Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ameerikaan qabiinsa odeeffannoo dhunfaa irratti 'Facebook' qorachuufi
Komishiniin daldalaa Federaalaa Ameerikaa kaampaniin 'Facebook' attamiin odeeffannoo dhunfaa fayyadamtoota miliyoonaan lakkaa'amanii dabarsee dhaabbata 'Cambridge Analytica' jedhamuuf akka kenne qorata.
Kaampanii marsaa hawaasaa kun odeeffannoo dhunfaa fayyadamtoota miliyoona 50 ta'anii dhaabbata xiinxalaa 'Cambridge Analytica' jedhamuuf dabarsee kennuun qeeqamaa jira.
Odeeffannoon sunis duula na filadhaa pireezidant Tiraamp bara 2016 keessatti faayidarra akka oole yaadama.
Qorannoon kunis dhugumatti Facebook 'icciti fayyadamtoota isaa eeguu hin dandeenyee' kan jedhu adda baasa.
Bu'aa qorannichaa irratti hundaa'ees kaampaanichi maallaqa doolaara tiriiliyoonaan lakkaa'amu adabamuu danda'a jedhamaas jira.
Toom Paahil, Direektarri Eegumsa Maamilootaa, Komishinii Daldalaa Federaalaa Ameerikaa qorannichi xiyyeeffannaa guddaan akka hojjetamu dubbatan.
Akka komiishiniin kun jedhutti odeeffannoon namoota dhunfaa kun kan fudhatame bifa 'App' gaaffii battalaa waa'ee dhunfaa gaafatu fakkaatuun akka ta'e dha.
Haa ta'u malee kan gochuun dura 'Facebook' durse hayyama fayydamtoota isaa gaafachuutu irra ture.
Direektarri Olaanaa 'Facebook' Maark Zuukerberg odeeffannoo dhunfaa fayyadamtootaa eegu dadhabuu isaatiin dhiifama erga jedhee booda gareen abbootii alangaa kutaalee biyyaa Ameerikaa 37 bakka bu'an dhimmichi akkamiin raawwatuu akka danda'ee ibsi akka kennamuuf gaafatanii jiru.
UK fi komishiniin gamtaa Awurooppaas dhimmichi akka qoratamu gaafataa jiru.