Dubartoonni attamiin loltoota sababa midhaamaan saalqunnamtii dadhaban akka itti wallaanan

Wal'aansi nama sababii miidhamaatiin saalqunammtii raawwachuu hindandeenyeef dubartiin akka hiriyaa quunnamtii saalaa ta'uun gargaatuuf qacaramtu (surrogate sex therapy)n biyyoota hedduu kessatti baratamaa miti, sirumaayyu walfamisiisaadha.

Wal'aansi akkanaa keessuumaa kan dhiiroota adda waraanaa irratti miidhamaniif taasifamu kun haadha warraatiin alatti dubartoota biraatuu tajaajila kana akka kennan taasifama.

Biyya Israa'elitti garuu loltoota hedduu mada'aaniifi fedhiifin saalqunnamtii raawwachuu danda'uun isaanii akka bayyanatu barbaadan mootummaan baasii barbaachisu kaffalee dubartoota loltoota mada'aaniif qacaraaf jira.

Kutaan gorsaa saalqunnamtiin Telaavivitti gorsituuna dhimmi saalqunnamtii ogummaa kan kennitu Dr Roniit Alonii namoota rakkoo saalqunnamtiin walqabatuuf gorsa gaafatan deeggarti.

Maamila Dr Aloniif soofaan irraa taa'amu xiqqaan fi diyaagiraamiin qaama saalaa dhiiraafi dhala ibsuuf itti gargaaramtu ni jiru.

Kutaa ollasheetti argamu siree soofaafi dungoo qabsiifame qabu keessatti waanti raawwate caalaatti aja'ibsiisaadha.

Iddoon sun bakka hiriyoonni maallaqni kaffalameefi mamiltoota Alonii muraasa hiriyummaa jaalalaa qabaatanii fi maayirratti saalqunnamtii akkatti raawwatan barsiisuun gargaaranidha.

''Iddoon kun akka hoteelas miti, manneen akka apartamaati,''jette Aloniin.

Sireen jira, iddoo CD itti banamu, iddoon dhaqna itti dhiqamuu fi dhaabni mana fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii dadammaqsaniin miidhagfameera.

''Gorsi saalqunnamtiin baay'een isaa kan namoota gaa'ilaan walitti hidhamaniti, yoo hiriyaa hin qabaanne adeemsicha xumuruu hin dandeessu,''jette.

Itti fufuun akkas jette, ''hiriyoonni qacaraman dhiirri/dubartiin nama hiriyaa ta'aniif qooda hiriyaa bakka bu'u qabatu,''jette.

Warri qeeqan Qeextonni garuu hiriyaa saalqunnamtii qacaruu akka daldalaa saalqunnamtii ilaalu.,

Israa'elitti immoo mootummaan baasii barbaachisu loltoota mada'aanii saalqunnamtii raawwachuu dadhaban garaagaruun amma tokko baratamaa dhufeera.

Digrii doktoreeti ishee saalqunnamtii bayyanachiisuun irratti kan hojjatte Aloniin. ''Namoonni kan barbaadan nama ta'e wayii gammachisuun, achumaan nama wayirraa gammachuu argachuu fedhu,'' jetti Aloniin,

''Namoonni gorsaaf dhufu,gammachuu argachuuf miti, daldala saalqunnamtiin(prostitution)waantiin walfakkeessu homtuu hin jiru,''jettee cimsite dubbatte.

''Turtii kana keessatti gorsi ogummaa kennamu %85 kan ta'u waa'ee haalaan walitti shiiquun hiriyyummaa uumuu, qaaman wal tuttuquu, waliin haasa'uufaadha. Kana malees, akkaataa namoota biroo wajjin walitti dhiyaatanillee ni baratama. Kun ta'ee booda hariiroo saalqunnamtii raawwachuurra yeroo geessu, xumura adeemsa wallaansa kanaa ta'a jechuudha.

Hiriyummaa saalqunnamtii irra qaqqabuun adeemsa isa xumurati.''

Odeessaalee dhimma kana waliin walqabatan:

Loltuun Israa'el duraanii maqaa 'Aab A' jedhuun waamamu barbaadu tokko, loltoota gara jalqabaa Ministeerri Ittisaa Israa'el hiriyaa saalqunnamtii akka argatuuf maallaqa kaffaleef keessa jira.

Waggaa 30tti dhiyaatu dura humna eeggataa waraana Israa'el wayita turetti balaan jireenyasaa jijjiree isa mudatee ture.

Aab A'n iddoo olka'iinsa qaburraa kufee mudhii gaditti laamsha'e.

Sana booda akka duraan yeroo fayyaa qabuutti saalqunnamtii raawwachuu dadhabe.

''Wayitan miidhamettiadaa'etti waantan raawwachuu qabu jedheen tarreeffadhe jiru turan., Isaanis; dhaqna koo ofiin dhiqachuu, soorachuu, ofii kootii huccuu uffachuu, konkolaataa konkolaachisuu fi saalqunnamtii of danda'ee raawwachuun qaba jedheen tarreesse.,''

Aab A'n duraanuu fuudhee ijoollee horateera, garuu haati warra isaa waa'ee saalqunnamtii hakiimotaa fi gorsitootatti haasa'uu isaatti hin gammaddu., Kanaafuu Aloniin akka gorsa ogummaa gaafatu jajjabeessaa turte.

Aab A'n akka itti Aloniin kallattii qabsiiftu, duubdeebii isaafi hiriyaa akka gargaartuu saalqunnamtii taatee isaaf qacaramteefis kennamu ibseera.

''Jalqabarraa eeegalta; bakka kana tuqxa, iddoo sana xuqxa, sana booda tartiibaan amma sadarkaa xumuraa saalqunnamtiin gammachuu argattutti itti fufta,'' jedha.

Aab A'n akkuma miidhama isaa biroorraa isarra ga'eef akka akka wayyaa'uuf baasii ramadu sana, moootummaan maallaqa kaaffalee, barnoota bayyanachiisa saalqunnamtii inni torban torbaniin argatuuf maallaqa kaffaluun isaa sirriidha jedheetu amana.

Yeroo ammaatti sagantaa wal'aansa ksana akka argatuuf ji'a sadiitti baasiin $5,400 kaaffalamaafi jira.

''Jireenya uu koo keessatti nama akka hiriyaa saalqunnamtiitti namaaf qacaramtu hawwuun qacaramte barbaaduun galma koo jalqabaa hin turre. Haa ta'utii amma waanan n qaamaa miidhameefra gama hundaan , Jiruukoo gama hundaan garuu bayyanachuun waan nan barbaachisuuf ta'eda,''jedhe Aab A'n teenisii minjaalaa taphachuuf wilchariidhaan garasitti imalaa wayita turetti.

''Hiriyaa wallaansa saalqunnamtiif isaaf qacaramte wajjin jaalala keessatti hin kufu,.

Ani fuudheera/warroomeera.

Innis tooftaa qorannoo galma yaadame biraan ittiin gahamudha.qaqqabamudha. Kanaaf, akka waan yaadame bira gahuuf raawwachuu qabuttin fudhadha,''

Aab A'n ilaalcha saalqunnamtiirratti warreen biyyoota lixaa biratti beekamu akka sirriin miti jedhee balaaleffate.

''Saalqunnamtiin wanta jireenyaa gola jiruu keessatti nama barbaachisan keessaa isaa tokkodha. Waan jireenya namaa gammachiisudhas,, jireenyatti quufudhas" jedhe.

''Kana jechuun garuu Kasanovaa ta'uun narraa hin eegamu, dhimmichi kana miti,'' jedhe Aab.

Kasanovaan nama jaalalleewwan dubartoota heddu horachuun saalqunnamtii raawwachuun maqaan isaa himamu.

Namoonni hedduun umrii fi eenyummaa garaa garaa qaban hedduun kilinika Alonitti dabaree dabareen yaa'u.

Namoonni hedduun hiriyummaa jaalala keessatti jaalala uumuun dhimma walqabatu ykn dhiphina ykn haleellaa saalqunnamtii isaan irraa qaqqabeen dararamu.

Namoonni kaan isaaniimmoo rakkoo sammuu fi qaamaa kanneen qabaniidha.

Aloniin garuu erga hojiishee eegaltee maamiltoota ishee kanneen miidhama qaamaa qabanirratti xiyyeeffattetti.

Abbaa Alonii dabalatee firoottan dhiyoon Alonii hedduun isaanii miidhamaa qaamaa qabu.

Abbaan ishee balaliisaa xiyyaara kan turan yoo ta'u, balaa xiyyaaraatiin sammuun abbaashee madaa'ee ture.

"''Jireenya koo guutuu namoota miidhama qaama deeggaruun cinaa isaanii dhaabadhee gore, miidhama qaamaa garaa garaa akka injfatan deeggaraan ture,"''jetti Aloniin.

Aloniin akka jettutti, namoonni miidhama qaamaa qaban hundisaanii miidhamasaaniirraa wayya'aanii abdii horataniiru.

Dr Alonii Niwyorkitti wayita barattu hiriyaa qaama miidhamtoota ta'ee nama hojjatu tokko wajjin wal bartee turte.

Gaafa Isaraa'litti bara 1980 keessa deebitu hiriyaa qacaraman fayyadamuun namoonni miidhama qaban gidduigaleessa amantii Kibbutiz jedhamutti akka deeggaruun beekamtoota seeraa Jiwishoota barsiisan biratti fudhatama argatte.

Beektoonni Jiwishootaa kun seera qabu- Namni hin fuune ykn hin heerumne hiriyaa ta'uu danda'a jedha., Aloniin seera kana hordoftee hojjatti.

Turtii yeroo keessa garuu qondaaltota Israa'elirraa fudhatama argattetti.

Namoota 1,000 guutan kanneen gorsa saalqunnamtiin walqabatu kilinka isheetti argatan keessaa harki caalan loltoota soorama bahaniidha.

Loltonni kunneen baay'een isaanii mada'uu sammuu fi lafee dugdaaispaayinaalkoordii kanneen qabanii fi mootummaan Israa'el maallaqan deeggarudha..

Aloniin akka jettutti, aadaan Israa'el maatiirratti bu'uureffachuu fi ilaalchi biyyattiin loltoota biyyattii tajlaajilaaniif qabdu hojiicha akkan hojjadhu na tumseera jetti.

Israa'elitti namni umriin ganna 18 guute harki caalu tajaajila loltummaa akka kennaniif waamamuun, akka loltuu humna eeggataatti amma umrii ga'eessummaatti itti fufuu danda'u.

"Israa'el erga biyya taatee hundooftee yeroo hundumaa waraana keessaa jirra."

'' Lammiin Israa'el kamillee taanaan namoonni qaamaa miidhaman ykn du'an eenyu akka ta'an ni beeku., Kkanaaf, namoota miidhaman kanneen hirphudha.

Isaan gargaaruuf dirqama qabna jennee yaadna,'' jette.

Kun otoo haala kanaan jiruu, namticha dheeraa umriin ganna 40, boroo isaa wirtuu Israa'elitti argamu keessatti uffata qorraa tafarra buufate taa'aa ture.

Namtichi maqaan isaa Deevid jedhamu kun loltuu waraana Israa'el fi Libanoon giddutti bara 2006 gaggeeffamarratti miidhamee ture.

Halaalarraa wayita Deevid waamnu, bakkaa bakkatti socho'uu qofa mitii, dubbachullee hin danda'u ture.

Deevid nama qacarame isa gargaartu tokkotu harkasaa isaa qabdee, qalamaan gabatee adiirratti akka barreessuu gargaara.

''Ani akkuma kaaniin fayyaan ture. ture. Baha fagooorraan gara Israa'elitti deebi'e, Yunvarsiitiin baradhan ture., Mana dhugaatiis hojjadheera.

Dur ispoorti hojjachuu fi hiriyoota waliin taphachuun jaaladhan ture,'' jedhe Deevid.

Wayita Ccibiraan waraanasaanii haleelamutti, miilaafi mataan isaa miidhamee, sana booda ganna sadiif hospitaalaatti wala'anamaa ture.

Yeroo sanatti jiraachuuf abdii kutadheen ture jedhe.

Haalli inni keessa ture kan geeddarame garuu namni isa gargaartu hiriyaa saalqunnamtii akka horatu yaada dhiyeessiteefi turte.

"''Yeroon gorsa hiriyaa argachuu eegaletti, akka nama injifatameetti of ilaale, homaa hiika akkan hin qabne qabneetti of ilaaleen ture.

Gorsa argadhe keessattin akka namaa, dargaggeessa bareedaa tokkootti of ilaaluun eegale,"'' jedhe Deevid.

''Wayitan madaa'eerraa jalqabee yeroo jalqabaaf miirri kun natti dhaga'ame.

Gorsi sun ciminaa fi abdii naa laate,'' jedhe.

Hiriyummaan jaalalaa Deevid eegale isa kana ture, taatullee akka umrii dheertu hin qabne beeka, gaaf ta'e tokko akka goolabamu ni beeka.

Kanaafuu, carraan miirrisaa jeeqamuu isa mudataa laata?

"Jalqabarratti natti cimee ture, sSababnisaammoo hiriyaan sanarra waa hundumaan eege ture," jedhe.

''Taatullee yoo hiriyummaan keenya hafe michuu gaarii waliif ta'uu akka dandeenyu boodarran hubadhe., Isa kanatu gatii qaba. Kun akka irra deddeebitee of ijaartu si gargaara," jedhe.

Daviid fi hiriyaan isaaf qacaramte akkuma gorsi saalqunnamtiirratti argatan akkuma goolabameen akka waliin turuu danda'an Kilinikiin Dr Alonii eeyyameef jira.

Namoonni Deeviditti dhiyaatan akka jedhanitti, erga Deevid gorsa sana argatee fooyya'iinsa isaarratti arguu dubbatu.

Deevid jiruusaa fulduraa karoorfachurratti xiyyeeffateera.

Saalqunnamtiin raawwachuun itti jabaatulle, weerarri Covid-19 eegaluun dura deeggarsa gargaartuu isaatiin alaatti bahee namoota wajjin hariiroo cimsachuu eegalee ture.

Hiriyaan isaa Aliyas Serafiinaa jettee of waamtu Dr Roniit Alonii wajjin ganna 10 tti dhiyaatuuf hojjatteetti.

Serafiinaan qal'oo, rifeensa gabaabsitee muratte, nama waliin daftee waliin galuuf dandeetti qabdudha.

Dhiyeenyatti immoo kitaaba muxannoo ishee seenessu maxxxansiteetti.

Mata-duree kitaabichaa 'More than a Sex Surrogate' kan jedhu yoo ta'u, kKitaabicha keessatti yaadannoo jaalalaa kan addaatti qabdu, iccitii fi akka itti nuti wal jaalanne,''jedhu ibsiteetti.

Searafiinaan akkuma hiriyoota kilinika Telaa AAviiv wajjin hojjatan biroo hojii biraa qabdi.

Hojii aartiin walqabatu kan qabdu wayita ta'u, ofittoo ta'uu hin feene jette gita hojii kanas akka hojjattu himteetti.

''Namoonni haala kanaan rakkatan hundisaanii iccitii dhokataa hedduu qabatanii deemu, Isaan gargaaruu kaniin barbaadeef akka dandeettii akkasii qabaachaa ture waaneegan beekufi,"''jette Seerafiinaan.

''Adeemsa wal'aansa sana keessatti saalqunnamtii gochuu yaada jedhus hin mormu, ykn qaama koo tuttuquun rakkoo hin qabu," jette.

Barnoonni saalqunnamtiin walqabatu natti tola jetti wayita haasoftu.

Serafiinaan akka, ''nama kallattii imalaa qajeelchutti" of ibsiti.

Maamila ishee imala beektuurratti akka qajeelchitu haasofti.

Serafiinaan walumaagalatti maamilota 40'f ta'aniif hiriyaa taatetti, garuu miidhamni Deevid addatti akka ishee rakkise kaafte.

Serafiinaan akka itti Deevid waliin dhuunfaan waliin haasa'uun gargaaru dandeessuu barteetti.

''Deevid hedduu miidhame, dhimmisaa otoo gammojjii keessaa deemtuu kallattii itti deemtu akka nama hin beekneeti," jetti.

''Bakka tokkoo gara biryyaatti socho'uun tasumaa hin danda'u waan ta'eef, nama kalaqaa cimtuu ta'uutu narra ture,

Yeroo inni socho'uu qaba jedhee yaade qaamasaan bakkaa tokko gara biraatti sochoosa. Miirri qaamasaatti ni dhagama garuu qaama isaa sochoosuu hin danda'u.

''Yeroo hundumaa; iIsheen otoon homaa hin dubbatiin waantan barbaadu bareechite/sirnaan beekti jedha, kanaaf baayyeen gammada," jetti.

Serafiinaan hiriyummaan qacaramtee wayita hojjattu kanatti garuu hiriyaa dhiiraa hojii ishee kana simate baafatteetti.

Haata'u malee, dubartoonnii fi dhiroonni hiriyummaan qacaramaanii hojjatan warroomanii ykn jaalallee dhuunfasaanii filachuun hojiicha dhiisan akka beektu himteetti.

Serafiinaan akka jettutti, maamila ishee wajjin walitti dhiyeenyi cimaa erga horanne booda 'nagaan turi'jedhee biraa bahuun barbaada garuu ni jabaata jetti.

''Addaan bahuun akka boqonnaaf bahuuti, cCarraa hariiroo ajaa'iba ta'e yeroo gabaabaaf uummachuu qabnu jetti.

Nama kamiyyuu wajjin gammachuun wal hiikna. Yeroo tokko tokko nan booha garuu yeroo walfakkaatutti nan gammadas jetti.

Namni kamiyyu hiriyaa qabaachuu ykn daa'ima qabaachuu ykn warroomuu wayitan dhaga'u hedduun gammada,waanin hojjadhetti nan gammada jetti.

Roniit Alonii gama toora intarneetiin gartuu ogeeyyii dhimma saalqunnamtii Awurooppaa amma Ameerikaa Kibbaatti jiran barsiisfti.

Hiriyaan saalqunnamtii rakkoo saalqunnamtiin wal qabatu furuuf gorsa xiinsammuu baratame caala milka'aa akka ta'e qorannoowwan gaggeeffaman eeruun ibsiti.

Wal'aansi baqaqsanii yaaluu loltoota garmalee mada'aan akka lubbuun akka du'arra hafan gargaaru amanti, akkasuma hiriyummaan saalqunnamtii bal'inaan wal'aansaaf ooluu qaba jettee kaafte.

''Nama miidhame tokko otoo ofitti akka amanu hin taasifne ilaalcha namummaasaanii bayyanachiisuun hin danda'amu," jette.

Dhimma saalqunnamtii jireenya keessaa hambisuun hin danda'amu. Baay'ee murteessaa fi dhimma jabaadha., Wirtuu namummaa keenyaati," jette Dr Aloniin.