Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Namni dhalchuu akka hin dandeenye sobee saal-qunnamtii raawwate gudeeddiidhaan himatame
Gurbaan waahilan isaa waa’ee dhala godhachuu danda’uusaa sobe gudeeddiidhaan himatamuu hin qabu jedhe manni murtii.
Himannaan kun nama ganna 55 Jeesan Laawureensi irratti kan dhiyaatedha.
Ji’a darbe ture dubartii tokko si’a lama gudeeduun kan mana murtiitti dhiyaate. Namni kun dhala godhachuu akka hin dandeenyee ishee sobeenii ture.
Nama kana irratti himannaa gudeeddii asiin dura himatameen dabalatee murteen umurii guutuurratti murtaa’ee mana hidhaa jira.
Dubartiin gudeedamtes qoricha ulfa dhoorku fudhattus ulfaa’uurraa hin hafne ture. Sana booda ulfaa’uu hin barbaanne waan ta’e ulfa baaste.
Jeesan dubartii san gama interneetiitiin marsariitii Match.Com jedhurratti wal bare.
Haadha warraasaanis marsariitii kanarratti wal baran.
Jeesan ji’a darbe ture shakkii dubartoota jahaa ol gudeeduu fi qocoluun kan himatame.
Dubartoota san keessaa tokko akka inni dhala godhuu danda’u hin beektu turte.
Innis himannaa gudeeddii shan, qocollaa saalaa tokkoo fi arrabsoodhaan himatame.
Ta’us garuu himannaa gudeeddii lamarratti yakkamaa ta’ee hin argamne.
Jeesanii fi dubartii sun wal arguusaanii dura ergaa gabaabaa waliif barreessu turan. Innis waa’ee dhala godhachuu danda’uu dhabuusaa itti himee ture.
Isaanis eega wal argan booda si’a lama wal-qunnamtii saalaa si’a lamaa raawwataniiru.
Innis halkan walakkaa ishee dhiisee eega deemee booda akkas jedhee ergaa gabaabaa ergeef: “Dhugaa sitti himu qaba. Ammallee dhala godhachuu ni danda’a. Dhiifama.”
Clive Stockwell QC yeroo dubartii san mana murtii gaaffii gaafatu akkas jetteen: “Osoo akka inni dhala godhuu danda’u beektee isa waliin wal-qunnamtii saalaa ni raawwatta turee?”
Dubartiinis akkas jette: “Lakki, of eeggannoo biroo taasisaa malee.”
Ergaan gabaabaa inni isheedhaaf erges dubartii sobuusaatiin akka ragaatti mana murtiif dhiyaateera.
Jeesan Laawureensi dubartii waliin si’a lama wal-qunnamtii saalaa raawwachuusaatiif kan himannaan gudeeddiirratti baname.
Ta’us garuu manni murtii himannichi himannaa gudeeddii akka ta’e ibsee Jeesanis himannaa lamarratti yakkaamaadha jedhee murteesseera.