Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Barataan Pirezidant Museeveeniin Twitter gubbaa 'block' na godhan jechuun himate
Lammiin Yugaandaa Ameerikaatti barachaa jiru, Pirezidantiin Yugaandaa Yoweerii Museeveenii Twitter irraa na ugguraniiru jechuun himachaanii jira.
Barataan kun Pirezidaantichaan 'Abbaa irree' jechuun kan ibse yoo tahu, aangoorraa godaanuu qabu jechuun barreesse.
Yunivarsiitii biyya Ameerikaa Harvaardiitti 'International RelationS' kan barachaa jiru Hilaarii Innoosant Teylar Seguyaa, Pireezidantichi Twitter irraa isa ugguruun, haasawa intarneeta gubbaa adeemu akka hin hordofne na dhorkaniiru jechuun himata.
Kanaanis waajirri Pireezidantii odeeffannoo gama @KagutaMuseveni gadhiisan akka arguu hin dandeenyeefi 'comment' gochuus akka hin dandeenye dubbateera.
Mana murtii olaanaa magaalaa Kaampaalaatti himatni baname kun waan jedhu, gochaan Museeveeniin seera-qabeessaafi haala kamiinuu kan sirrii hin taane jechuun ibseera.
Akkaawuntiin barataa kanaa - @HillaryTaylorVI akkaawuntii pireezidantichaa akka hin ilaalle, hordofne, ergaa hin ergine, jaalanne, qoodne uggurameera.
Kanaanis mirgoota heera mootummaa biyyattii keessatti ibsaman - mirga bilisaan dubbachuu fi yaada ibsachuu, akkasumas dhimmota mootummaa keessatti hirmaachuuf qabu kan dhorkedha jedheera.
Maxxansisaa maal jedha?
Maxxansi barataa kanaa pireezidantiin Gaanaa Nana Akufo-Addo barattoota Yunivarsiitii Harvaardiif dubbii erga taasisan booda. Innis: ''Pireezidantii abbaa irree Yugaandaa Jeneraal Yoweri Kaguta Musevenin - kan aangoorraa amata 33f turaniin, si geeddaruun hawwa,'' kan jedhu ture.
Mudannoon akkasii ka jalqabaa miti.
Adoolessa 2017tti, Pireezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp namoota Twitter isaaniirraa block'in obbaasaniiru jedhamnuun himatamanii turan. Manni murtii federaalaas himata kan kuffiseera.