ajjeeftee jedhamee himatame.
Winch gudeedamte achiis hudhamtee gamoo magaala tokkoo keessatti argamte.
Yakka kana raawwaachuun Mr. Koliy shakkamee dhaaddachatti yeroo 2 erga dhiyaate booda umrii guutuu mana adabaa akka turu itti murta'ee.
Yakka akkasii raawwachuun garuu sana dura himatamee hin beeku.
Waggoota 40tti dhiyaatuuf mana adabaa erga turee booda bulchaan Kutaa bulchiinsa kana adabbii hidha haqummaa hin qabnefi adda ta'e, kan ibsuuf nama rakkisuuf madeessuu, hidhamtoota keessa nama fakkeenya ta'e jechuun Los Angeles Times tti himaniiru.
''Waggoota 40tti dhiyaatu duubatti deebi'ee haadha daa'ima fi daa'iman jaaladhu kana mufachiisuu hin barbaadus,'' jedhan.
Poolisiin yakka kana qorataa tures bara 1989 namni kun akka gadhiifaman gaafate ture.
Poolisiin ammas nama haadha daa'imaa fi daa'imsashi ajjeesse adda hin baafne.













