Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ameerikaan Israa'eeliif gargaarsa hangamii kenniti?
Ameerikaan Israa'eeliif gargaarsa kennitu ilaalchisee waliigaltee waggoota kudhan kudhaniin mallatteessan kan qaban yoo ta'u, waliigalteen marroo sadaffaa bara 2019 ka'ee hanga bara 2028 fulla'un Israa'eel deeggarsa biiliyoona 38 US irraa argatti.
Waliigaltee kanaanis Ameerikaan waliigalatti gargaarsa waraanaa doolaara Biiliyoona 38'tti tilmaamamu Israa'eeliif kennitii jedha barruun Congressional Research Service bara 2020'tti maxxanfame.
Haata'u malee Dimookraatonni osoo hin hafiin hanga deeggarsaa Ameerikaan Israa'eeliif kennitu ilaalchisee Pireezidant Joo Baayidan irratti gaaffii kaasaa jiru.
Bara 2020 keessa qofa Israa'eel waraana ishee cimsuuf kan oolu deeggarsa biiliyoona 3.8 ta'u Ameerikaarraa argatteetti akka barruu Congressional Research Service'tti.
Senaatarri Ameerikaa Bernii Saanders ''deeggarsa waraanaa waggaatti biiliyoona afuritti siiqu Israa'eeliif kennamu kana xiyyeeffannoon ilaaluu qabna,'' jedhan.
Bara 2020 keessa deeggarsi Ameerikaan Israa'eeliif gumaachite biiliyoona 3.8 yoo ta'u, kun qaama waadaa bulchiinsi Baaraak Obaamaan Israa'eeliif galaniiti. Waadaan kunis hanga bara 2028'tti kan itti fufudha.
Harki caalaan deeggarsa kanaa humna waraanaa jabeessuuf kan oolu yoo ta'u, kunis Israa'eel humna waraanaa ammayyaa addunyaa kanaa muraasa keessaa tokko akka taatu gargaareera.
Israa'eel deeggarsa argattuun xiyyaarota waraanaa F-35 jedhaman bitatti. Bara 2020 keessa Israa'eel deeggarsa doolaara miiliyoona 500 Ameerikaarraa argatteen ittisa misaayelaa ishee jabeeffatteetti.
Kun ammoo teeknoolojii ishee farra misaayelii Iron Dome jedhamu dabalata. Teknoolojiin kun misaayeloonni osoo qilleensarra jiranii fashalsa.
Erga lolli Israa'eeliifi Gaazaa torban wiixata darbee eegalee rookeettiiwwan 3,000 ol Gaazaarraa magaalota Israa'eel garaagaraatti dhukaafaman keessaa %90 fashalsuu isaatu gama Israa'eeliin gabaafamaa jira.
Teeknoolijii Israa'eel kanaaf Ameerikaan erga bara 2011 doolaara biiliyoona 1.6 gumaachiteetti.
Israa'eel erga Waraana Addunyaa Lammaffaatii as waliigalatti biyya deeggarsa idiladdunyaa isa guddaa Ameerikaarraa argattedha.
Gama kaaniin Pireezidant Baayidan Ejensii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii baqattoota Paalistaayin deeggaruuf, doolaara miiliyoona 235 Tiraamp bulchiinsa isaanii jalatti bara 2018 adda kutanii turan itti fufsiisaniiru.
Waliigaltee deeggarsaa US fi Israa'eel bara 2016 haaromfamee fi hanga bara 2028 turuun, Israa'eel deeggarsa waraanaa maallaqa doolaara biiliyoona 33 argattuun dabalataan, doolaara biiliyoona shan ammoo ittisa misaayelaaf argatti.
Waliigaltee waggootaa 10 marroo lammataa bara 2018'tti xumurameen Israa'eel deeggarsa doolaara biiliyoona 30 argatteetti.
Deeggarsa kanarraa kan ka'ees Israa'eel biyya addunyaa jalqabaa xiyyaara waraanaa ammayyaa F-35 omisha humna ittisaa Ameerikaa dhaloota shanaffaa ta'ee fayyadamteedha.
Xiyyaarri waraanaa kun xiyyaara teeknoolojii ammayyaa fayyadamuun qixxee hin qabneedha jedhama.
Hanga ammaatti Israa'eel gosa xiyyaara kanaa 50 waliigalteewwan adda addaa sadiin deeggarsa Ameerikaan bitatteetti.
Bittaa meeshaa waraanaa Ameerikaan tibba kana hayyamte
Ameerikaan gurgurtaa meeshaalee waraanaa gurguddoo doolaara miiliyoona 735 ta'u Israa'eel gaafatteef hayyamteetti.
Pireezidant Joo Baayidan bittaa meeshaa waraanaa kanaaf hayyama kennuu isaanii Waashingitan Poost gabaaseera.
Meeshaaleen waraanaa Israa'eel Ameerikaarraa bitaachuuf jettu kun, bakka xiyyeeffannoo adda baasanii warra haleeluu danda'aniidha.
Akka gabaasa kanaatti Koongireesiin Ameerikaa waayee bittaa kanaa kan beeksifame lolli haaraan Israa'eeliifi Paalistaayin gidduu eegaluu torbee tokko duradha.
Miseensonni dhaaba Baayidan gariin gurgurtaa meeshaa kanaa qeeqaa akka jiran barruun kun gabaaseera.
Dimookraatiin miseensa koree dhimma alaa ta'an barruu kanatti yoo himan, ''Israa'eel waraana dhaabuun akka waliigaltu osoo dhiibbaa hin godhiin, boombiiwwan ismaart jedhaman kana gurguruun walfixinsi akka itti fufu godha,'' jedhan.