Koronaavaayiras: Biyya poolisiin Covid-19 ittisuuf dhibee kana caalaa nama ajjeese

Yugaandaatti koronaavaayirasiin namni qabamee du’uun otoo hin dhaga’amiin, humnoonni nageenyaa mootummaa namoota 12 ol ajjeesuu himatamuu eegalan.

Humnoonni nageenyaa kun uggura sochii kabachiisuu maqaa jedhuu da’eeffatanii lubbuu namootaa galaafachuu isaanii maatiin namoota miidhamanii himataniiru.

Ilmasaanii Irik Mutaasigaa jedhamu rasaasa poolisotaan kan dhaban maanguddoo ganna 65 Joyki Namugalu Mutasigaatii ba’aan maatii bulchuu irrtti kufuu dubbatan .

Maanguddoon nyaata maxinoo fakkaattu ‘Kabalagala’ jedhaniin bilcheessaatuma, miira gaddasaanii sagalee addaan ciccittu tokkoon himatu.

Yoo namni sirraa achi deeme wayi itti dhukaastaa? jedhanii gaaffiin jalqaban.

"Humnoonni nageenyaa kun rasaasa itti dhukaasanii erga ajjeesanillee deebi’anii dhiifama hin jenne. Lubbuun baate garuu hin deebitu. Ani amma ijoollee guddisuufin qabsootti jiraa’ jedhan miirasaanii to’achuuf yaalaa dirqamni maatii miseensota 8 qabu bulchuu irratti jiguu wayita himatan.

Ijoolleen akkawoo lama umriin isaanii ganna 3 fi 5 ta’e waanti uumame tasumaa isaaniif hin galleeef kan jedhan dubartiin kun mooraa keessa fiiganii 'mee suura konkolaataa abbaa/daadii suura kaafadhu’ jedhanii gaazexeessa achi turetti dubbatu.

Ilmisaanii miilarra rasaasa poolisiin dha’amuun miidhamarraa otoo hin bayyanatiiin torban sadii booda hospitaala geeffametti du’e.

Ragaan mana yaalarraa argamees rasaasaan rukutamee du’uu akeeka. Muddamni cimaan kun maatii kanatti kan dhufe ji’a Caamsa 13 darbe kana ture.

Haaluma walfakkaatuun, daarektarri mana barnootaa tokkos kan umriin ganna 30 humnoota nageenya uggura sochii koronaavaayirasii to’achuuf labsame kabachiifna jedhaniin hidhame.

Abbaan ijoollee sadii yeroo hayyamameen alatti suuqii xiqqoo banee dalaguudhaan hidhame jedhu.

Hojjetan isaanii chaappatii suuqiin alatti gurgureellee qabamee hidhameera. Jiraattoonni naannoo lama daarektarri mana barnoota kun akka hin hidhamneef poolisoota kadhanneetu nu dhaga’uu didanii jedhan.

Poolisoonni lama dhimma kanarratti ofuma isaaniifuu otoo walfalmanii boodarraa hidhame.

Iddoon kun magaalaa guddoo biyyattii Kampaalaarra adeemsa konkolaataan sa'aatii tokko fudhata.

Humnoonni nageenyaa nama ajjeesuun himataman kunneen poolistota,loltootaafi miseensota qaama mootummaa hidhachisee bobbaase ‘Local Defence Unit’ jedhamanillee kan of keessaa qabu.

Humnoonni mootummaan bobbaase kun walta’iinsaan keellaa qopheeffatanii doqqoqqeenillee akka hin darbine karaarratti ugguruufi sochii namoota ji’a Bitooteessa caalatti dangeessuun komatamu.

Lammileen Yugaandaa hedduun sababni isaa otoo hin baramiin karaan cufuun isaan yaaddesse.

Maatiin namoota miidhamanii poolisiin eenyummaa miseensotasaanii dhukaasaanii nama miidhaanii ifatti hin himan, ni dhoksu kanaafuu eenyuun gaafadhaa? jedhan Joyki Namugalu Mutasigaati, ilmisaanii kan ajjeefame.

Namoonni haleellaa poolisiin miseensoonni maatiisaanii miidhamuu himatan biroollee jiru.

Reebicha poolisiin qaqqabsiiseen miseensi maatiisaanii du’uullee namootni himataniis biroos hin dhabamne.