Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Odeeffannoon miliqee bahe waan jedhu, Tiraamp waliigaltee nikuleera Iraan kan haqan 'Obaamaa aarsuuf ture'
Donaald Tiraamp waliigaltee nikuleera Iraan kan haqan Obaamaa aarsuuf akka tahe, barreeffamni Ameerikaatti ambaassaaddara UK duraanii irraa miliqee bahe mullise.
Sir Kim Darroch hojii Tiraamp kana 'walitti dhufeenya biyyootaa barbadeessuu' jedhanii ibsaniiru jechuun, Daily Mail gabaaseera.
Akka gabaasichaatti, barreeffamni yaada qondaaltota gidduutti daddabarsuuf barraa'e kun, erga Ministirri Hajaa Alaa UK duraanii Booris Joonsan, Ameerikaan waliigaltee kana akka hin haqne erga gaafatanii boodadha.
Waliigalteen duraanii kun, sochii nikuuleeraa Iraan irratti daangaa kaa'a ture.
Gama kaanin ammoo, qoqqobbii biyyattiirraa kaasuun danda'amnaan, ogeeyyiin idil-addunyaa gara biyyattii akka seenan tolcha.
Haa tahu malee, Pireezidant Tiraamp waliigalteen kun garaa isaan hin geenye.
Gaazeexaan kun dabalataan waan gabaase, ambaasaaddarri duraanii kun 'Waliigalatee kana kan haqaniif 'sababa dhuunfaa ta'eeni. Kunis Baaraak Obaamaan waan mallatteeffameef,'' jechuun barreessaniiru Sir Kim.
Ambaasaaddarri kun dabaluun, gorsitoonni Pireezidantichaa erga waliigalteen kun haqamee booda, garaagarummaa yaadaatiin qoqqoodamanii turan.
Poolisiin Landan (Scotland Yard) odeeffannoo dippiloomaasii miliqe akka hin maxxansine miidiyaaleef akeekkachiisa dabarsuus, odeeffannoon ammaa kun baheera.
Gaazexeessaan odeeffannoowwan ambaasaaddara duraanii miliqan kana hawaasatti gadhiisu, seera 'Official Secrets Act' jedhamu akka daddarbus akeekkachiisaniiru.
Barreeffamni jalqaba miliqanii bahan torban tokkoon dura yogguu tahu, ambaasaaddarri duraanii kun bulchiinsa Tiraampiin ''waa gochuu kan hin dandeenye,'' jechuun ibsaniiru.