Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Feesbuuk Afriikaatti tajaajila intarneetii gatii salphaatiin dhiyeessuuf
Dhaabbanni miidiyaa hawaasaa guddaan Feesbuuk tajaajila intarneetii Afriikaa fooyyessuun sochii dinagdee ardittii guddisuu irratti gumaachuuf hojjachaa jiraachuu beeksise.
Jijjiirama hidhata intarneetii irratti taasifamuunis waggoota afur dhufanitti guddina doolaara biiliyoona 60 ta’u nifida jedhame.
Akka ibsa Feesbuukitti, waliin ga’iinsi intaneetii yeroo guddataa deemu, gatiin isaa baay’ee xiqqaachaa dhufa.
Maallaqni Feesbuukiin Afrikaa keessatti ba’us, wiirtuuwwan odeeffannoo, sarara daddabrsa bishaan keessaa akkasumas tajaajjila waayifaayi diriirsuun lammiileen biyyoota Sahaaraadhaa gadi jiran hedduun intarneetii akka fayyadaman taasisa.
Hojii daldalaa karaa intarneetiin taasifamu akkasumas hojii haaraa argachuuf iyyannoowwan dhiyaatan jajjabeessuufi nigargaara jedhameera.
Amma yoonaattis biyyoota torba keessatti tajaajila waayifaayi kan eegale yoo ta’u, Yugaandaa fi Naayijeeriyaa keessattis tajaajila ‘3G’ diriirseera.
Lammiileen biyyoota Sahaaraa gaditti jiraatan walakkaa ol tajaajila intarneetii kan hin arganne yoo ta’au, warri argatanis gatii hedduu qaalii ta’e kaffalu.
Namoota Afriikaatti intarneetii fayyadaman keessaa daataan %20’ni aappiiwwan Feesbuuk kan ta’an Inistaagiraam fi WhatsApp fayyadamuuf kan oolu dha.
Akka ibsi dhaabbata kanaa mul’isutti, Afriikaatti waggoota lamaan dura namoonni miiliyoona 139 ta’an tajaajilasaatti ni fayyadamu.