Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Israa’elii fi Paalastaayiin: Lolli guyyoota 11'f ture dhaabbate
Garee hidhataa Paalastaayin Haamaasiifi Israa’el gidduu lolli guyyoota 11'f adeemaa ture dhaabate.
Dhukaasa dhaabuun kuni Jimaata ganama kan eegale yoo tahu haleellaa guyyoota 11 xumuratti fideera.
Haleellaa kanaan namoonni 249 yoo du’an baayyeen isaanii gama Gaazaa irraati.
Lammiileen Paalasaayin dhukaasni akkuma dhaabbateen daandiitti bahanillee qondaalotni Hamaas garuu ammallee ‘qophii’ akka tahan akeekaniiru
Lola kanaan Hamaasiifi Israa’el anatu injifate jedhu.
Pireezidantiin US Joo Baayidan dhukaasa dhaabuun kuni jijjiiramaaf ‘’carraa sirrii’’ tahe fida jedhan.
Gaafa Kamisaa haleellaawwan Israa’el qilleensaa 100 bu’uuraalee misoomaa Hamaas kaaba Gaazaa mancaasaniiru. Hamaasis rookeettiiwwan darbachuun itti deebiseera.
Lolli kuni gaafa Caamsaa 10 kan jalqabe yoo tahu muddama Israa’el-Paalastaayiin Baha Yeruusaaleem torbanootaaf turetu wal-waraanuutti geeddarame.
Hamaas Israa’eliin naannoo qulqullaa’aa Musliimonniifi Yihudoonni kabajan Baha Yeruusaalemii akka baatu erga akeekkachiiseen booda rookeetii dhukaasuu jalqabe.
Lola kanaan namoota 232 Gaazaatti du’an keessaa 100 ol dubartootaa fi daa’immanidha. Israa’el garuu Gaazaatti kan ajjeefaman 150 ol hidhattoota dha jetti. Hamaas loltoonni meeqa akka jalaa du’an hin ibsine.
Israa’el keessatti namoonni 12 yoo ajjeefaman isaan keessaa lama daa’immani dha. Hidhattoonni Gaazaa jiran rookkeettiiwwan 4,000 tahan gara daangaashee darbachuu himteetti.
Jarri gama lachuu maal jedhan?
Kaabineen Nageenyaa Israa’el,’’yaada dhukaasa dhaabuu ifatti otoo hin himiin fudhannee,’’ jedheera.
Qondaalli olaanaa siyaasaa,’’ haalli qabatamaan lafarraa jirummoo duulli kuni itti fufuuf dhiisuusaa murteessaa,’’ jedhan
Ministarri Ittisaa Beenii Gaanz haleellaan Gaazaa ‘’bu’aa waraanaa addaa nuu argamsiisee,’’ jedhan.
Hamaas gama isaatiin labsiin dhukaasa dhaabuu gama Israa’eliin dhufuun Paalastaayeniif ‘injifannoo dha, Ministira Mummee Israa’el Beenjaamiin Netaanyaahuuf immoo mo’amuu dha,' jechuun Associated Prees tti himeera.
Dhukaasni erga dhaabbatee yeroo gabaabaa booda lammiileen Paalastaayin konkolaataafi lafoon daandii Gaazaatti bahanii ‘injifannoo’ ayyaaneffachaa turan.
Sagalee guddiftoonni masjiidarraa dhagahaman, ’’injifannoon dirree Yeruusaaleem weeraramte irraatti argameera,’’ waan jedhu dhageessisaniiru.
Tahus dubbii himaan idila addunyaa Hamaas Baaseem Naa’im dhukaasa dhaabuun kuni waaraa tahu nan shakkaa jedheera.
‘’Paalastaayin haqa otoo hin argatiin, weerara Israa’el otoo hin dhaabsisiiniifi ajjeechaan Israa’el ummata keenya Yeruusaaleem jirurraa otoo hin dhaabbatiin dhukaasa dhaabuun hojjechuu dhiisuu mala,’’ jedhe.
Miseensi waajjira siyaasaa Hamaas Izaat al-Reeshiiq Israa’elirratti akeekkachiisa baaseera.
‘’Lolli kuni har’a dhaabbateera garuu Netaanyaahuu fi addunyaan hundi kan beekuu qabu harki keenyi qawwee keenyarra jira. Humna diddaa keenyaa guddisuu mala,’’ jechuun Rooyitarsitti himeera.
‘’Netaanyaahuufi waraanasaatti kan himnu, deebitanii yoo dhuftan, nutis deebinee dhufna,’’ jedheera.