Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
WhatsApp haleellaa lootee seentotaan raawwatamuuf ture argate
Qaamoleen interneetii cabsanii seenuun beekaman(Hackers) meeshaalee ittiin fageenyarraa basaasan bilbilaa fi meeshaalee elektirooniksii biroo irratti karaa WhatsApp haleellaa raawwachuuf akka turan mirkanaa'e.
Namoonni kunneen meeshaalee elektirooniksii saaxilamoo ta'anitti fayyadamuun 'WhatsApp' akka haleelaa turan mirkanaa'eera.
Qabeenya dhaabbata Facebook kan ta'e 'WhatsApp' akka ibsetti namoonni cabsanii seenan beekumsa teeknooloojiitiin kan fagaatanii dha.
Fayyadamtoota WhatsApp xiyyeeffannaa namoota kunneen keessa galanis adda baafachuusaa beeksiseera, WhatsApp.
Moosaajiin haleellaa kana ittisuuf fayyada jedhames yeroo duraaf Jimaata darbe ifoomeera.
Gabaasi barruun Financial Times baase akka mul'isutti mala ittiin namoota interneetii cabsanii seenan to'atan kana Dhaabbata Basaasaa biyya Israa'eel Israeli security firm NSO Group jedhamutu hojjete.
Akka of eeggannoo dabalataattimmoo Wiixata kaleessaa fayyadamtoonni isaa biiliyoona 1.5 ta'an akka aappii isaanii irra deebiin haaromsan WatsApp ajajeera.
Malli ittiin namoota interneetii cabsanii seena (hackers) qolatan kun jalqaba ji'a kanaa abuurame.
WhatsApp attamiin haaromsu?
Android irratti
Kuusaa 'Google Play' saaqi
Baafata jalqaba bitaa iskiriiniirra jiru cuqaasi
'My Apps' fi 'Games' cuqaasi
WhatsApp dhiheenya kan haaroome yoo ta'e, qabduu 'Open' jedhuun tarree appiiwwaniitti mul'ata
WhatsApp ofumaan kan hin haaromne yoo ta'e, qabduun Haaroomsi jedha. Haaraa buufachuuf 'Update' cuqaasi.
Android irratti gosti WhatsApp haaraan 2.19.134 dha
iOS irratti
Kuusaa 'App'saaqi
Dhuma isikiriinii irratti 'Updates' cuqaasi
WhatsApp dhiheenya kan haaroome yoo ta'e, qabduu 'Open' jedhuun tarree appiiwwaniitti mul'ata
WhatsApp ofumaan kan hin haaromne yoo ta'e, qabduun Haaroomsi jedha. Bifa haaraasaa buufachuuf
iOS irratti gosti WhatsApp haaraan 2.19.51dha
Namoonni interneetii cabsanii seenan qaawwa akkamiitti fayyadamu?
Jalqaba warri cabsanii seenuun beekaman kunneen sagaleedhaan WhatsApp irratti namaaf bilbilu.
Bilbilli kaafamus kaafamuu baatus mosaajiin basaasaa isaanii bilbila irratti fe'ama.
WhatsApp akka BBCtti himetti gareen ittisaa isaa yeroo jalqabaaf qaawwa warri interneetii cabsan ittiin seenan adda baaseera.
Odeeffannoo argates garee mirga namoomaa, hojjettoota dhimma ittisaa fi Biiroo Haqaa US'f jalqaba ji'a kanaa dhiyeesseera.
Mosaajii kana duuba eentu jira?
Gareen to'annoo saayiberii biyya Israa'eel 'NSO Group' jedhamu, duraan "cyber arms dealer" jedhamaa ture.
Mosaajiin qabeenya Israa'eel ta'e, Pegasus, meeshaalee elektirooniksii kamirraayyuu odeeffannoo walitti qabuu danda'a.
Gareen WhatsApp ibsa kenne keessatti ''Teekinooloojiin garee NSO yakkoota hojjetamanii fi shororkeessummaa to'achuuf kan iyyama qabuudha.''
Gareen kun madda rakkoo ofiisaatiin adda baasee aangoosaatiin tarkaanfii fudhata osoo hin taane dhaabbilee to'attootaa fi warra seera hojiirra oolchan deggera.
Eenyurratti qiyyaafatame?
Akka WhatsApp jedhutti namoota miidhaman adda baasuuf yeroon ganaadha, garuu namoonni miidhamaniiru jedhee adda baase warra haalaan irraatti qiyyaafatame ta'uu ibseera.
Akka ragaa Facebook'tti WhatsApp'n fayyadamtoota biiliyoona 1.5 qaba.
Dhaabbanni Amnestuy International jedhamu garee NSO'tiin hordofamaa turuu ibsee ture.
Wanti har'a ta'e kun akka ta'uuf jiru gareen mirga namoomaa duraan tilmaamee ture jedha Amnesty International.