Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ameerikaan 'viizaaf' odeeeffannoo miidiyaa hawaasummaa gaaffatte
Seera haaraa Ameerikaan baasteen namooti viizaa biyyattiif iyyatan maqaa miidiyaa hawaasummaa isaanii galchuu ni qabaatu.
Seerri Ministira Haajaa Alaa biyyattii baase maqaa miidiyaa hawaasummaafi imeelii waggaa shaniif tureefi lakkoofsa bilbilaa galchuu qabu jedha.
Bara darbe qondaaltonni yaadi kun namoota miiliyoona 14.7 tahan irraan dhiibbaa gahuu danda'a jedhanii turan.
Seerri kun dippiloomaatotaa viizaaf iyyatan qofa hin ilaallatu.
Haa ta'u malee namooti barumsaafi hojiif garas imalan odeeffannnoo isaanii kana galchuun irraa eegama.
''Lammiiwwan Ameerikaa eeguuf sirna calallii keenyaa fooyyessuuf yeroo hunda hojjenna, haa tahu malee imala seera qabeessa tahe ni deeggarra.'' jedheera ministirri Haajaa Alaa.
Kana dura kutaa addunyaa garaagaraa irra deemuun gareewwan shororkeessitootaan qabamanii namoota turan qofatu odeeffannoo miidiyaa hawasummaa isaanii akka galchan gaafatama ture.
Namni waa'ee fayyadama miidiyaa hawaasummaa isaa sobe ''rakkoon jabaa'' isa mudatas jedhameera.
Bulchiinsi Tiraamp yaada kana bara darbe ture kan dhiyeesse.
Haa ta'u malee gareewwan mirgoota siiviiliif falman ''sakattan'insi miidiyaa hawaasummaa bu'aa qabeessaafi haqa qabeesssa akka tahe ragaan agarsiisu hin jiru,'' namooti immoo dursanii akka qophaa'aniifi sirreefatan taasisa jedhanii turan.
Duula filannoo 2016tti Tiraamp tarkaanfiin godaansa irratti fudhatan ijoo dubbii isaanii ture.
''Calallii gad-fagoo'' tahe, hojii otoon jalqabiiniifi erga jalqabanii boodas gaafachaa turan.