Hokkorri Israa'el-Gaazaa akka dhaabbatuuf biyyoonni addunyaa gaafatan

Hokkora Israa’eelii fi Paalestaayin guyyootii darbaniif adeemaa ture hammaachuun haleellaa waraanaatti ce'uu hordofee biyyootiin addunyaa tasgabbiin akka uumamuuf waamicha dhiyeessaa jiru.

Gamtaan Awuroppaa, US fi UK’n hanga danda’ametti ariitin akka hokkora hir’isaniif Israa’eelii fi Paalestaayin gaafatan.

Hokkorri kun kan hammaate erga Wiixata galgala hidhattonni Paalestaayin rookkeetti gara Jerusaalemitti dhukaasanii booda.

Haleellaa kanaaf deebiin, waraanni Israa’eel bakka hidhattoota jiru jedhametti tarkaanfii fudhachuuf Gazaatti (Gaza Strip) haleellaa baneera.

Haleellaa kanaan daa'imman sagal dabalatee namootni 22 du’uu isaanii qondaaltonni fayyaa Palestaayin himaniiru. Waraanni Israa’eel ammoo kanneen du’an keessa miseensonni gartuu Hamaas 15 Gaazaa bulchan akka jiran hima.

Wiixata bakka qulqulluudha jedhamu Jeerusaleemitti waldhabdee poolisii Isra’eel waliin uumameen lammileen Filisxeem dhibbaan lakk’aaman erga miidhamanii booda, Hamaas haleellaa akka gaggeessu dorsiisee ture.

Ministirri Muummee Isra’eel Benjamiin Nataneyahuu akka jedhanitti Hamaas “sarara darbeera” kanaaf ammoo Isra’eel “humna guddaan” deebii ni kenniti.

Guyyoota muraasa darbaniif Jerusaaleem keessatti hokkorri waldhabdee poolisii Israa’eelii fi mormitoota Filisxeem gidduutti uumame, waggoota hedduu keessatti hokkora ka’eeru keessa kun isa hamaadha.

Waldhabdeen kun kan eegale erga Baha Jerusaalemitti qubattoota Israa’eliin maatileen qe’ee isaanii irraa ari’amuuf dorsifamuun isaanii lammilee Palestaayin dheekkamsiiseedha.

Kibxata ganama, dhaabbati gargaarsa namoomaa Baatii Diimaa Palestaayin akka jedhetti, waldhabdee kanaan Jerusaaleemii fi Weesti Baank keessatti lammileen Palestiin 700 ol miidhamaniiru.

Biyyoonni addunyaa maal jedhan?

Ministirri hajaa alaa US Antonii Bilinken haleellaa rokkeettii kana Hamaas “atattamaan” akka dhaabuuf gaafachuun: “qaamni hundi hokkora akka dhaabaniif” gaafataniiru.

Dubbi himaan hajaa alaa UK Dominiik Raab ergaa Tiwiitara gubbaatti barreessaniin haleellaan rokkeettii “dhaabbachuu qaba” jechuun “lammiilee nagaa irratti xiyyeeffachuun haa dhaabbatu” jechuun waamicha dhiyeessaniiru.

Hogganaan dhimma alaa EU Joseef Booreelis “hokkorri cimaa” Baha Jerusaaleem, Gaazaa fi Weesti Baanki keessatti adeemaa jiru “hatattamaan dhaabbachuu qaba,” jedhan.

Kawunsiliin Nageenyaa UN dhimma hokkora kanaa irratti Wiixata marii hatattamaa taasiseera. Ibsi marii kanaa hanga ammaatti hin kennamne.

Qondaalli olaanaan tokko akka miidiyaa Associated Press’tti himetti UN, Masrii fi Qataar lola kana dhaabuuf tattaafachaa jiru.