Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tiraamp wal waraansa eegallaan Iraan lafarraa baddii jechuun akeekkachiisan
Pirezedantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Iraan waliin waraanatti seenuu hin feenu garuu, waraana eegallaan Iraan lafarraa baddi 'jechuun akkeekkachisaan.
Jimaata kaleessaa NBC'tti akka himanitti, 'US marii eegaluu feeti garuu boombii Niwukilaraa akka gabbistu hin eeyyamtuufi 'jedhan.
Xiyyaarri nama maleessi(drone) Ameerikaa torban kana keessaa Iraan kuffiste haaloo bahuuf karoorfame lammilleen Iraan 150 ajjeesa jennee daqiiqaa gara xumuraatti dhiisne jedhan.
''Ani hin jaalanne, wal madaalaa jedhee waanin hin yaadneefi'' jedhan.
Teheraan garuu,xiyyaarri nama maleessi aleelamte daangaa qilleensaa biyyatti Kamisa ganama sarbitee seenuu himatte. Ameerikaan garuu xiyyaarittiin daangaa qilleensa idila addunyaa keessaa jiraachuu himte.
Waldhabbii biyyoota lamaan giddutti kan jabaate Ameerikaan taankaroota gaazii boba'a nannichatti geejjibsifamaa turan Iraan aleeluu keessaa qooda qabachuu himachuun walqabata.
Kana malees,Iraan amma Yuuraaniyeemii qaamolee akka hin gabbisne daangeffame dhiyeenyatti akka cabsitu beeksisteetti.