Dubartoonni gowwoomfamuun viidiyoon saal-qunnamtiisaanii agarsiisu gadhiifameef beenyaa akka argatan murtaa'e

Manni Murtii Ameerikaa dubartoonni 22 gowwoomfamuun viidiyoowwan saal-qunnamtii yeroo rwwatan agarsiisu marsariitii garagaraarratti gadhiifameef beenyaan akka kaffalamuuf murteesse.

Dubartoonni umuriin isaanii 18-23 jiran lakkoofsaan 22 ta'an saal-qunnamtii raawwachuuf walii galanis; viidiyoowwan isaanii garuu marsariitii garagaraarratti akka gad hin dhiifamne walii galanii turanis marsariitii 'GirlsDoPorn'fi kan biroorratti gad dhiifameera.

Kanaarraa kan ka'e dubartoonni 22 beenyaa birrii miiliyoona 384 ol akka kaffalamuuf murtaa'eera.

Himannaan mana murtichaa akka ibsutti dubartoonni kunneen viidiyicha kaffaltiidhaan waraabuuf kan walii galan viidiyoon namoota dhuunfaaf qofa kan waraabame akka ta'e erga itti himame boodadha.

Manni murtii Saan Diyaagoo hoj-gaggeessitootaa marsariitii 'GirlsDoPorn' viidiyoo marsariitii isaaniifi kan biroorraa akka balleessan ajaja dabarseera.

Dubartoonni viidiyoo garagaraa marsariitii 'GirlsDoPorn' irratti mul'atan taatota fiilmii saal-qunnamtii osoo hin taane; dubartoota maallaqaaf jecha al-tokko qofa viidiyoo saal-qunnamtiif kan waraabaman akka ta'e galmeen himannaarratti ibsameera.

Ta'us garuu manni murtichaa akka ibsetti; marsariitichi viidiyoowwan dubartootaa akka hin fayyadamne, maqaa dhugaasaanii akka hin eerreefi suuraaleesaanii namoonni isaan beekaan akka hin arganne waadaa galeefi ture.

Abukaatoon dubartootaa akka himanitti dubartootarratti miidhaan garagaraa irra gahuusaatiin dabalataatti; rakkoo xiinsammuufi hamileef saaxilamaniiru jedha.

Kanneen hojiisaaniirraa ari'amaniifi barnoota adda kutuuf kan dirqaman jiraachuus ibsaniiru.

Abbootii qabeenyaa marsariitii 'GirlsDoPorn' ol iyyannaa gaafachuu yoo bardaan guyyoota 15 keessatti gaafachuu ni danda'u.