Mana hidhaa Hindii hidhamtoonni bahanii hojii barbaaddachuuf dirqaman

Mana hidhaa Saanganer

Mana hidhaa Sangaaner biyya Indiyaa kana keessatti hidhamtoonni nyaatas ta'e qarshii hin argatani. Kana jechuun dallaa mana hidhaa kanaa keessaa bahanii waan ittiin of jiraachisan barbaaduu qabu.

Gariin hojjettoota warshaa, hojii humnaa, shufeerota kaan ammoo gosa ispoortii Yoogaa jedhamu kan barsiisanillee jiru.

Raachmand shufeera baasii mana barumsaati. Haati warraa isaa Sugnaan ammoo warshaa huccuu tokko keessa hojjatti. Mana isaanii kutaa tokkitti keenyan keelloofi baaxii sibiilaa dandaa'e qabu, TV fi gaazexaawwan kuufamanii mul'atu.

Lamaanuu kophaa jiraatu turan, gaaf kaan olloonni isaanii walitti isaan fidanii kophummaa isaan baraaran. Inni garuu "kophummaaf osoo hin taane waanan jaalalasheetiin booji'ameefan fuudhe" jedha.

Ramchaand and Sunyaa

Jarri kun lamaanuu lubbuu namaa balleessuun yakkamanii kan jiraatan mana hidhaa Saanganer kana keessa.

Sangaaner mana hidhaa banaa magaalaa guddittii kutaa biyyaa Raajaastaan Jaayipuur jedhamtu keessatti argamtudha. Mana hidhaa kana keessatti karri namatti cufamus ta'e, waardiyyaan nama eegu hin jiru.

Inumaa hidhamtoonni guyyaa guyyaan gara magaalaa bahanii hojii akka hojjetan jajjabeeffamu. Bara 1950 kan baname manni hidhaa kun hidhamtoota 450 qaba. Kutaa biyyaa Raajaastaan keessa manneen hidhaa akka kanaa 30 jiran keessaa tokko.

Hidhamaan tokko mana hidhaa kana galuuf dursa hamma itti murtaa'e irraa 2/3ffaa mana hidhaa to'annaa qabu keessatti hidhamuu qaba.

Hidhamtoonni mana hidhaa kanatti hidhaman hedduun isaanii gadi dhiisanii deemuu waan hin barbaanneef, akkuma murtee isaanii xumuraniin mootummaan dirqiin gadi dhiisisa.

Ta'us jiruun isaanii mana hidhaa kanaa mijataa miti. Ilaalcha warri mana hidhaa ala jiran isaaniif qaban irraa kan ka'e hojii argachuuf akka rakkatan himu.

Manni hidhaa kun mana hidhaa kan fakkaatu galgala wayita maqaan hidhamtootaa waamamu qofadha. Wayita biiftuun lixuuf jettu hidhamtoota keessa filamanii kanneen mana hidhaa kana bulchan hidhamtoonni hundi jiraachuu isaanii to'atu.