Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Israa'el-Gaazaa: Sirni ittisa haleellaa qilleensaa Israa'el 'Iron Dome' jedhamu maali?
Walitti bu'insa tibbana Israa'eliifi Paalistaayinoota jidduutti ka'een, Hamaasii fi gareewwan hidhattootaa Paalistaayinootaan, rookkeettiwwan 1,500 gara Israa'eliitti dhukaafamuu waraanni Israa'el beeksiise.
Haata'u malee garri caalu rokkeettiiwwan kanneenii samiidhumarra osoo jiranuu sirna ittisa Israa'el haguugu, 'Iron Dome' jedhamuun rukutamuun fashalaa'u.
Qondaaltoonni Israa'el akka jedhaniitti sirni kun rookkeettiin osoo magaalota ummanni baayyinaan jiru hin gahiin dura qilleensarratti fashaleessuu irratti milkaa'ina parsantaa 90 qaba jedhu.
Sirni ittisa haleellaa qilleensaa kun attamiin hojjata?
Sirni mala ittisa haleellaa qilleensaa kun qaama sirnoota ittisa misaa'elii isa guddaa Israa'eel qabdu keessaa yoo ta'u, baasiin dolaara biiliyoonotaa itti baafameera.
Sirnichis rookkeettiiwwan gara sana dhaqan adda baasuuf raadarootatti fayyadama. Achinis fashaleessuuf misaa'eloota lama itti dhukaasa.
Teknolojiin kun misaa'eloota balaa qaqqabsiisuu malaniifi kanneen galmasaanii hindhoofne adda baasa.
Kanaafuu rookkeettiiwwan gara magaalaawwaniitti adeemaa jiran qofatu meeshaa kanaan akka rukutaman taasifamusaatu sirnicha caalaa baasii akka qusatu taasise.
Dhukaasni rokkeettiiwwan gara sanatti dhokaafaman fashaleessuuf taasifaman tokkoon tokkosaanii dolaara 150,000 akka gaafatu gaazexaan 'Times of Israel' gabaaseera.
Sirni kun attamiin hojjatame?
Sirni ittisa haleellaa qilleensaa kun lola bara 2006tti Israa'el garee Islaamummaa leellisaniifi kibba Liibaanan keessatti bu'ureeffatan Hezbollaah waliin taasifteen wal qabata.
Rookkeettiiwwan kumaatamni Hezbollaah yeroos gara Israa'eliitti dhukaasee badiinsaafi du'a hedduu qaqqabsiisee ture.
Waggaan booda dhaabbata ittisaa mootummaan hoogganamu, Rafael Advanced Defense Systems jedhamu akka ittisa misaa'elotaa haaraa tolchuuf labsite.
Pirojaktichi Ameerikaarraa deeggarsa fandii miliyoona $200 ol argate.
Qorannoo fi gabbisa waggootaan boodas, sirnichi yeroo jalqabaatiif bara 2011tti yaalame. Yaalii kanaanis misaa'elli magaalaa Beersheba'tti wayita dhokaafametti dhawee kuffiseera.
Sirnichi mudaa qabaa?
Hojjettoonni fayyaa Israa'el akka jedhaniitti, lola ammaa kanaan rokkeettiiwwan Gaazaa irraa gara Israa'eliitti dhukaafaman daa'imman lama dabalatee namoota torba ajjeesseera.
Gama biraan ammoo haleellaa Israa'el raawwatteen Gaazaa keessatti yoo xinnaate daa'imman 17 dabalatee namoonni 83 ajjeefamuu aanga'oonni fayyaa Paalistaayin himan.
Haleellaawwan hedduu silaa du'a hedduu qaqqabsiisuu malan irraa sirni ittisa haleellaa qilleensaa kun, haguugee oolchuurratti shakkiin hinjiru. Haatahu malee, sirni kun guutummaatti misaayela hunda dhawee kuffisuu kan danda'u miti.
Xinxalaan dhimmoota Siyaasaa BBC Joonaataan Maarkas, meeshaaleen ittisaa Magaalaa Ashkelonitti argaman, wayita lola tibbanaa Israa'eliifi hidhattoota Gaazaan, sababii tekinikaatiin waan bade fakkaata jechuun gabaase.
Qeeqxoonni muraasnis tarii Israa'eel yoo gara fuulduraatti diinoota garaa garaa ishee mudate dandeettiin sirnichi parsantaa 90 haleellaa qilleensaa ni fashaleessa jedhu mormisiisaadha jedhu.
Gulaalaan dhimmoota waraanaa 'The Jerusalem Post' Yonaah Jaremii Boob akka jedhuutti, Hezibollaan sa'aatii muraasa keessatti misaa'eloota hedduu dhokaasuuf dandeettii qaba. Kunis sirnichi rookkeettiiwwan dhukaafaman hunda fashaleessuuf rakkisaa itti ta'uu mala jedha.
Israa'eloonni bakka waldhabdeen kun dhalateetti jiraatan, sirnichi lubbuusaanii oolchuu danda'usaatti baayyee gammadu.
Haata'u malee Dr Yo'aav Firomar saayintisitiin siyaasaa Yunvarsitii Tel Aviiv irraa akka jedhaniitti, sirni haleellaa qilleensaa fashaleessuu kun Israa'eel waldhabdee kanaaf fala yeroo dheeraa akka hinbarbaadne taasiseera.
''Wanti nama dhibu, milkaa'inni sirna haleellaa qilleensaa ittisu kanaa kufaatii imaammata alaa biyyattiif gumaacha godha. Kufaatiin imaammata biyyaa alaammoo, muddamni akka dhalatuuf sababa duraati,'' jechuun BBCtti himan.
"Waggoota hedduun boodas, ammallee geengoo hokkora dhuma hinqabne walfakkaataan danqamneera.''