Hidhamtoonni Paalastaayin lafa jalaan daandii qotuun mana hidhaa Israa'el keessaa miliqan

Erga loltoonni Paalastaayin ja'a lafa qotuun mana hidhaa Isaraa'el eegumsa olaanaa qabu keessaa miliqanii booda warri Israa'el adamsaa jiru.

Namoonni kunneen ji'ootaaf kutaa keessa turan keessaan karaa lafa jalaa qotaa kan turanii fi dhumarratti karaa guddicha mooraa mana hidhaa Gilbora marsee jirutti baasuutu himame.

Qondaaltonni mana hidhaa miliquu hidhamtootaa kunnenii qonnaan bultoota ijaan argan irraa dhagahan.

Qondaalli mana hidhaa Israa'el miliquu namoota Paalastaayin wayita ibsan, ''Kun kufaatii eegumsaa fi tika Israa'el mul'isa,'' jedhan.

Gareen hidhattootaa Paalastaayin ammoo tarkaanfiin hidhamtoonni fudhatan kun gootummaadha jechuun faarsan.

Manni hidhaa Gilbora kaaba Isaraa'elitti kan argamu yoo ta'u eegumsa jabaa qabaachuurraan kan ka'e ''the Safe'' jedhamuun beekama.

Barruun Jerusalem Post jedhamu akka gabaasetti namoonni miliqan kunneen fal'aana dandaa'e, kan dhoksanii olkaawwataniin yeroo sheeraaf lafa jalaan daandii qotan.

Tajaajilli Nageenyaa Shin Bet jedhamu ammoo namoonni kunneen akkitti miliqan, namoota alaatu mobaayila dhoksaan seeneen bilbilanii haala mijeessanii baasan jedha.

Taatee kanaan booda poolisoonnii fi loltoonni Israa'el namoonni miliqan adamsaa jiran, namni kamuu gara West Bank yookiin Jordan akka hin imalle ittisaa jiru.

Iddoon kun mana hidhaa namoonni keessaa miliqan, Gilbora irraa kiilomeetira 14 qofa fagaata.

Ministirri Muummee Israa'el Naftali Bennett qondaala nageenyaa biyyattiitti wayita dubbatan: ''kun taatee gaddisiisaa eegumsa jabaa dannagaa hundarratti gaafatuudha,'' jechuun irratti xiyyeeffatanii dubbatan.