Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tiraamp: Waraabbiin sagalee jiraatulleen Megaaniin 'jibbisiiftuu' jechusaa haale
Pirezidaantiin Ameerikaa Donaald Traamp warraabbiin sagalee jiraatulleen haadha manaa mootichaa Biriteen kan taate Megan Maarkeliin 'jibbisiistuu' jechuu haalan.
Barreeffama tiwiitiin Dilbata ''Gonkumaa Megaan Maarkeeliin 'jibbisiistuu' hinjenneen,'' jedhaniiru. Itti dabaluunis ''kan midiyaa sobaatiin hojjatan, qofaatu isaan qabate,'' jedhaniiru.
Traamp waa'ee maatii motichaa ilaalchisuun dowwannaa isaa kan UK dura gaaffiifi deebii gaazexaa Sun jedhamu waliin taasisee ture.
Taatuun Ameerikaa duraanii tunis qeeqxuu Traamp turte.
Isheen dorgomtu isaa kan warra Dimokiraatawaa Hilaarii Kilintaniin deeggaraa kan turte yoo ta'u, filannoo bara 2016 gaggeeffameen akka 'jeeqaa' fi 'kan dubartii jibbuutti' isa ilaalti turte.
Tibba gaaffii fi deebii gaazexicha waliin taasiseetti yaadni ishee kun itti himamnaan, kanas yeroo jalqabatiif dhagahusaa himeera.
''Kana hinbeeku. Maal jechuun danda'a? Akka jibbisiiftuu taatee ani hinbeeku,'' jedhe.
Itti dabaluunis waan maatii mootiitti heerumteef baayyeen gammada. Isheenis ''giiftii gaarii'' akka taatu amantaa qaba jedheeras.
''Kunis gaariidha, mirkanas hojii dinqii hojjachu dandeessi,'' jedheera.
Gaazexichis guyyaa Dilbataa sagalee gaaffii fi deebii isaanii marsariitii isaarratti maxxanse.
Maxxansichaan guyyaa tokkoon booda erga Traamp tiwiitaraan haaleen boodas, namoonni hedduunis yaadni isaa warraabbii sagalee irra jiraachu himan.
Megaan mootii Biriteen Haariitti heerumuun baatii Caamsaa keessa mucaa jalqabaa deessee. Ammaan tanas boqonnaa dahumsaa irratti kan argamtu yoo ta'u, tibbi Traampi guyyaa harraa Waxabajjii 3 hanga 5'tti dowwannaaf gara UK deemuutti kan isaan wal agartu hinfakkaattu.