Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lola Israa'eel-Filisxeem: Gareen hidhattootaa Filisxeem kan Gaazaa bulchu Hamaas eenyu?
Hamaas gareewwan milishaa Islaamaa Filisxeemootaa Gaazaa bulchan hedduu keessaa isa guddaadha.
Moggaasni Hamaas jedhu kan dhufe gabaajee Afaan Arabaa Sochii Diddaa Islaamummaa irraati. Kunis kan dhalate wayita intifaadaa ykn fincila Filisxeem jalqabaa jedhamuun beekamu 1987 irratti.
Intifaadaan kun Israa'eel Weest Baankiifi Qarqara Gaazaatti qubachiisuu eegaltu kan eegalamedha.
Hamaas chaaratara hundeeffamasaa keessatti Israa'el lafarraa balleessuuf galmasaa godhatee kahe. Haata'u malee, deeggartoota isaatiin Hamaas akka sochii diddaa seera qabeessaatti ilaalama.
Jalqabarratti gareen kun kaayyoo lama qabu ture; inni duraa damee birgeedii loltoota isaatiin Israa'el irratti lola hidhannoo gaggeessuu yoo ta'u, inni lammaffaan ammoo Filisxeemootaaf tajaajila hawaasummaa dhiyyeessuudha.
Garuu erga 2005 kaasee wayita Israa'eel qubattootaafi loltoota ishee Gaazaa keessaa baafteetti, Hamaas kallattiidhaan siyaasa Filisxemoota keessatti hirmaachuu eegale. Filannoo waggaan booda gaggeeffameenis yeroo jalqabaatiif garee Islaamaa biyyoota Arabaatti karaa sagaleetiin filannoo mo'ate ta'e.
Loltoonni Hamaas Israa'eel waliin waraana sadii wal waraananiiru. Dameen waraanaa Hamaasis biyyoota akka Israa'eel, Ameerikaa, Gamtaa Awuroppaa fi UKn akka garee shororkeessaatti farajameera.
Haleellaa boombii badanii balleessuu
Waliigaltee nagaa jalqaba bara 1990 irratti Israa'eeliifi Dhaabbata Bilisummaa Filisxeemootaa (PLO) jidduu ture hin fudhadhu erga jedheen booda dhiibbaan Hamaas dabalaa dhufe.
Hamaas haleellaawwan badanii balleessuu raawwateen lammiilee Israa'eel hedduun ajjeeffamaniiru.
Bara 1995tti ajjeechaa nama bombii Hamaasiif hojjataa ture Yaahiyaa Ayishaa hordofuun, tarkaanfii deebii badanii balleessuu Hamaas fudhateen lammileen Israa'eel 60n ajjeeffaman.
Israa'eeliifi Filisxeemoota jidduutti nagaa buusuuf yaaliiwwan hedduun gaggeeffamanii turan.
Waliigaltee qaamoolee lamaan jidduutti Oslootti taasifameen booda haleellaawwan boombii Hamaas raawwatuun Israa'eel waliigaltichaan akka hinabboomamne taatee jirti.
Pirezidaantiin Ameerikaa yeroo sanaa Biil Kilintan aanga'oota gareewwan lamaanii Ameerikaatti waamuun dubbisanilleen osoo hin milkaa'iin hafeera.
Isaan boodas waraanni Hamaasiifi Israa'eel yeroo lammataatiif lola keessa galan. Lolli kunis bara 2000 hanga 2005 kan gaggeeffame ture.
Tibba kana keessattis beekamtiin Hamaas dabalaa adeeme. Bu'uuraalee misoomaa bulchiinsi Filisxeemootaa guutuuf hindandeenyee Hamaas ummataaf raawwachuu danda'e.
Bara 2004tti ammoo aanga'aan Hamaas Sheek Ahimad Yaasiinii fi isaan bakka bu'u jedhamaniin kan eegamaa turan Abdul Aziiz misaa'eelii Israa'eeliin Gaazaa keessatti ajjeefaman.
Waggaadhuma walfakkaatuuttis hoogganaan PLO Yaasiir Arafaat du'aan boqatan. Hoogganaan Filisxeem ammaa Mohaammad Abbaas kan aangootti dhufan yeroo sana ture.
Chaartarii Hamaas bara 1988
Chaartariin Hamaas kan bara 1988 daangaa Filisxeem bakka amma Israa'eel irratti argamtu kan hammatuudha. Lafti kan Islaamaati, haga kun hintaaneetti warra Yihudootaa waliin nagaan omaatu jiraachuu hindanda'u jedha.
Walitti bu'insa qaamoolee lamaan kanneen jidduutti uumameen gama lamaaniyyuu du'aafi miidhaa hedduun kan mudate yoo ta'u, carraan waldhabdeen kana haala salphaatti furuun hindanda'amne olaanaadha.
Israa'el biyya dandeettii waraanaa olaanaa qabduudha. Humni qilleensaa ishees yoo ta'e kan addunyaarratti dorgomudha.
Xiyyaaroonni nama-maleeyyii ta'aniifi malawwan ragaa sassaabuu adda addaatti fayyadamuun Israa'eel eddoowwan Gaazaa hedduutti haleellaa raawwattee jirti.
Israa'eel haleellaawwan kanneen kanan raawwadhu gamoowwan Hamaasiifi mankaraaristoonni Islaamaa itti fayyadaman irratti xiyyeeffachuun malee lammiilee nagaa irratti kan xiyyeeffate miti jetti.
Hamaasiifi gareewwan Islaamaa humna waraanaa Israa'eeliin wal biratti qabamee tilmaamni gadaanaan kan keennamuuf ta'ulleen, Israa'eeliin haleeluuf meeshaa gahaa qabu. Hanga ammaattis haleellaawwan garaa garaa raawwataniiru.
Loltoonni Israa'eel dhiheenya kana xiyyaarri nama-maleessa tokko Gaazaa irraa gara Israa'eel seenuuf osoo jedhu Israa'eel rukuttee kuffistee jirti.
Dubbi-himaan waraana Israa'eel tokko ammoo, ''miseensonni Hamaas leenjii olaanaa fudhatan yaa'aa lafa jalaatiin fayyadamuun gara Kibba Israa'eeliitti seenuuf yaalusaanii'' himee ture. Haata'u malee raayyaan Israa'eel dursee odeeffannoon qaqqabee, osoo Israa'eel hinseeniin dura daandiisaanii jalaa dhooseera.
Meeshaalee loltoonni Filisxeemootaa hidhatan hedduu keessaa tokko misaa'elii lafarra dhukaafamu isa murteessaadha jedhama. Hedduunsaanii kan karaa Masriitiin boolla gammoojjii Siinaayiin qotamaniin dhoksaan galan jedhama.
Gama biraatiin ammoo meeshaaleen waraanaa ammayyaa'oon Hamaas fi gareewwan Isilaamaa kaan itti fayyadaman irra caalli achuma Gaazaa keessatti bakkeewwan icciitiitti kan omishamaniidha.
Maddeen Israa'eeliifi kanneen biyya alaa kaan ammoo meeshaaleen kunneen deeggarsa Iraaniin kan omishaman ta'uu amanu. Kanaafidha Israa'eel lafa meeshaaleen kunneen itti omishamu jechuun yaaddu irratti haleellaa qilleensaa raawwataa kan jirtu.
Kuusaan meeshaa waraanaa gama Hamaasiin jiru maal akka fakkaatu hin beekamu. Haata'u malee Hamaas meeshaalee tajaajiilaafi dandeettii adda addaa qaban kumaatamaan lakkaa'aman akka qabu amanama.
Israa'eel gama isheetiin meeshaaleen kunneen hangam akka ta'aniifi amma miidhaa qaqqabsiisuu danda'aniirratti ragaa akka qabdu tilmaamamulleen, ifatti ibsuuf garuu hayyamoo miti.
Dubbi-himaan waraana Israa'eel gama isaatiin meeshaawwan kunneen hangam akka ta'an osoo hineeriin, garuu ammoo Hamaas meeshaalee walfakkaatan fayyadamuun yeroo dheeraaf haleellaa raawwachuuf dandeettii akka qabu ibseera.
Filisxeemoonni ammatti misaa'eloota gosa adda addaa hojiirra olchaa jiru. Ta'us garuu meeshaalee waraanaa baayyee ammayyaa'oo ta'aniitti hinfayyadamne. Ta'us hojii misaa'eloota fageeenya dheeraa deemaniifi dhohiinsa olaanaa uuman irratti xiyyeeffataniiru.
Qoqqobbii kaa'aman...
Hamaas bara 2006tti filannoo keessatti hirmaachuuf murteessuun isaa sochii kanaaf jijjiirama olaanaadha.
Haata'u malee, mootummaan haaraa garuu Israa'eeliin biyyoota michuu ishee irraa qoqqobbiiwwan dinagdeefi dippilomaasii cimaa jala ture.
Erga Hamaas humnoota Faataaf amanamoo ta'an bara 2007tti Gaazaa keessaa baaseen booda, Israa'eel daangaarratti uggura ishee waan cimsteef, Filisxeemoonni rookkeettii dhokaasuufi Israa'eel ammoo haleellaa qilleensaa itti fufe.
Israa'el haleellaawwan gara daangaa sanaan dhufu hundaaf Hamaas ittigaafatamaa taasisuun duula waraanaa gurguddaa sadii Gaazaa keessatti geggeessuun lolli daangaa qaxxaamuree akka gaggeeffamu ta'eera.
Muddee 2008 keessa Israa'eel tarkaanfii waraanaa haleellaa rokkeettii dhaabsiisuuf jedhu gaggeessitee turte. Lola guyyoota 22f taasifame kanaanis Filisxeemoonni 1,300 fi lammiileen Israa'eel 13 ajjeeffamanii turan.
Akkasumas Muddee bara 2012tti tarkaanfii walfakkaatu fudhachuuf Israa'eel sababiidhuma wal fakkaatu eertee turte. Tarkaanfichis haleellaa qilleensaatiin kan eegale yoo ta'u, ajajaa Birgeedii Qaasaam kan turan Ahimad Jaabaari ajjeefte.
Lola ala kana guyyoota saddeetiif gaggeeffameen ammoo Filisxeemoonni irra jireessi isaanii namoota nagaa ta'an 170 fi Israa'eeloonni jaha ajjeefamanii ture.
Maddeen Filisxeemootaa akka jedhaniitti Hamaas erga walitti bu'iinsichi dhaabbateen booda gara Israa'eeliitti rookkeettii dhukaasuun Birgeedii Qaasaamiitti makamuurraa akka of qusate himama.
Haata'u malee gareewwan milishootaa itti dorgoman kaan biratti warra Filisxeemootaatiin Israa'eeliin looluuf akka duubatti jedheetti akka hin ilaalamneef jecha rookkeettii dhukaasuurraa guutummaatti hinqusanne ture.
Keessattuu jidduu Waxabajjii 2014tti tibba Israa'eel dargaggoota Israa'eel ajjeeffaman sadii barbaacha miseensoota Hamaas hedduu Weesti Baankii guutuutti hiitee turteetti, rookkeettii dhukaasuun dabalee ture.
Achumaanis erga bara 2012tiin as Hamaas yeroo jalqabaatiif Adooleessa 7tti rookkeettii gara Israa'eeliitti dhukaasuuf itti gaafatamummaa fudhate. Isaan boodas Hamaasiifi Israa'eel baatiiwwaniif lola walitti fufaa gaggeessan.
Lolichis guyyoota 50n booda waliigaltee dhukaasa dhaabutiin xumurame. Akka UN jedhetti, lola sanaan namoota nagaa 1,486 ol dabalatee, Filisxeemoonni 2,189 ajjeefamaniiru.
Gama Israa'eeliin ammoo, namoonni nagaafi loltoonni 67 ajjeefamanii turan.
Tibanna ammoo waldhabdeen Israa'eeliifi Filisxeemoota jidduutti umame akka haaraatti erga eegalee torban tokko darbeera.