Midiyaan hawaasaa Feebuukii hatame

Jimaata sa'aatii booda miidiyaan hawaasummaa Feesbuukii yeroo gabaabaaf gareewwan odeeffannoo hataniin(hackers) fudhatamee ture.

Gareen hattoota odeeffanoo Awoormaayin jedhaman Tiwiitarii fi Instaagiraam Feesbuukii saaquun, ''Feesbuukiin illee ni hatama,'' jechuun maxxansaniiru.

Haa tahu malee akkaawuntichi yeroo gabaabaa keessatti iddootti deebi'eera.

Hattoonni teessoo isaanii Dubaay godhatan kunneen akkaawuntiiwwan hannaaf saaxilamoo tahuu akka agarsiisan dubbataniiru. Baatii Amajjii keessa gocha wal fakkaataa garee kubbaa miilaa biyyaalessaa Ameerikaa irratti raawwataniiru.

Gareen kun akkaawuntii Feesbuukii Tiwiitarii irra seenuun, ''Hi nuti Awoormaayiin jedhamna. Feesbuukiinillee ni hatama, garuu nageenyi Feesbuukii isaanii kan Tiwiitarii irra wayya,'' jedhan

Gareen kunneen Instaagiraamii Feesbuukiillee hatanii galuun suuraa garee isaanii maxxansaniiru.

Tiwiitariin karaa qaama sadaffaa hatamuu danda'e jechuun akkaawunticha yerooma sana cufeera. ''Rakkoo kana furuufis Feesbuukii waliin hojjechaa jirra,'' jedheera.

Qaamni sadaffaa hanni kun akka raawwatu taasise Kaahooroos jedhama.

Kaahooroos sirna daldaltoonni hariiroo miidiyaa hawaasummaa irratti qaban to'achuuf itti fayyadamanii dha. Kaahooroos kuni paaswoordii maamilootaallee argachuu ni danda'a

Gareen hattoota odeeffannoo miidiyaa hawaasaa teessoo isaa Dubaay taasifate kun kana dura odeeffannoo namoota beekamoo kanneen akka abbaa Tiwiitar Jaak Doorsii hatanii turan.

Warri garee kanaa hanqinni nageenya odeeffannoo eeguu jiraachuu himu. Deebisanii immoo namoonn akkaawuntii isaanii eeguuf tajaajila isaanii akka fayyadaman gaafatu.