Lammiileen Paalastaayin mana hidhaa Israa’el irraa miliqan afur qabaman

Humnootni Israa'el Israa'elii fi West Baanki keessatti daandii cufuun hidhamtootni Paalestaayin miliqan akka gara Joordaanitti hin imalle godhan

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Humnootni Israa'el Israa'elii fi West Baanki keessatti daandii cufuun hidhamtootni Paalestaayin miliqan akka gara Joordaanitti hin imalle godhan

Hidhamtoonni Paalastaayiin jalqaba torbee kanaatti mana hidhaa Israa’el eegumsa olaanaa qaburraa miliqan jaha keessaa afur deebisanii qabaman jedhe poolisiin Israa’el.

Lamman isaanii lafa dhaaba konkolaataatti Sanbata har’aa qabaman, lameen kaan immoo naannoo magaalaa Naazareet gaafa Jimaataa qabaman jedhe poolisiin.

Hidhamtoonni ja’a gaafa Wiixataa mana hidhaa Gilbo’aa jedhamu kan kaaba Israa’elitti argamurraa erga miliqaniin booda dha barbaachi isaanii kan jalqabe.

Mana hidhaa haala kanaan cabsanii bahuun Israa’elitti waggaa 20 keessatti kuni yeroo jalqabaaf raawwate.

Dogoggora qondaalonni uuman adda addaa booda dhimmi kuni mudate jedhameera

Gareen hidhataa Paalastaayiin gochaa mana hidhaa miliquu kana ‘gootummaa dha’ jechuun waamee ture.

Hidhamtoonni miliqan kunneen qaawwa ittiin bahan ji’oota dheeraaf qotaa akka turan amanama. Yeroo qotanitti iddoo banaa lafa jala jirutti isaan baasa.

Iddoo banaa argatan sanaan otoo suuta deemaa jiranii ededa mana hidhichaa karaa alaan jiru bira gahan. Achii ujummoo daandii balfaa gidduu jirutu itti bahe jennaan qotan. Innis gajjallaa gamoo eegdonni irra taa'an too'atanii ture.

Viidiyoon CCTV akka agarsiisutti ujummoo sana keessaa Wiixata sa’atii torbatti haa bahaniyyuu malee dubbiin garuu kan barame erga jiraattonni naannoo ‘’namoota shakkisiisan’’ argine jedhan booda dha.

Miidiyaaleen Israa’el mudannoo kana rakkoo eegumsaa irraan kan ka’e uumame jedhe.

Miidiyaaleen kunneen maxxansa baasaniin dizaayinii mana hidhichaa, hidhamtoonni ja’an kunneen magaalaa West Baank Jeeniin jedhamturraa bakka kaa’aman, meeshaa akka isaan mobaayilii dhoksaan isaaniif gale isaanirratti akka beeksisu godhu faayidaarr oolchuu dhiisuun fa’i mana hidhaan alatti hariiroo akka uuman godheera jedhan.

Kana malees eegduun karaa ujummoo isaan itti bahanirraan eegaa ture rafee ture shakkiin jedhus jira.

Hidhamtoota deebisanii qabaman keessaa tokko Zakaariyaa Zubeedii yoo tahu Jeniin keessatti komaandar Birgeedii Aqsa Martyrs ture. Bara 2019 humnooti Israa’eel haleellaa garagaraa raawwateera jechuun qabanii mana murtiitti dhiyaachaa ture.

Warreen kaan shanan, Mahaamuud Adraah, Mohaannad Adraah, Ihaam Kaamaamjii, Yaaqoob Qaadrii fi Munaadiil Infaat, miseensota garee Islaama ‘Islamic Jihad’ jedhamuuti. Haleellaa lammiilee Israa’el irratti raawwachuuf karoorsuu fi raawwachuun hidhaan umrii guutuu irratti murtaa’etu mana hidhaa jiru.