Hidhamtoonni Paalastaayin lafa jalaan daandii qotuun mana hidhaa Israa'el keessaa miliqan

Manni hidhaa Gilboa eegumsaa cimaa qaba, kanaaf "the Safe" jedhamee beekama

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Manni hidhaa Gilboa eegumsaa cimaa qaba, kanaaf "the Safe" jedhamee beekama

Erga loltoonni Paalastaayin ja'a lafa qotuun mana hidhaa Isaraa'el eegumsa olaanaa qabu keessaa miliqanii booda warri Israa'el adamsaa jiru.

Namoonni kunneen ji'ootaaf kutaa keessa turan keessaan karaa lafa jalaa qotaa kan turanii fi dhumarratti karaa guddicha mooraa mana hidhaa Gilbora marsee jirutti baasuutu himame.

Qondaaltonni mana hidhaa miliquu hidhamtootaa kunnenii qonnaan bultoota ijaan argan irraa dhagahan.

Qondaalli mana hidhaa Israa'el miliquu namoota Paalastaayin wayita ibsan, ''Kun kufaatii eegumsaa fi tika Israa'el mul'isa,'' jedhan.

Gareen hidhattootaa Paalastaayin ammoo tarkaanfiin hidhamtoonni fudhatan kun gootummaadha jechuun faarsan.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

1px transparent line

Manni hidhaa Gilbora kaaba Isaraa'elitti kan argamu yoo ta'u eegumsa jabaa qabaachuurraan kan ka'e ''the Safe'' jedhamuun beekama.

Barruun Jerusalem Post jedhamu akka gabaasetti namoonni miliqan kunneen fal'aana dandaa'e, kan dhoksanii olkaawwataniin yeroo sheeraaf lafa jalaan daandii qotan.

Tajaajilli Nageenyaa Shin Bet jedhamu ammoo namoonni kunneen akkitti miliqan, namoota alaatu mobaayila dhoksaan seeneen bilbilanii haala mijeessanii baasan jedha.

Ulaa lafa jalaan ooyiruu qonnaa handaara mooraa mana hidhaatti tasuma mul'ate

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Ulaa lafa jalaan ooyiruu qonnaa handaara mooraa mana hidhaatti tasuma mul'ate

Taatee kanaan booda poolisoonnii fi loltoonni Israa'el namoonni miliqan adamsaa jiran, namni kamuu gara West Bank yookiin Jordan akka hin imalle ittisaa jiru.

Iddoon kun mana hidhaa namoonni keessaa miliqan, Gilbora irraa kiilomeetira 14 qofa fagaata.

Ministirri Muummee Israa'el Naftali Bennett qondaala nageenyaa biyyattiitti wayita dubbatan: ''kun taatee gaddisiisaa eegumsa jabaa dannagaa hundarratti gaafatuudha,'' jechuun irratti xiyyeeffatanii dubbatan.