Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tiraamp dubartoota miseeensa Kongireesiin 'Ameerikaa gadhisaa' jedhan
Donaald Tiraamp ergaa karaa 'twitter' dabarsaniin dubartoota paartii Diimokiraatik bakka bu'an irratti jibba sanyummaa mul'isaniiru jedhamanii qeeqamaa jiru.
Dubaartooti kun "biyyoota mootummaan isaanii guutummaatti badaa ta'e keessa dhufan," kan jedhan Tiraamp "deebi'aa deemaa" jechuun barreessaniiru.
Itti aansuunis dubbi himtuun isaanii Naansii Peloosiin "gammachuun geejjiba bilisaa ariitiin isiniif mijeessiti," jedhan.
Torban tokko dura Naansii Pelosiin dubartoota paartii Dimokraat bakka bu'an afur bifaan adii hin taane waliin walitti buutee turte.
Dubartoota miseensa kongiresii afran keessaa - Aleksaanderiyaa Osaaziyoo-Korteez, Rashiidaa Tilayib fi Ayaanaa Pireeslii Ameerikaatti dhalatanii kan guddatan yoo ta'u Ilhaan Omaar garuu ijoollummaatti Ameerikaa galte.
Aadde Osaaziyoo-Korteez hospiitala Tiraamp itti dhalaterraa Km 20 qofa fagaattee kan argamtu Biroonkis, Niiw Yorkiitti dhalatte.
Pireezdaantichi maal jedhe?
Tiraamp barreeffama 'Twitter' gubbaatti maxxanseen dubaartooti miseensa kongiresii kunneen isaa fi Ameerikaa qeeqan jechuun himate.
"Dubartoonni paartii Diimokiraat bakka bu'uun miseensa koongiresii ta'an, biyyoota tasumaa mootummaa hojii isaa sirriin hojjatu kan hin qabne, yoo qabaatanis kan guutummaatti hamaa ta'e, malaammaltumman guutamee fi daandeetti kan hin qabne keessaa kan dhufan, amma akkanatti ija baasanii uummata biyyaa guddittiifi ciimtu addunyaa kanaa taate Ameerikaa, mootummaan ishee akkamiin hojjechuu akka qabu yemmuu himan nama dhiba."
"Maaliif biyyaa badaafi yakkaan guutamte irraa dhufan sanatti deebi'anii hin sirreesan. Sana booda deebi'anii dhufanii akkaata itti hojjatamu nutti haa agarsiisaan," jedhan.
"Biyyootiin keessan sun gargaarsa keessan barbaaduutii ariitiin deema. Naansii Peloosiin geejjiba bilisaa ariitiin isiniif mijeessuuf gamadduu akka taate hin shakku."
Dubaartoota miseensa kongiresii kamiin akka jecha jiran garuu maqaa hin dhoofne.
Garuu waa'ee Aadde Peloosii kaasuun isaa wa'ee Aleksaanderiyaa Osaaziyoo-Korteez, Rashiidaa Tilayib, Ayaanaa Pireeslii fi Ilhaan Omaan dubbate jedhame yaadama.
Deebiin maal fakkaata ture?
Dubbii himtuun isaa aadde Peloosiin, wanti Tiraamp maxxanse "jibba lammilee biyya biraati (Xenophobic)" jechuun ibsiteetti.
"Tiraamp yeroo dubaartoota miseensa kongiresii afuriin biyya keessanitti deebi'aa jedhu, kaaroorri isaa 'Ameerikaa deebisnee guddittii haa goonu' jedhu yeroo hundayyu 'Ameerikaa kan warra adii haa goonu' jechuu isaa ta'uu mirkaneessa," jetti.
Dabalataan "Addaa addummaan keenya jabina keenya, tokkummaan keenya humna keenya" jechuun barreessiteetti.
Miseensi kongireesi Rashiidaa Tilayib yaadi inni qabu rakkoodha jechuun "aangoora haa kaafamu" jechun gaafatte.
Aleksaanderiyaa Osaaziyoo-Korteez ammoo "Ameerikaa nu filattetti amanuun akkuma si rakkise, akka nuti si hin sodannee amanuunis sitti ulfaata" jechuun twitter gubbaatti bareessiteetti.
Ilhaan Omaar" olaantumma adii kan mul'isuuf barbaaddu namootni akka keenyaa koongiresii keessatti tajaajiluun karoorakee jibbaan guutame fashalsuuf waan lolluufi," jechuun pireezdaantichaaf deebi laatteetti.
Dabalataniis "pirezidaantota aggarree beeknu keessaa isa hamaa, malaammalaa ta'ee fi daandeetti hin qabne dha" jechuun ibsiteetti.
Dimookraatoti hedduufi Rippaablikooti muraasi ibsa Tiraamp mormuun kun "jibba sanyumaati" jedhaniiru.
Qeeqa irra ga'eef Tiraamp ammatti deebii hin laanne.
Sana booda garuu waa'ee godaantoota wiirtuulee to'annaa daangaa US tti qabamanii jiran irratti "Dhiifama, biyya kenyatti isaan gashuu hin dandeenyu" jechuun Twitter gubbaatti barreesseera.