Warri Israa'el qubsuma Paalastaayin irratti hiriira ba'uuf murteessan

Mootummaan Israa'el kan yeroon aangoosaa goolabamaa jiru lammiileen biyyattii kanneen leellistoota amantii ta'an akka hiriira ba'an eeyyameera. Hiriirri kun kutaa Jerusaalam iddoo qubsuma warra Paalastaayin taate keessa naanna'uun ba'ama.

Hiriirri kanaan dura karoorfamee ture kun waraana Israa'el fi Gaazaa hammeessa sodaa jedhuun kanaan dura hafee ture.

Hiriira kanarratti lammiileen Israa'el alaabaa biyyattii mirmirsaa kutaalee qubsuma warra Paalastaayin ta'an keessa naanna'u, hiriirri Kamisa dhufu gaggeeffamuuf turee haqame kun amma gara Kibxata dhufuutti darbeera.

Bulchiinsa Gaazaa to'atee kan jiru gareen Hamas, hiriirri sun ni gaggeeffama taanaan lolli hamaan akka mudatu akeekkachiiseera.

Lola ji'a darbe guyyoota 11'f gaggeeffameen Gaazaa irraa namoonni 242 yoo du'an, gama Israa'elii ammoo namoota 13 qofatu du'an.

Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamin Netaaniyaahuu erga kaabinootasaanii waliin mari'atanii booda akka hiriirri ba'amuu qabu murteessan.

Paarlaamaan Israa'el, Dilbata dhufu mootummaa haaraa filuuf jedha.

Mootummaan waliinii haaraa hundaa'e yoo paarlaamaadhaan mirkanaa'e, yeroo dheeraaf biyyattii kan bulchan Aab Netaaniyaahuun gaggeeffamuuf jiru.

Kanaafuu aangoon hiriira kana murteessuu harka qondaaltota haaraa, Naaftaalii Beneet fi Yeer Lappiid jira jechuudha.

Hiriirri guddaan kun murtee paarlaamaatiin booda guyyaa lama keessatti gaggeeffama.

Hiriirri Jerusaalam gara bahaa qubsuma Israa'el ta'uu agarsiisuuf ba'amu kun waggaatti yeroo tokko gaafa Caamsaa 10 ba'ama ture.

Lammiileen Israa'el Jerusaalam bahaa erga waraana baha giddugaleessaa bara 1967 as kansaanii ta'uu himatu.

Hiriira kanarratti dargaggoonni hedduun alaabaa biyyattii mirmirsuun dabaalu, haala kanaan hiriirtonni kumaa-kitilaan ba'uun karaa ualaa Damaaskas ba'anii gara baha Jerusaalamitti qajeelu.

Lammiileen Paalastaayin hedduun hiriirri kun waraana kakaasuu kan kaayyeffateedha jedhu.