Gaggeessitoonni addunyaa 'godaansa to'achuuf' jedhu

Waliigalteen baqattummaa to'achuu sadarkaa addunyaatti isa jalqabaati jedhame kora Morookoo guyyaa lamaaf taa'amuun booda mallattaa'uuf jedhameera.

Dhaabbata Biyyota Gamtoomaniitti Gurmiin Addunyaa kan Baqattootaa kaayyoowwan hedduu lafa kaa'e keessaa walta'insaan daangaa irratti to'annaa gochuufi baqattoonni tajaajilawwan bu'uuraa akka argatan mirkaneeffachuun keessatti argama.

Kora Maraakash magaalaa guddittii Morookootti taa'amuuf jiru kana irratti Chaansilarri Jarman Angellaa Merkel gaggessistoota biyyoota irratti argamu jedhamanii eegaman keessa isaan tokkodha.

Biyyoonni baayyeen garuu, Poolaandiifi Awustiraaliyaa dabalatee, keessatti hirmaachuu didaniiru.

Gabaasaan BBC akka jedhutti ammoo paartileen siyaasaa kutaa addunyaa gara garaa keessa jiran rakoo daangaa biyyootaa ce'uun dhiibbaa uumu kanaaf fala hedduu qaba jechuun furmaata dhiyaate kana mallattesuudhaaf miira hin qabnu jedhan.