Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Zukarberg: Feesbuukiin 'dorgommi hidhannoo' Ruusiyaa waliin godhaa jira
Hogganaan olaanaa feesbuuk kan ta'an Maark Zuukeerbeerg dhabbanni isaanii waraana dhabbilee Ruusiyaa midiyaa hawaasaa dhunfachuu barbaadanii waliin lola dhabbatarra jiraachusanii kongresii Ameerikaatti himan.
''Kun dorgommi waraanaati. Dorgommiin kunis cimee itti fufaa kan demudha,'' jechuunis dubbataniiru.
Zukeerbeerg kana kan jedhan, badii Kaambriij Analytikaan raawwate ilaalchisee gaafii dhihaateef deebii wayita kenanitti ture.
Itti dabaluunnis hojii waliin dhahuu Ruusiyaan yeroo filannoo bara 2016 hojjette jedhamee illaalchisees abukaatoo olaanaa qorannoo kana kan ta'an Roobeert Muuleer, hojjettoota Feesbuuk gaafatanii akka turanis ifa godhaniiru.
Gaafii wajjira Muuleeriin godhame kana keessa isaan akka hinturrees dubbataniiru.
Haa ta'u malee ''hojiin abukaatoo olaanaa kana waliin taasifnee iccitiidha, kanaafuu bakka akkanaatti iccitii akkanaa gadbaasee haasa'uu hindanda'u.'' jedhanirus.