Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lola Israa'el-Paalastaayin hordofee Israa’el magaalaa Lood keessatti labsii yeroo muddamaa labsite
Fincila Araboota Israa’eel hordofuun walitti bu’iinsa humnoota Israa’eel fi hidhattoota Paalestaayin gidduutti hammaachaa dhuferraa ka’uun, Israa’eel magaalaa Lood keessatti labsii yeroo muddamaa labsitee jirti.
Konkolaataawwan kan gubatan yoo ta’u, abbaafi intalli konkolaataa keessa osoo jiranii rookkeettiin rukute lubbuun dabartee jirti, lamaanuu Araboota Israa’eel turani.
Hidhattoonni Paalestaayin rookkeettiiwwan dhibbaan lakkaa’aman gara Israa’eelitti yoo dhukaasan, Israa’eel gamasheetiin haleellaa xiyyaarraa cimaa ta’e Gaazaa keessatti raawwattee jirti.
Wal-dhabdee hamaa waggoota hedduun asitti ka’e kanaan, yoo xiqqaate namoonni 40 lubbuu dhabaniiru.
Waraanni Israa’eel, hidhattoonni Gaazaa keessa jiran haleellaa rookkeettii Jeruusaaleem fi naannawa isaatti waan raawwataniifan irratti aggaammadhe jedha.
Walitti bu’iinsa hammaachaa dhufe kana hordofuun Wiixatarraa kaasee rookkeettiiwwan 1,000 ol gara Israa’eelitti dhukaafamuus itti dabaluun himaniiru anga’oonni waraanaa Israa’eel.
Hidhattoonni Paalestaayin gama isaaniitiin, Israa’eel haleellaa xiyyaaraan gamoo Gaazaa keessa jiru erga diigdee booda magaalaa guddooshee Teel Aviiv rookkeettiidhaan haleelle jedha.
Gamoon biraa haleellaa Israa’eeliin diigamee jira, jiraattonnis gamoo darbii 12 qabu al-Jawhaaraa keessaa akka ba’an akeekkachiifamanus, namoonni nagaan haleellaa kanaan ajjeefamuu dubbatu, anga’oonni fayyaa.
Lola akka haaraatti eegale kanaan hanga yoonaatti daa’imman 10 dabalatee lammiileen Paalestaayin 35 fi Israa’eloonni 5 ajjeefamanii jiru.
Lood keessatti maaltu dhalate?
Lood, magaalaa dhiyeenya Teel Aviiv jirtu yoo taatu, mormii Araboota Israa’eel hordofuun fincilli ka’e. Mormitoonnis poolisiitti dhagaa darbachuu eegalani. Poolisiinis boombii fakkeessaa mormitoota kanatti darbate.
Mormiin kan ka’e ammoo, awwaalcha nama wal-dhabdee magaalattii keessatti guyyaa tokko dura ture irratti ajjeefame hordofeetu.
Roobii (har’a) ganama ammoo, namni ganna 52 tokko intalasaa ganna 16 fi haadha warraa waliin konkolaataa keessa osoo jiranii rookkeettiin rukuteenii inniifi mucaansaa yoo ajjeefaman, haati warraa akka malee miidhamte.
Manneen kadhannaafi daldalaa ibiddaan gubachuufi Yihuudonni konkolaataa nama Arabaan konkolaachifama turte dhagaadhaan tumuu miidiyaaleen gabaasaniiru.
Kibxata galgalarra MM Israa’eel, Baanjaamiin Netaaniyaahuu labsii yeroo muddamaa kan labsan yoo ta’u, poolisiin daangaa Israa’eel Weesti Baankirraa garas imalaniiru. Kunis walitti bu’iinsa hawaasa Arabaa irratti humna akkasii yoo fayyadaman 1966 irraa asitti isa jalqabaati jedhameera.
Wal-dhabdee waraana Israa’eel fi hidhattoota Gaazaa jiraniitu Araboota lakkoofsaan xiqqaa Israa’eel keessa jiran gara mormiitti isaan kaase.
Weesti Baanki fi Jeruusaaleem dabalatee, bakka Araboonni Israa’eel keessa baay’inaan itti jiraatan biroo keessattis mormiin ka’eera.
‘‘Israa’eloonni hundi akka hubatan kanin fedhu, dhimmichi to’annoon ala ta’uufi waraanni waliinii ka’uusaati’’ jedhani kantiibaan Lood, Yaa’iir Reeviivoo.
Abba Netaaniyaahuun wayita Lood daawwachuun tasgabbeessuuf yaalanitti, yoo barbaachisee labsi yeroo muddamaa dabarsina jedhanii turani.
Waa’ee lola haaraa kanaa maal beekna?
Walitti bu’iinsa guyyoota lamaaf tureen booda, dhukaasni rookkeettii hidhattoota Paalestaayin fi haleellaan qilleensarraa Israa’eel Roobii ganamas itti fufeera.
Ibsa Tiwiitara gubbaa baaseen, rookkeettiiwwan dhibbaatama dhukaafamaniif deebii kennuuf ‘‘iddoowwan murteessoo ta’anirratti’’ haleellaa raawwachuu hime, Waraanni Israa’eel. Haleellaan kunis 2014 as isa guddicha dha.
Gamoo guddaa tokko dabalatee, manneeniifi waajjiroonni hooggantoota hidhattoota Paalestaayin Gaazaa keessa jiran irratti aggaammiin kun xiyyeeffachuus himeera waraanichi.
Gama biraatiin hidhattoonni Paalestaayin rookkeettii gara Israa’eelitti dhukaasuu akkuma itti fufanitti jiru. Teel Aviiv, Ashkeloon, Moodiin fi Biirshebaa dabalatee magaalota itti xiyyeeffatan keessatti, sagaleen dhoo'insaa fi saayiranii qilleensaa dhaga’amaa ture.
Viidiyoon magaalaa Teel Aviiv keessatti waraabame, rookkeettiiwwan samii dukkanaa keessa yoo dhukaafamaniifi gariin isaanii misaayeloota qolannaa Israa’eeliin qilleensarratti yoo dhoo’an mul’isa.
Hokkora kana maaltu kaase?
Lolli Israa’eel fi Hamaas gidduu kan ka’e, guyyoota muraasaaf mooraa bakka amantii tabba Jeruusaaleem Bahaa irra argamu keessatti walitti bu’iinsa lammiilee Paalestaayin fi Poolisii Israa’eel gidduutti ka’e horduufuudhaani.
Bakki amantaa kun Musliimotaan Haraam al-Shariif kan jedhamu yoo ta’u, Jiiwotaan ammoo Teempil Maawunt jedhamee waamama, bakka amantiiwwan lamaanuu biratti kabaja guddaa qabudha.
Bakka Araboonni baay’inaan itti jiraataniifi lammiileen Paalestaayin hedduun qubattoota Israa’eelotaan buqqaafaman, Sheek Jaarraa dabalatee mooraa sana keessaa Israa’eel poolisiishee akka baastuuf Hamaas gaafachaa ture.
Gaaffiin kun gurra dhabee jennaani, Hamaas rookkeettii dhukaasuu kan eegale.